Macaafa Qulqulluurraa Baradhu
Waaqayyo Jaarmiyaa Qabaachuun Kan Isa Barbaachise Maaliifi?
Matadureen kun yaadawwan gaaffii sitti taʼuu dandaʼan kan kaasu siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu keerraa deebiisaanii bakka kamitti argachuu akka dandeessu ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.
1. Waaqayyo saba Israaʼeliin kan gurmeesse maaliifi?
Waaqayyo sanyii Abrahaam isa abbaa amantii erga gurmeessee booda seera ittiin bulmaataa kenneefii ture. Saba sanas Israaʼel jedhee kan waame siʼa taʼu, waaqeffannaa dhugaafi Caaffata Qulqullaaʼoo akka eegan itti gaafatamummaa kenneeraaf. (Faarfannaa 147:19, 20) Karaa kanaan sabni biyya lafaa hundinuu faayidaa argatu.—Uumama 22:18 dubbisi.
Waaqayyo, saba Israaʼeliin dhuga baatotasaa godhee filateera. Ennaa abboomamanitti Seera Waaqayyoorraa faayidaa argatu turan. (Keessa Deebii 4:6) Nutis seenaa saba Israaʼel qoruudhaan, waaʼee Waaqa isa dhugaa waan baayʼee beekuu dandeenya.—Isaayaas 43:10, 12 dubbisi.
2. Kiristiyaanonni dhugaan kan gurmaaʼan maaliifi?
Yeroo booda, sabni Israaʼel surraa Waaqayyoo waan dhabeef, Yihowaan saba sana gumii Kiristiyaanaatiin bakka buuseera. (Maatewos 21:43; 23:37, 38) Sanaan dura, sabni Israaʼel Dhuga Baatota Waaqayyoo turan. Ammammoo, Kiristiyaanonni dhugaan Dhuga Baatota Yihowaa taʼanii tajaajilu.—Hojii Ergamootaa 15:14, 17 dubbisi.
Yesus, duuka buutonnisaa waaʼee Yihowaa dhugaa baʼuudhaan saba hundumaa bartoota akka godhaniif isaan gurmeessee ture. (Maatewos 10:7, 11; 24:14; 28:19, 20) Hojiin kun xumuramuuf jedha. Yihowaan yeroo jalqabaatiif, saba hundumaa keessaa namoota miliyoonaan lakkaaʼaman waaqeffannaa dhugaatiin tokko godheera. (Mulʼata 7:9, 10) Yesus, Kiristiyaanonni dhugaan gurmaaʼanii hojjechuudhaan akka wal jajjabeessaniifi akka wal gargaaranis ajajeera. Addunyaa maratti, bakka walgaʼiisaaniitti sagantaa barumsa Macaafa Qulqulluu wal fakkaataa taʼe qabu.—Ibroota 10:24, 25 dubbisi.
3. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo harʼaa hojiisaanii kan jalqaban akkamitti?
Jaarmiyaan Dhuga Baatota Yihowaa inni ammayyaa kan eegale bara 1870mmanittidha. Bartoonni Macaafa Qulqulluu muraasni dhugaa bara dheeraadhaaf badee ture deebisanii argachuu jalqaban. Yesus gumii Kiristaanaa kan gurmeesse akkasaan lallabaniif taʼuusaa hubatanii turan. Kanaaf, duula Mootummaa Waaqayyoo addunyaa maratti labsuu eegalan. Bara 1931tti maqaa Dhuga Baatota Yihowaa jedhamuun waamamuu jalqaban.—Hojii Ergamootaa 1:8; 2:1, 4; 5:42 dubbisi.
4. Yeroo harʼaa Dhugaa Baatonni Yihowaa kan gurmaaʼan akkamitti?
Jaarraa jalqabaatti, gumiin Kiristaanaa biyyoota addaddaa keessatti argamu, Qaama Olaanaa giddu galeessaa Yesusiin akka Mataa gumiitti ilaalurraa fayyadamaniiru. (Hojii Ergamootaa 16:4, 5) Haaluma wal fakkaatuun harʼas, Dhuga Baatonni Yihowaa Yesusiin akka Geggeessaasaaniitti ilaalu. (Maatewos 23:9, 10) Akkasumas, Qaama Olaanaa isa gumiiwwan 100,000 ol taʼaniif Caaffata Qulqullaaʼootti fayyadamee jajjabinaafi qajeelfama kennuudhaan isaan geggeessurraa ni fayyadamu. Gumiiwwan kana hundaa keessatti, dhiironni gaʼumsa qaban jaarsolii gumii ykn ilaaltota olaanaa taʼanii tajaajilu. Dhiironni kun hoolota Waaqayyoo jaalalaan eegu.—1 Phexros 5:2, 3 dubbisi.
Dhugaa Baatonni Yihowaa kan gurmaaʼan misiraachoo lallabuufi bartoota gochuufidha. Namoota bakka hundumaa jiran gargaaruuf jecha, barreeffamoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf gargaaran afaan 500 ol taʼuun hiiku, maxxansu, akkasumas raabsu. Akkuma ergamoota Yesus, isaanis manaa gara manaatti deemanii lallabu. (Hojii Ergamootaa 20:20) Namoota garaa qajeelaa qabaniifi dhugaa jaallataniif dhuunfaadhaan afeerraa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhiheessu. Sabni Yihowaa, Waaqayyoon gammachiisuufi namoota kaan gargaaruu irratti waan xiyyeeffataniif, jaarmiyaa namoota gammadoo taʼan qabate keessa jiru.—Faarfannaa 33:12; Hojii Ergamootaa 20:35 dubbisi.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhuga Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 19ffaa ilaali.