LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 4/1 ful. 5
  • Musee Nama Gad Of Deebisu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Musee Nama Gad Of Deebisu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaan Tajaajiltoota Isaa Warra Gad Of Qabaniif Iddoo Guddaa Kenna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Musee Nama Jaalala Qabu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Yesus Gad Of Deebisuudhaan Fakkeenya Taʼeera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • “Ani . . . Kanan Gad Of Qabu Dha”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 4/1 ful. 5

Musee Nama Gad Of Deebisu

GAD OF DEEBISUUN MAALIDHA?

Gad of deebisuun kooruu ykn of tuuluurraa walaba taʼuu dabalata. Namni gad of deebisu warri kaan isaa gad akka taʼanitti hin ilaalu. Cubbuu dhaaluusaatiin kan kaʼes waan hundaa raawwachuu akka hin dandeenye ni hubata.

[Fakkii fuula 5⁠rra jiru]

MUSEEN KAN GAD OF DEEBISE AKKAMITTI?

Museen aboo qabaachuunsaa akka of tuulu isa hin goone. Yeroo baayʼee, namni tokko aangoo xinnoo yommuu argatu, amala gad of deebisuu qabaachuufi dhiisuunsaa yeruma sana ifa taʼa. Barreessaa jaarraa 19⁠ffaa kan taʼe Roobart Ingirool, “Namoonni baayʼeen rakkina ni dandaʼu. Haataʼu malee, eenyummaa nama tokkoo beekuu yoo barbaadde aboo kenniif” jedhee ture. Karaa kanaan yoo ilaalame Museen gad of deebisuurratti fakkeenya gaarii taʼa. Akkamitti?

Yihowaan Israaʼeloota akka geggeessu waan isa muudeef, Museen aangoo guddaa argatee ture. Taʼus, aangoo kana qabaachuunsaa akka of tuulu isa hin goone. Fakkeenyaaf gaaffii ulfaataa dhaala argachuu ilaalchisee kaʼe tokkoof akkamitti deebii akka kenne ilaali. (Lakkoobsa 27:1-11) Murtoon godhamu dhaloota dhufu hundumaaf seera taʼee waan itti fufuuf, gaaffii kanaaf deebii kennuun ulfaataa ture.

Museen akkamitti deebii kenna laata? Nama Israaʼeloota geggeessu waanan taʼeef, dhimmaa kanarratti murtoo gochuuf gaʼumsa qaba jedhee yaadaa laata? Dandeettii uumamaa, muuxannoo waggaa dheeraaf qabu ykn Yihowaa ilaalchisee beekumsa kanaan dura qabutti amanamaa laata?

Namni of tuulu wantoota armaan oliirratti hundaaʼee murtoo gochuu dandaʼa. Museen garuu akkas hin goone. Macaafni Qulqulluun, “Museen dubbii isaanii Waaqayyo duratti in dhiʼeesse” jedha. (Lakkoobsa 27:5) Mee yaadi! Museen gara waggaa 40f saba Israaʼeliin erga geggeessee boodallee, ofiisaatti utuu hin taʼin, Yihowaatti amanama ture. Museen nama gad of deebisu akka ture haala kanarraa ifatti hubachuu dandeenya.

Museen aangoon isaaf qofa akka taʼu godhee hin yaanne. Yommuu Israaʼeloonni kaan isaa wajjin raajota akka taʼan Yihowaan isaan muude gammadeera. (Lakkoobsa 11:24-29) Yeroo abbiyyuunsaa Museen namoota kaaniif aangoo akka kennu isa gorsetti gad of deebisuudhaan fudhatee hojiirra oolcheera. (Baʼuu 18:13-24) Museen yommuu duʼuu jala gaʼetti qaamnisaa cimaa yoo taʼeyyuu, Yihowaan nama bakkasaa buʼu akka muudu gaafateera. Yeroo Yihowaan Iyaasuu filatu, Museen garaa guutuudhaan dargaggeessa kana kan deggere taʼuusaarrayyuu, Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf qajeelfama Iyaasuun isaanii kennu akka hordofan Israaʼeloota gorseera. (Lakkoobsa 27:15-18; Keessa Deebii 31:3-6; 34:7) Museen, Yihowaan waaqeffannaasaa keessatti sabicha akka geggeessu isatti fayyadamuusaa akka mirga guddaatti akka ilaale beekamaadha. Taʼus aboonsaa nageenya warra kaaniirra akka caalutti hin ilaalle.

KANARRAA MAAL BARANNA?

Aboon ykn dandeettiin uumamaa matumaa akka of tuullu akka nu godhu heyyamuu hin qabnu. Yihowaan kan nutti fayyadamu, amalli gad of deebisuu qabnu, dandeettii keenya kan caalu yoo taʼe qofa taʼuusaa yaadadhu. (1 Saamu’el 15:17) Dhugumaan kan gad of deebisnu taanaan, gorsa Macaafa Qulqulluu isa ogummaarratti hundaaʼeefi, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin” jedhu hojiirra oolchuuf carraaqna.—Fakkeenya 3:5, 6.

Fakkeenyi Musee iddoo ykn aboo keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa akka hin kennines nu barsiisa.

Amala Museen gad of deebisuudhaan argisiise hordofuudhaan faayidaa argachuu ni dandeenyaa? Eeyyee! Amala gad of deebisuu kan horannu taanaan, namoonni salphaatti akka nutti dhihaatan waan godhuuf, isaan biratti ni jaallatamna. Kana malees, Waaqa keenya Yihowaa isa amala gaarii kana argisiisu biratti akka jaallatamnu nu godha. (Faarfannaa 18:35) “Waaqayyo warra kooraan ol of qabaniin in morma, warra gad of deebisaniif immoo ayyaana in kenna.” (1 Phexros 5:5) Dhugumayyuu amala Museen gad of deebisuudhaan argisiise hordofuuf sababii gaʼaa qabna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi