LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 4/1 ful. 15
  • Duʼaa Kaʼuun Yesus Jireenya Barabaraa Argamsiisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Duʼaa Kaʼuun Yesus Jireenya Barabaraa Argamsiisa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Duʼaa Kaʼuun—Abdii Amansiisaa dha!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • “Waaqayyoon Nan Abdadha”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Duʼaa Kaʼuun Yesus Nuuf Hiika Maalii Qaba?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Jajjabina Abdiin Du’aa Ka’uu Namaaf Argamsiisu
    Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 4/1 ful. 15
[Fakkii fuula 15⁠rra jiru]

Duʼaa Kaʼuun Yesus Jireenya Barabaraa Argamsiisa

DUʼAA kaʼuun Yesus wanta bara duriitti raawwatameefi yeroo harʼaa nuuf hiika hin qabne miti. Phaawulos ergamaan duʼaa kaʼuun Yesus barbaachisaa taʼuusaa ilaalchisee akkas jedheera: “Kristos warra duʼan keessaa kaafameera, warra obbaafatan keessaas isatu jalqaba kaʼe. Duʼuun karaa nama tokkoo akkuma dhufe, warri duʼan kaʼuunis karaa nama tokkoo dhufeera. Harkisaa Addaamiin namoonni hundinuu akka duʼan akkasuma immoo harkisaa Kristosiin namoonni hundinuu in jiraachifamu.”—1 Qorontos 15:20-22.

Yesus Dh.K.B. Niisaan 16, bara 33 duʼaa kan kaafame siʼa taʼu, guyyaan kun guyyaa Yihudoonni midhaansaanii keessaa isa duraa mana qulqullummaa Yerusaalemitti Yihowaadhaaf dhiheessan ture. Phaawulos, Yesus warra duʼan keessaa jalqaba akka kaʼe caqasuunsaa, namoonni ittaansee duʼaa kaafaman akka jiran kan argisiisudha.

Yaadni Phaawulos ittaansuudhaan dubbate duʼaa kaafamuun Yesus maal akka raawwate kan ibsudha. Phaawulos, “Duʼuun karaa nama tokkoo akkuma dhufe, warri du’an ka’uunis karaa nama tokkoo dhufeera” jedheera. Cubbuu Addaamirraa dhaalleen kan kaʼe hundi keenya ni duuna. Haataʼu malee, Yesus lubbuusaa isa mudaa hin qabne furii godhee dhiheessuudhaan, ilmaan namootaa karaa duʼaa kaʼuu garbummaa cubbuufi garbummaa duʼaa jalaa akka baʼan godheera. Phaawulos dhimma kana Roomaa 6:23⁠rratti, “Beenyaan nama cubbuu hojjetuu duʼa; kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti” jechuudhaan akka gaariitti ibseera.

Yesus hiika duʼaafi duʼaa kaafamuunsaa nuuf qabu ibseera. Ofiisaa ilaalchisee akkas jedheera: “Ilmi namaas immoo akkasuma muka irratti ol fuudhamuun in ta’a. Kunis ilma namaatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf ta’a. Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!”—Yohannis 3:14-16.

Jireenya barabaraa waraansa, rakkina ykn gaddarraa walaba taʼe mee yaadi! (Mulʼata 21:3, 4) Kun abdii dinqisiisaa mitii? Hayyuun tokko dhimma kana ilaalchisee, “Bakki awwaalchaa jireenyi gabaabaa taʼuusaa kan nu yaadachiisu siʼa taʼu, duʼaa kaʼuunimmoo duuni gabaabaa taʼuusaa nu yaadachiisa” jedheera. Eeyyee duʼaa kaʼuun Yesus jireenya barbaraa argamsiisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi