Kuusaa Keenya Keessaa
“Jaalallin Hojii Kolportarummaatiif Qabu Guyyaa Guyyaadhaan Dabaleera”
BARA 1886tti, kitaabni Miileeniiyaal Daawuun Jildii 1ffaan dhibbi tokko, Baayibil Haawus isa magaalaa Alageenii, Pensilvaaniyaa, Yunaayitid Isteetis jiruu gara Ilinoy Chiikaagootti feʼame. Chaarlis Teez Raasil kitaabota haaraa kana bakka kitaabonni itti gurguramanitti raabsuu barbaadee ture. Dhaabbanni guddaan Yunaayitid Isteetis jiruufi kitaabota waaʼee amantii ibsan raabsu tokko kitaabota kana raabsuuf walii galuudhaan fuudhee deeme. Haataʼu malee torban lama booda kitaabonni kun akkuma jiranitti Baayibil Haawusitti deebifaman.
Lallabaa beekamaan tokko Miileeniiyaal Daawuun kitaabotasaa wajjin raabsamaa akka jiru yommuu argetti aariidhaan guutamee akka ture booda dhagaʼame. Kitaabni kun bakka kana kan taaʼu taanaan, inniifi hiriyoonnisaa warri wangeela lallaban, kitaabotaafi daldalasaanii bakka biraatti akka geessan dhaabbatichatti dhaadate. Dhaabbatichis gocha kanatti gammaduu baatus Miileeniiyaal Daawuunii ni deebise. Kana malees kitaabota kana ilaalchisee beeksisni hedduun gaazexaarratti baʼeera. Mormitoonni, waliigalteen beeksisaa kunis akka haqamu godhan. Maarree kitaabni haaraan kun namoota dhugaa barbaadan harka akkamitti galuu dandaʼa?
Yeroo sanatti kolportaroota jedhamanii kan waamaman gumaacha guddaa godhaniiru.a Bara 1881tti, Zaayansi Waach Taawar kitaaba kana raabsuuf labsitoonni yeroo guutuu 1,000 taʼan akka barbaachisan beeksise. Kolportaroonni kun dhibba muraasatti kan lakkaaʼaman taʼus, kitaabota kana fageenyaafi balʼinaan raabsaniiru. Bara 1897tti Miileeniiyaal Daawuun, gara miliyoona tokkoo taʼu keessaa harki caalaansaa kolportarootaan raabsameera. Baayʼeensaanii durgoo xinnoo yommuu Masaraa Eegumsaa ykn kitaaba raabsan argataniin jiraatu turan.
Kolportaroonni ija jabeeyyii taʼan namoota akkamii turan? Muraasnisaanii umrii waggoota kurnanii keessa utuu jiranii, kaanimmoo gara dullumaa jala hojii kana kan jalqabanidha. Baayʼeensaanii qeentee kan taʼan ykn gaaʼela dhaabbatanis ijoollee kan hin qabne siʼa taʼu, maatii hedduunis mirga kanarratti hirmaataniiru. Kolportaroonni yeroo hundaa guyyaatti saʼaatii dheeraa, kolportaroonni gargaaraa taʼanimmoo guyyaatti saʼaatii tokko ykn lama tajaajilu turan. Sababa fayyaa ykn haala tokko tokkootiin kan kaʼe kolportarii taʼuu kan dandaʼan namoota hunda hin turre. Taʼus walgaʼii guddaa bara 1906 godhamerratti, namoonni tajaajila kanarratti hirmaachuu barbaadan, “beektota ykn kennaa addaa kan qaban ykn afaan addaa kan dubbatan” taʼuun akka isaan hin barbaachisne itti himame.
Namoonni iddoo guddaa hin qabne, hojii dinqisiisaa taʼe kana ardiiwwan hundatti raawwataniiru jechuun ni dandaʼama. Obboleessi tokko waggaa torba keessatti tilmaamaan kitaabota 15,000 raabseera. Taʼus, obboleessi kun, “Hojii kolportarummaarratti hirmaachuu kanan jalqabe, waaʼee Yihowaafi waaʼee dhugaa lallabuuf malee kitaaba gurguruuf miti” jedheera. Bakka kolportaroonni tajaajilan hundatti sanyiin dhugaa biqileera, tuutni Barattoota Macaafa Qulqulluus hundeeffameera.
Geggeessitoonni amantii, ‘Namoota kitaaba naannessanii gurguran’ jedhanii tuffiidhaan kolportaroota waamu turan. Masaraan Eegumsaa bara 1892tti maxxanfame, “Hojjettoota Gooftaa warra dhugaa taʼuusaanii ykn Gooftaan amala gad of deebisuufi fedhii ofii aarsaa gochuu isaan keessatti arguudhaan ulfina akka [isaanii] kenne kan hubatan namoota muraasadha” jedheera. Obboleettiin tokko jireenyi kolportarootaa, ‘salphaa’ akka hin turre dubbatteetti. Wantoonni isaan geejjibaaf itti fayyadaman kophee cimaafi saaykilii ture. Bakka qarshiin hin jirretti kitaabota kennaniifii wanta nyaatamu fudhatu turan. Guyyaa guutuu tajaajilaa erga oolanii booda kan dadhaban taʼus, gammadoo taʼuudhaan gara dunkaana ykn mana kireeffatanitti deebiʼu. Yeroo booda Konkolaataan Kolportarootaa fardaan harkifamuufi qeʼee keessatti hojjetamuu kan jalqabe siʼa taʼu, kunimmoo yeroofi qarshii kan qusatu ture.b
Walgaʼii guddaa bara 1893 Chiikaagootti godhamee kaasee, kolportaroota addaa ilaalchisee sagantaan dabalataa akka dhihaatu godhame. Sagantaa kanarratti muuxannoo wal jijjiiru, akkasumas malli ittiin lallabaniifi gorsi hojiirra oolu ni darba ture. Obboleessi Keenya Raasil labsitoonni jabaatanii hojjetan ganama ciree gaarii akka nyaatan, xinnoo turanii aannan birciqqoo tokko akka dhuganiifi guyyaa hoʼaattimmoo aayis kireemii akka nyaatan isaan gorse.
Kolportaroonni nama isaanii wajjin tajaajilu barbaadan, mallattoo bifa keelloo qabu godhatu. Warri haaraan namoota muuxannoo qabanii wajjin tajaajilu turan. Kolportarri haaraan tokko kitaabota gaafa beeksisu naʼuurraa kan kaʼe, “Kitaabota kana hin barbaaddu mitii? Ni barbaaddaaree?” jedhee waan tureef leenjiin akkasii barbaachisaa waan ture fakkaata. Kan nama gammachiisu dubartiin haasofsiifamte sun kitaabicha fudhattee yeroo booda obboleettii keenya taateetti.
Obboleessi tokko, ‘Hojii mindaa gaarii naaf argamsiisu kana itti fufee waggaatti doolaara Ameerikaa 1,000 hojichaaf buusii gochuumoo, kolpooltarii taʼuun qaba laata?’ jedhee gaafatee ture. Gooftaan lamaanuu kan dinqisiifatu taʼus, yeroosaa kallattiidhaan Gooftaadhaaf kennuun eebba guddaa akka isaaf argamsiisu obboleessa kanatti himamee ture. Meerii Hiindis hojiin kolportarootaa “namoota hedduudhaaf waan gaarii gochuuf karaa hundarra caalu” akka taʼe argiteetti. Obboleettiin keenya Albartaa Kiroosbaay jedhamtuufi ija laafettii turte, “Jaalallin hojii kolportarummaatiif qabu guyyaa guyyaadhaan dabaleera” jetteetti.
Yeroo harʼaa namoonni karaa fooniis taʼe karaa hafuuraa, sanyii kolportaroota hinaaffaa qaban kanaa taʼan hedduun, dhaala hafuuraasaaniitti jabaataniiru. Maatiikee keessaa hanga yoonaatti kolportarii ykn qajeelchaa kan taʼe hin jiru taanaan, tajaajila kana hojii maatiinkee irratti hirmaachuu qabu gochuuf maaliif carraaqqii hin gootu? Atis jaalala hojii lallabaatiif qabdu guyyaa guyyaadhaan guddifachuu dandeessa.
[Miiljaleewwan]
a Bara 1931 booda maqaan “kolportar” jedhu maqaa “qajeelchaa” jedhuun bakka buufame.
b Konkolaataa keessa jiraatamu ilaalchisee gara fuulduraatti ibsama.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 32rra jiru]
“Beektota ykn kennaa addaa kan qaban ykn afaan addaa kan dubbatan” taʼuun isaan hin barbaachisu
[Fakkii fuula 31rra jiru]
Kolportara Alfireed Wiinfireed Oseey, naannoo bara 1930 Gaanaatti
[Fakkii fuula 32rra jiru]
Gararraa: Kolpooltaroota Iidit Keeniifi Gartiruud Mooris naannoo bara 1918 Ingilaanditti; gajjallaa: Istaanlii Koosambuumiifi Henarii Noonkiis Yunaayitid Isteetisitti, kaartoonii duwwaa kitaabota keessaa raabsaa turan