LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 2/15 ful. 31-32
  • “Hamma Tokko Adda Taʼee Akkan Ilaalamu Na Godheera”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Hamma Tokko Adda Taʼee Akkan Ilaalamu Na Godheera”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 2/15 ful. 31-32

Kuusaa Keenya Keessaa

“Hamma Tokko Adda Taʼee Akkan Ilaalamu Na Godheera”

Shaariileet Waayit isheen tajaajila yeroo guutuu keessa turte shaanxaa gommaa qabu oofaa Keentaakii, Liwiiveel, Yunaayitid Isteetis Ameerikaa yeroo deemtutti xiyyeeffannaa namootaa harkistee turte.

BARRISAA 1908 siʼa taʼu, Obboleettiin keenya Waayit Daawuun Moobaayilii isa argannoo haaraa taʼe kana oofaa deemuunshee xiyyeeffannaa namootaa harkisee ture. “Namoonni waaʼee miʼa kanaa kan odeessan yeroo taʼu, kunimmoo hamma tokko adda taʼee akkan ilaalamu na godheera” jetteetti.

Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo sanatti Barattoota Macaafa Qulqulluu jedhaman, dhugaa gati jabeessa qorannaa Caaffata Qulqullaaʼoorratti godhameen baratan namootaaf hiruun barbaachisaa akka taʼe hubataniiru. Hedduunsaanii beekumsa kana kan argatan kitaabota Miileeniiyaal Daawuun (yeroo booda Istadiis iin za Iskiriipcharsi jedhame) jedhuun walitti aansuudhaan baʼaniin ture. Kiristiyaanonni bakka fagoo, jechuunis magaalaawwan, mandarootaafi baadiyyaa deemanii namoota kitaabota, “Gargaartuu Barattoota Macaafa Qulqulluu” jedhaman kana dubbisuuf hawwiidhaan eeggataniif raabsaniiru.

Bara 1908, Obboleettiin keenya Waayitiifi labsitoonni Mootummichaa kaan kitaaba jildii jaʼa qabuufi qollisaa huccuudhaan marame doolaara Ameerikaa 1.65⁠iin namaaf kennu turan. Kitaabota kana guyyaadhuma jalqabaa namootaaf kennuu mannaa, warra barbaadan galmeessanii, yeroo baayʼee guyyaa mindaan kaffalamu gatii baayʼee muraasa taʼeen raabsu. Kanaaf namni mormu tokko buusiin kitaaba kanaaf godhamu maaliif xinnaate jedhee guungumeera!

Maaliindaa Keefar torban tokko keessatti namoonni kitaabota dhibba lamaa hanga dhibba sadii akka fidduuf ishee gaafatanii akka turan yaadatti. Taʼus, fedhii namoonni Daawiniif qaban dabaluunsaa rakkina uumeera. Jildiin jaʼa qofti fuula 740 qaba ture! Waldaan Masaraa Eegumsaa kitaabota kana raabsuu ilaalchisee, “Kitaabonni shantamni kiilogiraama 18 ulfaatu; kun keessumaa obboleettotaaf rakkisaa ture” jedhee dhugaasaa dubbateera.

Kitaabota Daawuun baatanii namootaaf geessuu ilaalchisee rakkina jiru hiikuuf, Obboleessi keenya Jamsi Kooleen meeshaa gommaa lama qabuufi dachaʼuu dandaʼu, akkasumas shaanxaan bulooniidhaan itti hidhamu hojjete. Obboleessi kun kaartoonii kitaabotaan guutame baachuun akka hafe yeroo dubbatu, “Kana booda sababan itti gatiittiikoo cabsu hin qabu!” jedheera. Walgaʼii koonyaa bara 1908 Siinsiinaatii, Ohaayootti Barattoonni Macaafa Qulqulluu godhanirratti meeshaa haaraa kana gammachuudhaan beeksiseera. Meeshichi jildiiwwan kitaaba Miileeniiyaal Daawuun kan ittiin baatan waan taʼeef, sibiila garasiifi garanaan shaanxicha qaburratti maqaan Daawuun Mobaayil jedhamu barreeffameera. Shaakala muraasa booda shaanxaa kitaaba hedduutiin guutame oofuun hojii salphaa harka tokkoon hojjetamu taʼeera. Hojjaansaa akkuma hojjaa babalʼistootatti sirreeffamuu; gommaansaas daandii mijaaʼaa hin taanerrallee deemuu dandaʼa. Erga tajaajila xumuranii boodas, gommaasaa dachaasanii miillaan ykn baaburaan fuudhanii deemuun ni dandaʼama ture.

Obboleettonni tajaajila yeroo guutuu keessa jiran Daawuun Moobaayilii tokko kaffaltii malee argatu turan. Warri kaan garuu doolaara Ameerikaa 2.50⁠tiin bitatu turan. Obboleettiin keenya Keefar, fakkiinshee asirra jiru, tooftaa Daawuun Moobaayilii ittiin oofan akka gaariitti waan baratteef, harka tokkoon shaanxaa kitaabonni keessa guutaman oofaa, harka tokkoonimmoo boorsaa kitaabota qabate kan biraa baachuu dandeesseetti. Yunaayitid Isteetis Ameerikaatti magaalaa Pensilvaaniyaa ishee dhagaa kasalaa baasan tokko keessatti namoota fedhii argisiisan hedduu waan argatteef, yeroo baayʼee riqicha tokkorra al sadii ykn al afur deddeebiti turte.

Dhuma bara 1980⁠mmaniitti, namni xiyyaara oofu tokko meeshaa gommaa qabu kan ittiin baʼaa baataniifi yeroo ammaa bakka buufata xiyyaaraa, akkasumas magaalaawwan namoonni itti baayʼatan keessatti argamu hojjeteera. Barattoonni Macaafa Qulqulluu hinaaffaa qaban garuu waggaa dhibba tokko dura sanyii dhugaa gati jabeessa taʼe facaasuuf Daawuun Moobaayilii qabatanii yommuu deddeebiʼan xiyyeeffannaa namootaa harkisuusaaniitti gammadanii akka turan beekamaadha.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 32⁠rra jiru]

Keefar guyyaa kitaaba raabsitutti riqicha tokkorra al sadii ykn al afur deddeebiti

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 32⁠rra jiru]

Rakkina jiru hiikuuf gargaareera

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi