Naataan—Amanamummaadhaan Waaqeffannaa Dhugaa Deggereera
Nama aboo guddaa qabu tokko karaansaa dogoggora taʼuusaafi fooyyaʼuu akka qabu amansiisuun salphaa miti. Salphinarraa ooluuf jedhee nama ajjeesuusaa utuu beekteehoo dogoggorasaa isa amansiisuuf ni yaaltaa?
Daawit Mootichi Israaʼel durii Baat Sheebaa wajjin ejja kan raawwate siʼa taʼu, isheenis ni ulfoofte. Daawit cubbuusaanii dhoksuuf jecha, abbaa manaashee ajjeesisuudhaan Baat-Sheebaa haadha manaasaa godhate. Jireenya fakkeessaa jiraachuudhaan, jiʼoota hedduutiif hojii mootummaa hojjechuusaa akka itti fufe hin shakkisiisu. Yihowaan garuu cubbuun mootiin kun hojjete dhokatee akka hafu hin heyyamne. Daawiti bira dhaqee akka isa amansiisuuf Naataan raajicha isatti erge.
Kun hojii ulfaataadha. Mee bakka Naataan akka jirtu godhii yaadi. Amanamummaan Naataan Yihowaadhaafi qajeelfamasaa hordofuuf qabu, cubbuu Daawit raawwate isatti himuuf akka isa kakaase beekamaadha. Raajiin kun cubbuu Daawit Mootichi raawwate isatti himuufi yaada garaa geddarachuun akka isa barbaachisu isa amansiisuu kan dandaʼu akkamitti?
BARSIISAA MALA QABEESSA
Daqiiqaa muraasa fudhattee 2 Saamuʼel 12:1-25 maaliif hin dubbistu? Naataan isa seenaa kana Daawititti himu akka taate godhii yaadi: “Namoonni lama mandara tokko keessa turan; isaan keessaa inni tokko sooressa, inni kaan immoo hiyyeessa. Inni sooressi hoolota baayʼee fi saawwa baayʼee qaba; inni hiyyeessi garuu ilmoo hoolaa guddifachuuf bitate tokko malee, homaa tokko iyyuu hin qabu; isheen harka isaatiin ilmaan isaa wajjin in guddatte, midhaan inni nyaatu irraa in nyaatti, qodaa inni keessaa dhugu keessaas in dhugdi turte; inni gudeeda isaa irratti ishee in baata, isheenis isa irra in rafti; inni akka intalaatti ishee in ilaala ture. Gaaf tokko keessummaan namicha sooressa sanatti in dhufe; namichi hoolaa fi saawwa baayʼee qabu sana keessaa tokko fuudhee, keessummaa isatti dhufe sanaaf nyaata qopheessuu mararsiifatee, iddoo isaa ilmoo hoolaa namicha hiyyeessaa sana fuudhee qalee keessummichaaf nyaata in qopheesse.”—2 Sam. 12:1-4.
Daawit inni tiksee ture, haalli kun uumamuu akka dandaʼu amanee akka ture hubachuun ni dandaʼama. Namni Macaafa Qulqulluurratti yaada kennu tokko akkas jedheera: “Naataan yeroo baayʼee dhimma namoota miidhaan irra gaʼe mootichatti kan dhiheessu taʼuu hin oolu; Daawit yeroo kanatti Naataan kan dhufe hojii kanaaf akka taʼe yaadee taʼuu dandaʼa.” Utuma akkas taʼeellee, Waaqayyoof amanamaa taʼuufi akkuma kanaan duraatti mootichatti dubbachuun ija jabina gaafata. Seenaan Naataan dubbate Daawitiin baayʼee aarse. Kanaaf, “Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa ti! Namicha akkas godhe sanaaf duʼatu taʼa!” jedhe. Achiis Naataan, “Namni kana godhe si!” jedhee isatti dubbate.—2 Sam. 12:5-7.
Naataan rakkoo kana haala kanaan kan dubbate maaliif akka taʼe yaadi. Nama nama tokkorraa jaalalli isa qabe haallisaa dogoggora akka taʼe akka hubatu gochuun salphaa miti. Hundi keenya gocha dogoggoraa raawwanne tokko sirrii taʼuusaa mirkaneessuuf sababii dhiheessuutti ariifanna. Haataʼu malee fakkeenyi Naataan dubbate Daawit utuu hin beekin gochasaa akka ceephaʼu isa godheera. Mootichi gochi Naataan akka raawwatame dubbate kan nama yeellaasisu taʼuusaa hubateera. Taʼus Naataan fakkeenyichi Daawitiin akka argisiisu kan isatti hime, erga mootichi gocha sana ceephaʼee boodadha. Yeroo kanatti Daawit cubbuunsaa hangam cimaa akka ture hubateera. Kunis adaba isaaf kennamu fudhachuuf akka gaariitti isa qopheesseera. Haala Baat Sheebaa wajjin wal qabateen Yihowaa duratti “wanta hamaa” akka raawwate kan amane taʼuusaarrayyuu, adaba isaaf malu fudhateera.—2 Sam. 12:9-14; ibsa Faarfannaa 51 gararraa jiru.
Kanarraa maal barachuu dandeenya? Namni Macaafa Qulqulluu barsiisu tokko kaayyoonsaa namoonni isa dhaggeeffatan murtoo sirrii taʼerra akka gaʼan gargaaruudha. Naataan haala kabaja argisiisuufi malaan Daawititti dhihaateera. Daawit qajeelinaafi firdii qajeelaa akka jaallatu beeka ture. Raajiin kun fakkeenya kanatti fayyadamee garaa Daawit tuquu dandaʼeera. Nuyis namoonni garaa qajeelaa qaban, ilaalcha Yihowaan wanta tokkoof qabu akka hubatan gargaaruu dandeenya. Akkamitti? Karaa amalaa ykn karaa hafuuraa akka isaan caallu haala argisiisuun utuu hin taʼin, karaa ilaalcha isaan wanta sirrii taʼeef qaban harkisuun isaanitti dubbachuudhaan kana gochuu dandeenya. Wanta sirriifi dogoggora taʼe kan madaallu ilaalcha keenyaan utuu hin taʼin, Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼuudhaanidha.
Wanta kamiyyuu caalaa, Naataan mootii aangoo guddaa qabutti adaba isaaf malu dubbachuuf kan isa dandeessise amanamummaa Waaqayyoof qabu ture. (2 Sam. 12:1) Nuyis amanamummaa kan argisiisnu taanaan, seera buʼuuraa Yihowaa isa qajeelaa taʼeen jabaannee dhaabachuuf ija jabina arganna.
WAAQEFFANNAAN DHUGAA AKKA BABALʼATU GODHEERA
Daawit ilmaansaa keessaa isa tokko Naataan jedhee moggaasuunsaa, Naataaniifi Daawit michoota gaarii akka waliif turan kan argisiisu akka taʼe haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. (1 Sen. 3:1, 5) Naataan yeroo jalqabaatiif Macaafa Qulqulluu keessatti kan ibsame Daawitii wajjinidha. Lamaanuu Yihowaa ni jaallatu. Mootichi mana qulqullummaa Yihowaa ijaaruuf fedhii akka qabu Naataanitti himuunsaa, Daawit wanta inni dubbatutti kan amanu taʼuusaa haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Daawit, “‘Kunoo, ani mana muka gaattiraatiin ijaarame keessan jiraadha, sanduuqi Waaqayyoo garuu dunkaana keessa jira’ jedhe. Kana irratti Naataan immoo mootichaan, ‘Waaqayyo sii wajjin waan jiruuf, ati wanta garaa keetti yaadde hundumaa godhi!’ jedhe.”—2 Sam. 7:2, 3.
Naataan amanamummaadhaan Yihowaa kan waaqeffatu waan tureef, karoora Daawit handhuura waaqeffannaa dhugaa dhaabbataa taʼe isa jalqabaa lafarratti ijaaruuf qabu garaa guutuudhaan deggereera. Haataʼu malee, yeroo sanatti Naataan maqaa Yihowaatiin dubbachuu mannaa miirasaa akka isaaf ibsuusaa ture. Gaafa sana galgala, Waaqayyo Naataan ergaa adda taʼe mootichatti akka himu isa ajajeera: Mana qulqullummaa Yihowaa kan ijaaru Daawit miti. Kan ijaaru ilmaan Daawit keessaa isa tokkodha. Taʼus Naataan, Waaqayyo Daawitiif kakuu akka galeefi teessoonsaa ‘barabaraan jabaatee akka dhaabatu’ dubbateera.—2 Sam. 7:4-16.
Fedhiin Waaqayyoo wanta Naataan ijaarsa mana qulqullummaa ilaalchisee dubbatee wajjin kan walsimu miti. Haataʼu malee raajiin gad of deebisu kun utuu hin guungumin, kaayyoo Yihowaa fudhachuudhaan deggereera. Yihowaan karaa taʼe tokkoon nu sirreessuu yoo barbaade fakkeenya gaarii nuuf taʼa! Hojiin Naataan sana booda raajii taʼuudhaan raawwate surraan Yihowaa akka isa duukaa ture argisiisa. Yihowaan, Naataaniifi Gaadi isa ilaaltuu wajjin faarfattoota tajaajila mana qulqullummaarratti faarfatan 4,000 akka qindeessu Daawitiin qajeelchuurratti akka isa gargaaran hafuuraan akka isaan geggeesse haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama.—1 Sen. 23:1-5; 2 Sen. 29:25.
MOOTUMMICHAAF DHAABATEERA
Naataan, mootiin Daawit isa dulloome bakka buʼu Solomoon taʼuusaa beeka ture. Kanaaf Naataan, Adoniyaan yeroo Daawit dulloomu teessoosaa karaa sirrii hin taaneen dhaaluuf yommuu yaalii godhetti tarkaanfii murteessaa taʼe fudhateera. Yeroo kanattis Naataan malaafi amanamummaadhaan tarkaanfii fudhateera. Tokkoffaa, Baat Sheebaan ilmisaanii Solomoon mootii akka taʼu kakuu galee ture akka isa yaadachiistu isheetti hime. Achiis, Naataan bakka mootichi jiru seenee Adoniyaan teessoo Daawiti akka dhaalu kan ajaje taʼuusaa isa gaafate. Haala yaaddoo uume kana hubachuudhaan mootiin dulloome kun, Naataaniifi tajaajiltoonnisaa amanamoo taʼan kaan Solomooniin dibanii mootii taʼuusaa akka labsan ajaje. Yaaliin Adoniyaan mootummaa abbaasaa dhaaluuf godhes utuu hin milkaaʼin hafeera.—1 Mot. 1:5-53.
BARREESSAA SEENAA GAD OF DEEBISU
Naataaniifi Gaadi 1 Saamuʼel boqonnaa 25 hanga 31, akkasumas 2 Saamuʼel barreessaniiru. Seenaan achi keessatti galmeeffame, “Daawit mootichi bara mootummaa isaa keessa kan inni hojjete, jalqabaa hamma dhumaatti caaffata Saamuʼel ilaaltichi, Naataan raajichii fi Gaadi ilaaltichi caafan keessatti in argama” jedha. (1 Sen. 29:29) Naataan “wanta Solomoon mootichi . . . hojjete” akka qindeesses ibsameera. (2 Sen. 9:29) Kana jechuunis Naataan erga Daawit duʼee boodayyuu hojii mana mootummaa hojjechuusaa itti fufeera jechuudha.
Wanti waaʼee Naataan beeknu wanta inni barreesse qofadha. Taʼus, dhimmawwan tokko tokko ilaalchisee barreessuu dhiisuunsaa waaʼeesaa waan nutti himu qaba. Naataan nama gad of deebisu waan tureef, seenaa barreesse keessatti maqaasaatiif bakka guddaa kennuu akka hin barbaanne hubachuun ni dandaʼama. Galmeen jechootaa Macaafa Qulqulluu tokko, Naataan Caaffata Qulqullaaʼoo geggeessaa hafuuraatiin barreesse keessatti waaʼee “ofiisaafi hidda dhalootaasaa akka hin caqasne” ibseera. Kanaaf hidda dhalootaa Naataan ykn jireenyasaa ilaalchisee waan beeknu hin qabnu.
AMANAMUMMAA INNI YIHOWAADHAAF QABU ISA KAKAASEERA
Yaada muraasa Caaffata Qulqullaaʼoorratti waaʼeesaa ibsamerraa, Naataan kan gad of deebise taʼullee qophii Waaqayyoo ija jabinaan kan deggeru akka ture hubanneerra. Yihowaan itti gaafatamummaa guddaa kenneeraaf. Amalawwan Naataan, jechuunis Waaqayyoof amanamaa taʼuusaafi dinqisiifannaa guddaa inni ulaagaalee Waaqayyo baaseef qaburratti xiinxali. Amalawwan akkasii argisiisuufis carraaqqii godhi.
Ati mootota ejja raawwatan ykn namoota mootummaa fonqolchan sirreessuuf akka hin ergamne beekamaadha. Taʼus, gargaarsa Waaqayyootiin isaaf amanamaa taʼuufi qajeelfamasaa hordofuu ni dandeessa. Akkasumas nama ija jabeessa, garuu mala qabeessa, dhugaa barsiisuufi waaqeffannaa dhugaa deggeru taʼuu dandeessa.
[Fakkii fuula 25rra jiru]
Naataan malaan Baat Sheebaatti dubbachuudhaan mootummichaaf dhaabateera