LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 3/15 ful. 15-19
  • Miira Ariifannaa Keessan Eegaa Jiraadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Miira Ariifannaa Keessan Eegaa Jiraadhaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • LALLABNI KEENYA ARIIFACHIISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • ARIITIIDHAAN LALLABUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?
  • MIIRA ARIIFANNAA KEESSAN AKKA HIN DHABNE OF EEGGADHAA
  • YEROO MURTEESSAA TAʼE KEESSA JIRAANNA
  • MIIRA ARIIFANNAATIIN TARKAANFII FUDHATANIIRU
  • Hojii Lallabaa Irratti Miira Ariifannaa Qabaachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Miira Ariifannaatiin Lallabaa!
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • ‘Guyyaan Yihowaa Inni Guddaan Dhi’aateera’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • Waaqeffannaa Dhugaadhaaf Kan Hinaaftan Taʼaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 3/15 ful. 15-19

Miira Ariifannaa Keessan Eegaa Jiraadhaa

“Dubbicha lallabi, . . . miira ariifannaatiin tajaajili.”—2 XIM. 4:2, NW.

IBSUU DANDEESSAA?

Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaa ariitiidhaan kan lallaban maaliifi?

Miira ariifannaa qabnu eegnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

Waaʼee Mootummichaa lallabuun yeroo kamiyyuu caalaa ariifachiisaa kan taʼe maaliifi?

1, 2. Ajaja ‘miira ariifannaatiin akka lallabnu’ kenname ilaalchisee gaaffii akkamiitu kaʼa?

NAMOONNI yeroo balaan gaʼu lubbuu namootaa baraaruurratti bobbaʼan ariitiidhaan hojjetu. Fakkeenyaaf hojjettoonni ittisa balaa ibiddaa gargaarsaaf bilbilli ennaa isaanitti bilbilamu balaan namootarra gaʼaa waan jiruuf dafanii bakka sana gaʼuuf carraaqu.

2 Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef lubbuu namootaa baraaruu barbaanna. Kanaaf hojii misraachoo Mootummichaa labsuu nutti kenname raawwachuuf xiyyeeffannaa laanna. Kana jechuun garuu kaayyoo tokko malee fiigna jechuu miti. Phaawulos ergamaan, “Dubbicha lallabi, . . . miira ariifannaatiin tajaajili” yeroo jedhu maal jechuusaa ture? (2 Xim. 4:2) Nutoo miira ariifannaatiin lallabuu kan dandeenyu akkamitti? Hojiin keenya ariifachiisaa kan taʼe maaliifi?

LALLABNI KEENYA ARIIFACHIISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

3. Namoonni ergaa Mootummichaa fudhachuu ykn fudhachuu dhiisuunsaanii buʼaa akkamii argamsiisuu dandaʼa?

3 Lallabuun ykn lallabuu dhiisuun maal akka geessisu beekuun keenya, ariitiidhaan misraachicha lallabuun barbaachisaa taʼuusaa hubachuuf nu gargaara. (Rom. 10:13, 14) Dubbiin Waaqayyoo akkas jedha: “Yommuu ani nama jalʼaadhaan, ‘Ati dhugumaan in duuta’ ittiin jedhu, inni immoo yakka isaattii deebiʼee wanta qajeelaa fi gaarii yoo hojjete, . . . inni dhugumaan in jiraata malee, hin duʼu. Cubbuun inni hojjete hundinuus itti hin lakkaaʼamu, inni wanta qajeelaadhaa fi gaarii waan godheef, dhugumaan in jiraata.” (His. 33:14-16) Macaafni Qulqulluun namoota ergaa Mootummichaa lallabaniin, “Akkas gochuu keetiin mataa kee, warra si dhagaʼanis gara fayyinaatti in geessita” jedha.—1 Xim. 4:16; His. 3:17-21.

4. Gantummaan jaarraa tokkoffaatti ture hojiin lallabaa ariifachiisaa akka taʼu kan godhe maaliifi?

4 Phaawulos, Ximotewos ariitiidhaan akka lallabu maaliif akka isa gorse hubachuuf, yaada naannoo caqasa matadureen kun irratti hundaaʼe jiru haa ilaallu. Akkas kan jedhu dubbisna: “Dubbicha lallabi, ‘Kun yeroo dha, kun yeroo miti’ utuu hin jedhin qophaaʼii argami! Nama balleessaa isaa hubachiisi, ifadhu! Obsa hundumaan gorsi barsiisis. Barri itti namoonni barsiisa sirrii fudhachuu jibban dhufuuf jira; bara sanas akka hawwa isaaniitti, barsiisota wanta gurra isaaniitti tolu isaan barsiisan walitti in sassaabbatu. Isaan dubbii dhugaa dhagaʼuu irraa garagal[u].” (2 Xim. 4:2-4) Yesus gantummaan akka babalʼatu raajii dubbateera. (Mat. 13:24, 25, 38) Yeroo wanti kun mulʼachuu jalqabetti, Kiristiyaanonni yaada gowwoomsaa barsiisota sobaa isa nama hawwatuun akka hin dogoggorretti, Ximotewos gumii keessattillee ‘dubbicha lallabuunsaa’ ariifachiisaa ture. Yeroo kanatti lubbuun namootaa balaarra buʼee ture. Haalli yeroo harʼaa jiruhoo maal fakkaata?

5, 6. Tajaajilarratti yaadawwan baramaa taʼan akkamii nu mudachuu dandaʼu?

5 Gantummaan waaqeffannaa dhugaa keessaa kaʼu haalaan babalʼachaa jira. (2 Tas. 2:3, 8) Yeroo harʼaa barumsawwan gurra namaatti tolan maalfaʼi? Bakka hedduutti barumsi jijjiirama tirannaa akka amantiitti kan ilaalamu taʼeera. Barumsi jijjiirama tirannaa yeroo baayʼee saayinsii akka taʼe dubbatamus, ilaalcha namoonni Waaqayyoofi warra kaaniif qabanirratti dhiibbaa gochuudhaan akka amantiitti ilaalama. Barumsi baayʼee beekamaa taʼe garabiraanimmoo ‘Waaqayyo waaʼee keenya hin yaadu; kanaaf nuyis waaʼeesaa yaaduun nu hin barbaachisu’ kan jedhudha. Barumsi kun qalbii namoota miliyoona hedduutti lakkaaʼaman hawwachuudhaan hirriba hafuuraa akka rafan kan godhe maaliifi? Barumsawwan kun ergaa, ‘Wanta hojjetteef kan si gaafatu waan hin jirreef, waan barbaadde hunda gochuu dandeessa’ jedhu of keessaa qabu. Yaanni akkasii gurra namoota hedduutti akka tolu beekamaadha.—Faarfannaa 10:4 dubbisi.

6 Barumsi gurra namootaatti tolu garabiraanis jira. Namoonni mana sagadaa dhaqan tokko tokko barsiisota, ‘Wanta barbaadde gootuyyuu Waaqayyo si jaallata’ isaaniin jedhan dhaggeeffachuun isaan gammachiisa. Luboonniifi barsiisonni amantii, ayyaanotaafi fakkiiwwan qulqullootaa eebba Waaqayyoo akka isaanii argamsiisan dubbachuudhaan wanta gurratti tolu isaan barsiisu. Namoonni mana sagadaa dhaqan hedduun haala balaadhaaf isaan saaxilu keessa akka jiran hin beekan. (Far. 115:4-8) Taʼus, namoonni kun Macaafa Qulqulluu akka hubatan isaan gargaaruudhaan karaa hafuuraa yoo isaan dammaqsine, Mootummaa Waaqayyoorraa faayidaa argachuu dandaʼu.

ARIITIIDHAAN LALLABUU JECHUUN MAAL JECHUUDHA?

7. Miira ariifannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Doktoorri hubataan yaalii fayyaa baqassanii walʼaanuu gochaa jiru tokko lubbuun sun balaarra buʼee waan jiruuf wanta hojjechaa jirurratti xiyyeeffachuu qaba. Tajaajilarratti dhimma kaasnee dubbannu, gaaffiiwwan gaafannu ykn yaada nama argannu sana hawwachuu dandaʼurratti xiinxaluufi hojii keenyarratti xiyyeeffachuudhaan miira ariifannaa argisiisuu dandeenya. Miira ariifannaa qabaachuun keenya namoonni nu mariisisuuf yeroo isaanii mijataa taʼetti dhaqnee isaan haasofsiisuuf sagantaa keenyarratti sirreeffama gochuuf nu kakaasa.—Rom. 1:15, 16; 1 Xim. 4:16.

8. Ariitiidhaan hojjechuun yeroo baayʼee maal kan dabalatudha?

8 Miira ariifannaa qabaachuun wantoota dursi kennamuufii qabuuf dursa kennuus kan dabalatudha. (Uumama 19:15 dubbisi.) Fakkeenyaaf, doktoorri tokko qorannoo fayyaa erga isinii godhee booda, gara biiroosaatti isin waamee akkas isiniin jedhe haa jennu: “Haalli fayyaakee ariifachiisaadha! Jiʼa tokko keessatti waa gochuu baannaan lubbuudhaan jiraachuu hin dandeessu.” Yeroo kanatti akka nama ittisa balaa ibiddaa keessaa hojjetuufi gargaarsaaf bilbilameefiitti biiroo doktoorichaatii fiigdanii akka hin baane beekamaadha. Kanaa mannaa ajajasaa fudhattanii gara manaatti deebiʼuudhaan waan dursa kennuufii qabdanirratti xiyyeeffachuun keessan hin oolu.

9. Phaawulos ennaa Efesoon turetti miira ariifannaatiin lallabaa ture jechuu kan dandeenyu maaliifi?

9 Phaawulos, kutaa Asiyaa keessatti miira ariifannaatiin misraachicha lallabuusaa ilaalchisee wanta inni jaarsolii Efesoonitti dubbaterraa hubannaa argachuu dandeenya. (Hojii Ergamootaa 20:18-21 dubbisi.) Guyyaa achi gaʼee kaasee misraachicha manaa gara manaatti deemee lallabuutti waan qabamee ture fakkaata. Kana malees waggaa lamaaf Phaawulos sagantaa dhaabbataa qabaachuudhaan “guyyaa guyyaatti mana barumsaa Xiraanos keessatti . . . dudubbachaa ture.” (HoE. 19:1, 8-10) Phaawulos miira ariifannaa qabaachuunsaa sochii inni yeroo hundaa godhurratti dhiibbaa geessisee akka ture hubachuun ni dandaʼama. ‘Miira ariifannaatiin lallabuu’ jechuun wanta humna keenyaa ol taʼe raawwachuu jechuu miti. Kanaa mannaa jireenya keenya keessatti hojii lallabaatiif dursa kennuu qabna jechuudha.

10. Kiristiyaanonni waggaa 100 dura turan miira ariifannaa qabaachuunsaanii kan nu gammachiisu maaliifi?

10 Fakkeenyi garee Barattoota Macaafa Qulqulluu namoota muraasa qabateefi bara 1914 dura misraachicha lallabaa turee, miira ariifannaa qabaachuun maal jechuu akka taʼe ibsa. Lakkoofsisaanii kuma muraasa taʼus yerichi ariifachiisaa taʼuusaa hubataniiru, akkasumas miira hoʼaadhaan Mootummicha lallabaniiru. Haasaawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan gaazexoota kumaan lakkaaʼamanirratti baasaniiru, fiilmii silaayidii “Footo Diraamaa oov Kiriʼeeshin” jedhamu halluu qabuufi sosochoʼu argisiisaa turaniiru. Karaa kanaan misraachicha namoota miliyoona hedduutti lakkaaʼamaniin gaʼaniiru. Namoonni kun miira ariifannaa utuu hin qabanne taʼee, meeqan keenyatu ergaa Mootummichaa dhagaʼuu dandaʼa ture laata?—Faarfannaa 119:60 dubbisi.

MIIRA ARIIFANNAA KEESSAN AKKA HIN DHABNE OF EEGGADHAA

11. Namoonni tokko tokko miira ariifannaasaanii akka dhaban kan isaan godhe maalidha?

11 Wantoonni yaada namaa hihhiran, namni tokko hojiin lallabaa baayʼee ariifachiisaa taʼuusaa akka hin yaanne isa gochuu dandaʼu. Sirni Seexanaa, dhimma dhuunfaarratti akka xiyyeeffannuufi wantoota barbaachisaa hin taaneen akka qabamnu gochuuf kan qophaaʼedha. (1 Phe. 5:8; 1 Yoh. 2:15-17) Namoonni jalqabarratti tajaajila Yihowaatiif dursa kennaa turan tokko tokko miira ariifannaasaanii dhabaniiru. Fakkeenyaaf, Deemaas jaarraa tokkoffaatti ‘hojii Kiristositti hidhata’ Phaawulos kan ture taʼus, sirna biyya lafaa Waaqayyo malee jiraatuun yaannisaa hihhirameera. Deemaas yeroo rakkinaatti obboleessasaa jajjabeessuuf dursa kennuusaa itti fufuu mannaa, Phaawulosiin dhiisee deemeera.—Film. 23, 24; 2 Xim. 4:10.

12. Yeroo ammaa carraa akkamii qabna? Gara fuulduaattoo?

12 Miira ariifannaa keenya eegnee jiraachuu yoo barbaanne, waan hundumaa argachuuf carraaquurraa fagaachuu qabna. ‘Jireenya dhugaa harka keessa galfachuuf’ jabaannee hojjechuu qabna. (1 Xim. 6:18, 19) Mootummaa Waaqayyoo keessatti barabaraan wantoota nu gammachiisaniifi dhuma hin qabne lafarratti akka argannu akka hin shakkine beekamaadha. Yeroon keessa jiraannu garuu, yeroo addaa warri kaan waraana Armaagedoon jalaa akka oolan itti isaan gargaarrudha.

13. Kiristiyaanota waan taaneef miira ariifannaa keenya eegnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Yeroo namoonni biyya lafaa keessa jiraatan hedduun hirriba hafuuraa keessa jiran kanatti, wanti miira ariifannaa keenya akka hin dhabne nu gargaaruu dandaʼu maalidha? Nuyis yeroo taʼe tokkotti karaa hafuuraa dukkana keessa rafaa akka turre yaadachuu qabna. Taʼus namoonni kan nu dammaqsan siʼa taʼu, akkuma Phaawulos dubbate Kiristos nuu ibseera. Ammammoo ifa arganne warra kaaniif ibsuuf mirga arganneerra. (Efesoon 5:14 dubbisi.) Phaawulos kana erga caqasee booda, “Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin taʼiniitti hin jiraatinaa! Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan taʼaniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!” jedheera. (Efe. 5:15, 16) Hamootaan marfamnee yeroo jirru kanatti ‘yeroo nuuf kenname utuu hin dabarsin’ hojii karaa hafuuraa dammaqoo taanee akka itti fufnu nu gargaaru haa hojjennu.

YEROO MURTEESSAA TAʼE KEESSA JIRAANNA

14-16. Misraachicha lallabuun yeroo kamiiyyuu caalaa ariifachiisaa kan taʼe maaliifi?

