Waaqayyotti Dhihaadhu
‘Inni Waaqa Warra Jiraataati’
Duuti Waaqayyo caalaa humna qabaa? Gonkumaa! Duuti ykn ‘diinni’ akkamiiyyuu ‘Waaqayyo Hundumaa Dandaʼu’ caalaa humna qabaachuu hin dandaʼu. (1 Qorontos 15:26; Baʼuu 6:3) Waaqayyo namoota duʼan duʼaa kaasuudhaan duʼa balleessuuf humna kan qabu siʼa taʼu, addunyaa haaraa keessatti kana akka raawwatus abdii kenneera.a Abdiin kun dhugumaan raawwatamuu dandaʼaa? Wanti Yesus inni Ilma Waaqayyoo taʼe dubbate gammachuudhaan akka guutamnu kan nu godhudha.—Maatewos 22:31, 32 dubbisi.
Yesus, Saduqoota warra duʼaa kaʼuutti hin amanneen akkas jedheera: “Waaʼee kaʼuu warra duʼanii immoo isa Waaqayyo isiniin jedhe hin dubbifnee ree? Inni, ‘Ani Waaqayyo isa kan Abrahaam, Waaqayyo isa kan Yisihaq, Waaqayyo isa kan Yaaqoob’ jedheera. Inni Waaqayyo warra duʼanii miti, Waaqayyo warra jiraatanii ti malee.” Yesus asirratti yaada Yihowaan Dh.K.D. bara 1514tti huuxxii qoraattii boba’u biratti Museetti dubbate caqasuusaa ture. (Baʼuu 3:1-6) Akka Yesus jedhetti Yihowaan, “Ani Waaqayyo isa kan Abrahaam, Waaqayyo isa kan Yisihaq, Waaqayyo isa kan Yaaqoob” jechuudhaan Museetti dubbachuunsaa, abdiin duʼaa kaʼuu dhugumaan kan raawwatamu taʼuusaa argisiisa. Akkamitti?
Mee jalqaba yaada naannoo caqasichaa jiru haa ilaallu. Yeroo Yihowaan Musee wajjin dubbatetti abbootii amantii kan taʼan, jechuunis Abrahaam erga duʼee waggaa 329, Yisihaq erga duʼee waggaa 224, akkasumas Yaaqoob erga duʼee waggaa 197 taʼeera. Taʼus Yihowaan, “Ani Waaqasaanii dha jedhe malee Waaqasaaniin ture” hin jenne. Yihowaan abbootiin amantii kun sadan akka waan lubbuudhaan jiraniitti dubbachaa ture. Maaliif?
Yesus, “Inni [Yihowaan] Waaqayyo warra du’anii miti, Waaqayyo warra jiraatanii ti malee” jechuudhaan ibseera. Mee yaada caqasa kanaarratti xiinxali. Duʼaa kaʼuun hin jiru taanaan, Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoob barabaraaf akkuma duʼanitti hafu jechuudha. Akkas taanaan Yihowaan Waaqa warra duʼaniiti jechuudha. Kunimmoo duuti Yihowaa caalaa humna akka qabu waan argisiisuuf, tajaajiltootasaa amanamoo taʼan garbummaa duʼaa jalaa baasuu hin dandaʼu jechuudha.
Kanaaf waaʼee Abrahaam, Yisihaq, Yaaqoobiifi tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼuudhaan duʼan hundaa maal jechuu dandeenya? Yesus, “Isaaf hundinuu jiraatoo dha’o” jechuudhaan deebii quubsaa kenneera. (Luqaas 20:38) Yihowaan akka waan isaan lubbuudhaan jiraniitti kan dubbate, kaayyoon inni tajaajiltootasaa amanamoo taʼan duʼaa kaasuuf qabu sirriitti waan raawwatamuufidha. (Roomaa 4:16, 17) Yihowaan namoota duʼan kana hunda hanga guyyaa inni itti isaan kaasuuf karoorfate gaʼutti yaadannoosaa isa mudaa hin qabne keessa kaaʼeera.
Yihowaan duʼa caalaa humna qaba
Namoota jaallattuufi duʼaan dhabdee wajjin deebitee wal arguu ni barbaaddaa? Taanaan, Yihowaan duʼa caalaa humna akka qabu yaadadhu. Abdii namoota duʼaa kaasuuf gale akka hin raawwanne wanti isa godhu hin jiru. Waaʼee abdii duʼaa kaʼuufi waaʼee Waaqa abdii kana raawwatuu caalaatti akka barattu si afeerra. Akkas gochuunkee Yihowaa isa ‘Waaqayyo warra jiraatanii’ taʼetti caalaatti akka dhihaattu akka si godhu hin shakkisiisu.
Caqasa Macaafa Qulqulluu Dubbifamu
a Abdii duʼaa kaʼuu Waaqayyo addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufate keessatti akka raawwatu kenne ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 7 ilaali.