Masaraa Eegumsaa Afaan Salphaa Taʼeen Qopheessuun Kan Barbaachise Maaliifi?
NAMOONNI addunyaa maratti argaman waggoota hedduudhaaf barruu Masaraa Eegumsaa barumsa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe qabate dubbisuudhaan faayidaa argachaa turaniiru. Adoolessa 2011ttimmoo yeroo jalqabaatiif maxxansi qayyabannaa afaan salphaa taʼeen qophaaʼe Ingiliffaan maxxanfamuu jalqabe. Maxxansi kun ibsa akkas jedhu qabatee ture: “Maxxansi haaraan kun, waggaa tokkoof yaaliidhaaf kan maxxanfamu siʼa taʼu, buʼa qabeessa yoo taʼemmoo maxxanfamuusaa itti fufa.”
Yeroo ammaa Qaamni Olaanaan maxxansi kun akka itti fufu murteessuusaa yommuu isin beeksisnu gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama! Kana malees maxxansi afaan salphaatiin qophaaʼu kun afaan Faransaay, Poortugaaliifi afaan Ispaanishiitiin ni baʼa.
JAALLATAMAA KAN TAʼE MAALIIFI?
Obboloonni misiyoonota taʼanii Kibba Paasifiikitti tajaajilan hedduun maxxansa afaan salphaatiin qophaaʼe kana erga argatanii booda, “Amma obboloonni yaada Masaraa Eegumsaa guutummaatti hubachuu dandaʼaniiru” jechuudhaan gabaasaniiru. Xalayaan kan biraammoo akkas jedha: “Yeroon kanaan dura hiika jechootaafi yaadasaanii beekuuf dabarsinu, amma caqasoonni barumsichaa wajjin akkamitti akka wal qabatan hubachuuf itti fayyadamna.”
Obboleettiin Yunaayitid Isteetisitti kolleejjiidhaa eebbifamte tokko akkas jetteetti: “Afaan barumsa sadarkaa olaanaa isa wal xaxaa taʼeen dubbachuufi barreessuudhaan waggaa 18 dabarseera. Utuu hin barbaachisin, jechuunis karaa wal xaxaa taʼeen dubbachuufi yaaduu amaleeffadheen ture. Akkaataan ittiin yaaduufi dubbadhurratti jijjiirama guddaa gochuun akka na barbaachisu hubadheera.” Yeroo ammaa labsituu buʼa qabeettii kan taate siʼa taʼu akkas jetteetti: “Masaraan Eegumsaa afaan salphaatiin qophaaʼe gargaarsa guddaa kan kennudha. Akkaataan inni itti qophaaʼe haala salphaa taʼeen wantoota akkamitti ibsuu akkan dandaʼu fakkeenya guddaa naaf taʼeera.”
Obboleettiin biyya Ingilaandi bara 1972tti cuuphamte tokko Masaraa Eegumsaa afaan salphaatiin qophaaʼe ilaalchisee akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Akkuman maxxansa jalqabaa dubbiseen, Yihowaan akka harkasaa gatiittii koorra kaaʼee waliin dubbisaa jiruutti natti dhagaʼame. Akkuma abbaan tokko yeroo mucaansaa rafuuf jedhu seenaa isaaf dubbisuuti.”
Obboleettiin Betʼel Yunaayitid Isteetis keessatti argamutti tajaajiltuufi waggaa 40 dura cuuphamte tokko, maxxansi afaan salphaa taʼeen qophaaʼe hubannaa haaraa akka isheedhaaf argamsiise dubbatteetti. Fakkeenyaaf, saanduqni, “Jechoota Ibsaman Tokko Tokko” jedhuufi maxxansa Fulbaana 15, 2011rratti baʼe yaada “dhuga-baatota akka duumessaa” jedhuufi Ibroota 12:1rra jiru jechoota armaan gadiitiin ibseera: “Namoonni kun hedduu waan taʼaniif, lakkaaʼamanii kan hin dhumnedha.” Obboleettiin kun akkas jetteetti: “Kun caqasa kana akka gaariitti hubachuuf na gargaareera.” Itti dabaluudhaanis walgaʼii torban torbaniin godhamu ilaalchisee akkas jetteetti: “Ijoolleen xixinnoonillee maxxansa afaan salphaatiin qophaaʼerraa kallattiidhaan deebisu; jechoonni maxxansa kanarra jiran jechoota maxxansa Masaraa Eegumsaa kaanirraa addadha. Kanaaf yaanni ijoolleen kennan dhaggeeffattootatti baayʼee kan toludha.”
Obboleettiin Betʼel keessatti tajaajiltu tokkos akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Yaada ijoollee xixinnoon gumii keessatti kennan dhaggeeffachuuf hawwii guddaadhaanan eega. Maxxansi Masaraa Eegumsaa afaan salphaatiin qophaaʼe yaadasaanii amanannaa akkasiitiin akka ibsan isaan gargaareera. Yaadni isaan kennan na jajjabeesseera.”
Obboleettiin bara 1984tti cuuphamte tokko dinqisiifannaa maxxansa kanaaf qabdu akkas jechuudhaan ibsiteetti: “Akkuma anaaf jedhamee barreeffametti natti dhagaʼama. Waanan dubbisu salphaatti akkan hubadhu na gargaareera. Yeroo qayyabannaa Masaraa Eegumsaatti deebii kennuuf amanannaa qabaachuu akkan dandaʼu na gargaareera.”
MAATIIWWANIIF GARGAARSA GUDDAA TAʼEERA
Haati mucaa umrii waggaa torbaa qabdu tokko akkas jetteetti: “Yeroo Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa qophoofnu himoota hedduu isaaf ibsuun yeroo dheeraa kan fudhatuufi dadhabsiisaa ture.” Maarree maxxansi haaraan kun kan ishee gargaare akkamitti? Akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Keeyyatoota dubbisuurratti hirmaachuu kan jalqabe siʼa taʼu, yaadasaaniis hubachuu kan dandaʼe taʼuusaa arguun baayʼee na ajaaʼibsiiseera. Jechoonni achirra jiran kan nama hin rakkisneefi himoonnisaaniis gaggabaaboo waan taʼaniif sodaan isatti hin dhagaʼamu. Yaada walgaʼiirratti kennuuf utuu ani isa hin gargaarin ofumasaatiin qophaaʼu kan jalqabe yommuu taʼu, qayyabannaan geggeeffamee hanga xumuramutti xiyyeeffannaasaa barreeffamicharra godha.”
Haati intala umrii waggaa sagalii qabdu tokko akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Kanaan dura yaada isheen kennituuf nutu ishee qopheessa ture. Amma garuu ofumaan qophoofti. Yaada tokko ykn barumsicha isheedhaaf ibsuuf yeroon isheedhaa wajjin dabarsinu muraasadha. Dandeettiisheetii ol waan hin taaneef, amma Qayyabannaa Masaraa Eegumsaarratti miira hoʼaadhaan hirmaatti.”
IJOOLLEETTI MAALTU DHAGAʼAMA?
Ijoolleen baayʼeen Masaraan Eegumsaa afaan salphaatiin qophaaʼe keessumaa isaaniif akka qopheeffame itti dhagaʼama. Rebeekaa intalli umrii waggaa 12 akkas jetteetti: “Maaloo maxxansi haaraan kun akka itti fufu godhaa! Karaa isin kutaa ‘Jechoota Ibsaman Tokko Tokko’ jedhu itti qopheessitan baayʼee jaalladheera. Kun ijoolleedhaaf baayʼee salphaa kan taʼedha.”
Niikooleet ishee umrii waggaa torbaattis miira akkasiitu dhagaʼama: “Kanaan dura yaada Masaraa Eegumsaa hubachuun baayʼee na rakkisa ture. Amma garuu ofuma kootiin yaada hedduu kennuu nan dandaʼa.” Eemaa isheen umrii waggaa sagaliimmoo akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Maxxansi kun anaafi obboleessakoo isa umrii waggaa jaʼaa baayʼee gargaareera. Wanta hedduu akka gaariitti hubachuu dandeenyeerra! Galatoomaa!”
Obboloonni hedduun maxxansa Masaraa Eegumsaa himoota salphaa taʼaniin qophaaʼerraa faayidaa akka argatan kanarraa ifatti hubachuun ni dandaʼama. Maxxansi kun fedhii namootaa kan guutu waan taʼeef maxxansa isa bara 1879 kaasee maxxanfamuu jalqabee wajjin baʼuusaa itti fufa.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 30rra jiru]
“Yeroon kanaan dura hiika jechootaafi yaadasaanii beekuuf dabarsinu, amma caqasoonni barumsichaa wajjin akkamitti akka wal qabatan hubachuuf itti fayyadamna”
[Fakkii fuula 31rra jiru]
“Keeyyatoota dubbisuurratti hirmaachuu kan jalqabe siʼa taʼu, yaadasaaniis hubachuu kan dandaʼe taʼuusaa arguun baayʼee na ajaaʼibsiiseera”