14 Tajaajilli Kiristiyaanaa yoomiyyuu ariifachiisaa taʼus, amma yeroo kamiiyyuu caalaa ariifachiisaadha. Bara 1914 kaasee, milikkitoonni guyyoota gara dhumaa ilaalchisee Dubbii Waaqayyoo keessatti ibsaman hedduun raawwatamaa jiru. (Mat. 24:3-51) Lubbuun ilmaan namootaa haala kanaan dura taʼee hin beekneen balaadhaaf saaxilameera. Biyyoonni humna guddaa qaban dhiheenyatti walii galtee kan godhan taʼanis, ammayyuu nuukileerii waraanaaf qophaaʼan gara 2,000 qabu. Abbootiin taayitaa meeshaan nuukileerii dhibbaan lakkaaʼamu akka “bade” gabaasaniiru. Meeshaalee kana keessaa tokko tokko harka shororkeessitootaa galaniiruu laata? Namoonni tokko tokko, waraana shororkeessitoonni kaasan tokkoon ilmaan namootaa salphaatti dhumuu akka dandaʼan dubbatu. Jireenya namootaa balaarra buusaa kan jiru garuu waraana qofa miti.

15 Gaazexaan Ze Laanseet jedhamuufi Kolleejjiin Yunivarsiitii Landan bara 2009⁠tti, “Jaarraa 21⁠tti jijjiiramni qilleensaa haala fayyaa addunyaa balaa guddaa keessa buusaa” akka jiru gabaaseera. Gaazexaan kun, “Waggoota kurnan dhufanitti jijjiiramni qilleensaa fayyaa namoota hedduurratti dhiibbaa akka geessisuufi fayyaa namoota biliyoonaan lakkaaʼaman balaaf akka saaxilu” gabaaseera. Miidhaan jijjiiramni kun geessisu galaanni garmalee guutuu, ongee, lolaa, dhukkuboota daddarban, obomboleettiifi waraana sababa hanqina qabeenyaatiin uumamu kan dabalatudha. Waraanniifi balaan uumamaa ilmaan namootaa badiisaaf saaxilaniiru.

16 Namoonni tokko tokko waraanni nuukileerii ni taʼa jedhanii sodaachuun ‘milikkita’ bara dhumaa keessaa tokkodha jedhanii yaadu taʼa. Haataʼu malee namoonni hedduun milikkitoonni kun hiika maalii akka qaban hin beekan. Milikkinni Yesus argamuusaafi dhumni sirna kanaa saffisaan dhihaachaa akka jiru argisiisu waggoota hedduutiif mulʼachaa tureera. (Mat. 24:3, NW) Milikkitoonni kun matumaa haala kanaan dura taʼee hin beekneen ifatti mulʼachaa jiru. Yeroon namoota hirriba hafuuraa keessa jiran itti dammaqsinu ammadha. Tajaajilli keenya isaan dammaqsuuf nu gargaara.

17, 18. (a) Guyyoota gara dhumaa keessa jiraachuun dhiibbaa kan nurratti godhu akkamitti? (b) Wanti namoonni ergaa Mootummichaatiif fedhii akka qabaatan gochuu dandaʼu maalidha?

17 Jaalala Yihowaadhaaf qabnu argisiisuufi hojii lallabaa guyyoota gara dhumaatti nutti kenname xumuruuf yeroon hafe muraasadha. Yaanni Phaawulos Kiristiyaanota Roomaa jaarraa tokkoffaatiif, “Yeroo itti dura amanne caalaas amma guyyaan fayyinaa waan nutti dhiʼaateef, yeroon kun yeroo itti hirribaa dammaquun isin irra jiru taʼuu isaa beekaa!” jedhee barreesse yeroo harʼaattis hiika guddaa qaba.—Rom. 13:11.

18 Wantoonni guyyoota gara dhumaa ilaalchisee raajiidhaan dubbataman namoonni karaa hafuuraa akka dammaqan isaan gochuu dandaʼu. Namoonni tokko tokko mootummoonni kufaatii dinagdee hambisuu dadhabuusaanii, sodaa waraana nuukileerii, yakka ykn mancaʼiinsa naannoorratti ennaa xiinxalan namoonni gargaarsi akka isaan barbaachisu hubatu. Kaanimmoo wantoonni maatiisaanii keessatti gaʼan jechuunis, fayyaa dhabuu, wal hiikuu ykn nama jaallatan duʼaan dhabuun karaa hafuuraa akka dammaqan isaan gochuu dandaʼa. Kanaaf yeroo tajaajilarratti hirmaannu namoota akkasii gargaaruuf of qopheessina.

MIIRA ARIIFANNAATIIN TARKAANFII FUDHATANIIRU

19, 20. Miirri ariifannaa, Kiristiyaanonni hedduun jireenyasaaniirratti jijjiirama akka godhan kan isaan kakaase akkamitti?

19 Miira ariifannaa qabaachuun Kiristiyaanonni hedduun hirmaannaa tajaajilarratti godhan akka guddisuuf isaan kakaaseera. Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa dargaggoota taʼaniifi biyya Ikuwaador jiraatan tokko walgaʼii addaa bara 2006 mataduree, “Ija Fayyaa Qabaadhaa” jedhurratti erga argamanii booda jireenyasaanii salphaa gochuuf murteessaniiru. Wantoota isaan hin barbaachisne erga barreessanii booda jiʼa sadii gidduutti appaartaamaa kutaa sadii qabu dhiisanii mana kutaa tokkittii qabutti kan galan siʼa taʼu, miʼa kaan gurguranii liqiirraa walaba taʼanii jiraachuutti kaʼan. Utuu hin turinis qajeelchaa taʼanii tajaajiluu kan jalqaban yommuu taʼu, yaada daawwataan olaanaa aanaa isaanii kenne fudhatanii bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluu jalqaban.

20 Obboleessi Ameerikaa Kaabaa jiraatu tokko akkas jedhee barreesseera: “Aniifi haati manaakoo walgaʼii aanaa 2006 godhamerratti yeroo argamnu erga cuuphamnee waggaa 30 taʼee ture. Xumura sagantichaa booda konkolaataadhaan gara manaatti yommuu deebinu, gorsa jireenya keenya salphaa akka goonu kenname akkamitti hojiirra akka oolchinu irratti mariʼanne. (Mat. 6:19-22) Mana sadii, lafa, konkolaattota bashannanaa, bidiruufi konkolaataa akka manaatti tajaajilu tokko qabna turre. Kiristiyaanota gowwaa akka taane waan nutti dhagaʼameef, tajaajila yeroo guutuu galma keenya godhachuuf murteessine. Bara 2008⁠tti nuyis qajeelchaa taʼuudhaan intala keenyatti dabalamne. Obbolootaa wajjin caalaatti walitti dhihaatanii hojjechuun gammachuu guddaa argamsiisa! Bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqnee tajaajiluu dandeenyeerra. Yihowaadhaaf caalaatti hojjechuunis akka gaariitti isatti dhihaachuuf nu gargaareera. Keessumaa namoonni dhugaa Dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hubachuudhaan yeroo ijisaanii banamu arguun eebba guddaadha.”

21. Waaʼee maalii beekuu keenyatu hojiidhaaf nu kakaasa?

21 Sirna hamaa kanarra yeroo dhihootti maal akka gaʼu beekna. Namoonni ‘Waaqayyo malee jiraatan itti faradamee in badu.’ (2 Phe. 3:7) Beekumsi Dubbii Waaqayyoorraa arganne, rakkina guddaa dhufaa jiruufi addunyaa haaraa sana booda dhufu hinaaffaadhaan beeksisuuf nu kakaasa. Miira ariifannaa qabaachuudhaan abdii dhugaa namootaan gaʼuuf carraaqqii goonu itti fufna. Hojii ariifachiisaa taʼe kanarratti guutummaatti hirmaachuudhaan Waaqayyoofi namootaaf jaalala dhugaa akka qabnu haa argisiisnu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi