LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 3/15 ful. 13-17
  • ‘Waaqayyoon Beekuu Bira Erga Geenyee’ Booda Maal Gochuu Qabna?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Waaqayyoon Beekuu Bira Erga Geenyee’ Booda Maal Gochuu Qabna?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • TARKAANFII JALQABAA WAAQAYYOON BEEKUUF GARGAARU
  • WARRI WAAQAYYO ISAAN BEEKE KARAA HAFUURAA GUDDACHAA DEEMU
  • MICHOOMA WAAQAYYOO WAJJIN QABDAN CIMSADHAA
  • UTUU ABDII HIN KUTATIN YIHOWAATTI DHIHAADHAA JIRAADHAA
  • Dargaggootaa, Erga Cuuphamtanii Booda Guddina Gochuu Keessan Itti Fufaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Cuuphaafi Walitti Dhufeenya Waaqayyoo Wajjin Qabdu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Cuuphaadhaaf Qophaaʼuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • ‘Dhaqaa, Isaan Cuuphuudhaan Bartootakoo Godhaa!’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 3/15 ful. 13-17

‘Waaqayyoon Beekuu Bira Erga Geenyee’ Booda Maal Gochuu Qabna?

‘Waaqayyoon beekuu bira geessaniittu.’​—GAL. 4:9.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Qajeelfama hafuraa keenya yeroo yerootti qoruun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  • Kiristiyaanni gaʼeessa taʼe tokko karaa hafuuraa guddachuusaa itti fufuu kan qabu maaliifi?

  • Amantii keenyaafi waadaa Yihowaadhaaf of murteessuudhaan gallerratti xiinxaluu kan qabnu maaliifi?

1. Namni xiyyaara oofu tokko, oofuu jalqabuusaa dura qajeelfama xiyyaaricha sakattaʼuuf baʼe hordofuu kan qabu maaliifi?

NAMNI xiyyaara oofuudhaan muuxannoo qabu tokko oofuu jalqabuusaa dura, waraqaa qajeelfamaa qabxii 30 ol qabatetti fayyadamuudhaan xiyyaaricha sakattaʼa. Yeroo hunda oofuu jalqabuusaa dura, qabxiiwwan waraqaa kanarra jiranitti fayyadamee xiyyaarichi nagaa taʼuufi dhiisuusaa hin qoru taanaan, carraan inni balaadhaaf saaxilamuuf qabu guddaa taʼa. Namoota xiyyaara oofan keessaa qajeelfama kana akka hordofan yeroo hunda gorsi kan kennamuuf warra kamiif akka taʼe beektaa? Warra xiyyaara oofuurratti muuxannoo guddaa qabaniifidha. Namni gama kanaan muuxannoo qabu tokko ofitti amanamuudhaan, oofuu jalqabuusaa dura qajeelfama xiyyaaricha sakattaʼuuf baʼe hordofuu dhiisuu dandaʼa.

2. Kiristiyaanonni qajeelfama of qoruuf gargaaru akkamii hordofuu qabu?

2 Akkuma namni xiyyaara oofu tokko of eeggannoo godhu, nutis amantiin keenya yeroo barbaachisaa taʼetti akka nu jalaa hin laafne, qajeelfama of qoruuf nu gargaarutti fayyadamuu dandeenya. Dhiheenyatti kan cuuphamnes taane waggoota dheeraadhaaf kan tajaajille, amantiin keenya hangam cimaa akka taʼeefi Yihowaadhaaf kan bulle taʼuufi dhiisuu keenya yeroo hunda qoruun barbaachisaadha. Yeroo hunda dhimminee kana gochuu dhiisuun keenya karaa hafuuraa kufaatii nurraan geessisuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, “Namni dhaabatee waan jiru itti fakkaatu, akka hin kufneef of haa eeggatu!” jechuudhaan nu akeekkachiisa.—1 Qor. 10:12.

3. Kiristiyaanonni Galaatiyaa keessa turan maal gochuun isaan barbaachisee ture?

3 Kiristiyaanonni Galaatiyaa keessa turan, gad fageenya amantiinsaanii qoruufi mirga karaa hafuuraa argatan dinqisiifachuun isaan barbaachisee ture. Yesus ofiisaa aarsaa godhee dhiheessuudhaan, namoonni isatti amanan karaa hundarra caaluun Waaqayyoon akka beekaniifi ilmaan Waaqayyoo akka taʼan karaa isaaniif baneera. (Gal. 4:9) Kiristiyaanonni Galaatiyaa keessa jiran hariiroo guddaa qaban kana eeganii jiraachuuf, barumsa Yihudootaa warra Seera Musee eeguu qabna jedhaniirraa fagaachuu qabu turan. Haataʼu malee, namoota gumicha keessa jiran keessaa warri dhagna hin qabanne Seericha jala hin turre. Yihudoonnis taʼan namoonni Yihudoota hin taane karaa hafuuraa guddina gochuun isaan barbaachisee ture. Kunis karaa Seera Musee qajeeloo taʼuu akka hin dandeenye hubachuu kan dabalatudha.

TARKAANFII JALQABAA WAAQAYYOON BEEKUUF GARGAARU

4, 5. Phaawulos Kiristiyaanota Galaatiyaatiif gorsa akkamii kenneera? Gorsi kun kan nu fayyadu akkamitti?

4 Kaayyoon gorsi Phaawulos warra Galaatiyaatiif kenne galmeeffamee akka turu itti godhame, Kiristiyaanonni dhugaan yeroo kamiyyuu jiraatan dhugaa Macaafa Qulqulluurraa garagalanii wantoota kanaan dura dhiisanitti akka hin deebine eeguuf ture. Yihowaan Kiristiyaanota Galaatiyaa keessa jiraatan qofa utuu hin taʼin, namoonni isa waaqeffatan hundi cimanii akka jiraataniif akka isaan gorsu Phaawulosiin hafuurasaatiin kakaaseera.

5 Hundi keenya garbummaa hafuuraa jalaa baanee akkamitti Dhugaa Baatota Yihowaa akka taane yaadachuun keenya gaariidha. Kan gochuuf gaaffiiwwan armaan gadii lamaan haa ilaallu. Cuuphamuuf tarkaanfiiwwan akkamii akka fudhattan ni yaadattuu? Waaqayyoon beekuufi isa biratti beekamuudhaan, karaa hafuuraa akkamitti bilisa akka baatan ni yaadattuu?

6. Qajeelfama karaa hafuuraa of qoruuf nu gargaaran meeqa ilaalla?

6 Walumaa galatti, tarkaanfii sagal fudhannee turre. Tarkaanfiiwwan karaa hafuuraa of qoruuf akka qajeelfamaatti gargaaran kun saanduqa, “Tarkaanfiiwwan Cuuphamuufi Guddachaa Deemuuf Barbaachisan” jedhu keessatti ibsamaniiru. Yeroo hunda tarkaanfii salgan kana yaadachuun keenya, gara biyya lafaatti akka deebinu dhiibbaa nurra gaʼu moʼuuf cimina nuu kenna. Akkuma namni xiyyaara oofuurratti muuxannoo qabu tokko, dursee qajeelfama xiyyaaricha sakattaʼuuf baʼe hordofuudhaan of eeggannoo godhu, nutis qajeelfama nageenya hafuuraa keenya qoruuf gargaarutti fayyadamnee tajaajila keenya amanamummaadhaan itti fufuu dandeenya.

WARRI WAAQAYYO ISAAN BEEKE KARAA HAFUURAA GUDDACHAA DEEMU

7. Geggeessaa kam hordofuu nu barbaachisa? Maaliif?

7 Qajeelfamni xiyyaara sakattaʼuuf baʼe, namni xiyyaara sana oofu, oofuu jalqabuusaa dura wanti inni xiyyeeffannaa kennuufii qabu akka jiru isa yaadachiisa. Nutis ofis taʼe qajeelfama erga cuuphamnee booda hordofaa jirru yeroo hunda qoruu dandeenya. Phaawulos, “Dubbii sirrii isa ana irraa dhageesse sana geggeessaa godhadhuu duukaa buʼi! Amantii fi jaalala karaa Kristos Yesus argamutti qabamii geggeeffami!” jechuudhaan Ximotewosiif barreesseera. (2 Xim. 1:13) ‘Dubbii sirriin’ kun Macaafa Qulqulluu keessatti argama. (1 Xim. 6:3) Akkuma wiixineen namni fakkii kaasu tokko dursee qopheessu guutummaan fakkichaa maal akka fakkaatu ibsu, ‘geggeessan dhugaas’ wanta Yihowaan nurraa barbaadu beekuufi hordofuuf qajeelfama balʼaa nuu kenna. Kanaaf, geggeessaa dhugaa kana akka gaariitti hordofaa jiraachuufi dhiisuu keenya beekuuf, tarkaanfii cuuphamuuf fudhanne haa ilaallu.

8, 9. (a) Beekumsaafi amantiidhaan guddachuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi? (b) Karaa hafuuraa guddachuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

8 Qabxiin qajeelfama keenyarra jiru inni jalqabaa beekumsa horachuun barbaachisaa taʼuusaa kan ibsudha. Amantii keenya guddifachuunis barbaachisaadha. Haataʼu malee, gama lamaaniinuu guddachuu keenya itti fufuu qabna. (2 Tas. 1:3) Guddinni jijjiirama walirraa hin cinne gochuu kan gaafatudha. “Guddachuu” jechuun, dabaluu, dagaaguu jechuudha. Kanaaf, erga cuuphamnee booda karaa hafuuraa guddina walirraa hin cinne gochuun keenya barbaachisaadha.

Akkuma mukti tokko guddachuusaa itti fufu, Kiristiyaanni tokkos guddachuusaa itti fufuu qaba

9 Guddina hafuuraa keenya, guddina muka tokkoo wajjin walbira qabnee ilaaluu dandeenya. Mukti tokko keessumaa hiddisaa gad fageenya ykn dheerina kan qabu yoo taʼe baayʼee guddachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf mukkeen gaattiraa Libaanon tokko tokko, meetira 37 dheerachuufi hiddisaanii baayʼee gad fagaachuu kan dandaʼu yommuu taʼu, naannawaan jirmasaanii meetira 12 taʼa. (Wed. 5:15) Mukti tokko erga biqilee boodas, karaa ija namaatti hin mulʼanneen guddachuusaa itti fufa. Waggaadhaa gara waggaatti jirmisaa furdachuu, hiddisaa gad fagaachuufi dalga dheerachuudhaan muka cimaa hin sochoone taʼa. Guddinni hafuuraa Kiristiyaana tokkoos kanaa wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Macaafa Qulqulluu qayyabachuu yommuu jalqabne karaa hafuuraa dafnee guddachuudhaan cuuphamuu dandeenyeerra. Namoonni gumii keessa jiran guddina nuyi argisiisnu ifatti hubatu. Qajeelchaa taʼuu ykn mirga garabiraa argachuufillee gaʼumsa qabaachuu dandeenya. Sana booda garuu guddinni hafuuraa keenya ifatti mulʼachuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, ‘namoota gaʼan taanee, guddannees safara guutummaa Kristos bira hamma geenyutti’ amantiifi beekumsaan guddachuu keenya itti fufuu nu barbaachisa. (Efe. 4:13) Kana kan goonu taanaan, akkuma mukti tokko biqiltuu xinnoorraa kaʼee muka furdaa akka gaariitti guddate taʼu, nutis Kiristiyaana gaʼeessa taʼuu dandeenya.

10. Kiristiyaanonni gaʼeessota taʼanillee guddachuu kan qaban maaliifi?

10 Haataʼu malee, guddinni keenya achumatti dhaabachuu hin qabu. Beekumsi keenya guddachuu, amantiin keenyas gad fagaachuu qaba. Kana kan goonu taanaan caalaatti Dubbii Waaqayyootiin jabaannee dhaabachuu dandeenya. (Fak. 12:3) Gumii Kiristiyaanaa keessa obboloonniifi obboleettonni kana godhan hedduun jiru. Fakkeenyaaf obboleessi waggaa 30 oliif jaarsa gumii taʼe tokko, ammayyuu karaa hafuuraa guddachaa akka jiru hubateera. Akkas jedheera: “Dinqisiifannaan ani Macaafa Qulqulluutiif qabu baayʼee guddateera. Seera buʼuuraafi seera Macaafa Qulqulluu keessa jiru karaa addaddaa hojiirra oolchuuf yeroo hunda carraa nan barbaada. Dinqisiifannaan ani tajaajilaaf qabus guddachuusaa itti fufeera.”

MICHOOMA WAAQAYYOO WAJJIN QABDAN CIMSADHAA

11. Yeroodhaa gara yerootti caalaatti Yihowaa beekuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Guddinni keenya Yihowaa akka Michuufi Abbaa keenyaatti ilaaluudhaan caalaatti isatti dhihaachuus kan dabalatudha. Yihowaan, isa duratti fudhatama akka argannu, akka jaallatamnuufi nageenyi akka nutti dhagaʼamu barbaada. Kana jechuun, akkuma mucaan tokko yommuu kaasuu warrasaa keessa taaʼu itti dhagaʼamu ykn michuu dhugaafi amanamaa taʼe tokkoo wajjin yommuu taanu nutti dhagaʼamu jechuudha. Michooma gaarii akkasii halkan tokkotti horachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Yihowaa beekuufi isa jaallachuuf yeroon barbaachisaadha. Kanaaf, yeroo ramadnee Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuudhaan Yihowaatti caalaatti dhihaachuuf haa murteessinu. Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! dabalatee barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan hunda haa dubbisnu.

12. Yihowaa biratti beekamuuf maaltu nu barbaachisa?

12 Namoonni michoota Waaqayyoo taʼan, kadhannaa garaadhaa madde gochuufi hiriyaa gaarii taʼuudhaan karaa hafuuraa guddatu. (Miilkiyaas 3:16 dubbisi.) “Gurri [Yihowaa] kadhata isaanii in dhagaʼa.” (1 Phe. 3:12) Akkuma warra jaalala qabeessa taʼan tokkoo, kadhannaa nuti gargaarsa argachuuf dhiheessinu xiyyeeffannaadhaan dhagaʼa. Kanaaf, ‘kadhachuutti cimuu’ qabna. (Rom. 12:12) Gargaarsa Waaqayyoo utuu hin argatin Kiristiyaanota gaʼeessota taʼan taʼuu hin dandeenyu. Dhiibbaan sirni kun nurraan geessisu baayʼee cimaa waan taʼeef, jabina keenyaan moʼuu hin dandeenyu. Kadhannaa dhiheessuutti hin cimnu taanaan, jabina Waaqayyo yeroo hunda nuu kennuu barbaaduufi nuu kennuu dandaʼu of dhabsiisna. Kadhannaan dhiheessinu gaʼaa akka taʼemoo, fooyyaʼiinsa gochuu akka qabnu nutti dhagaʼama?—Er. 16:19.

13. Kiristiyaanota hidhata keenya taʼanii wajjin walgaʼiirratti argamuun karaa hafuuraa guddina gochuuf barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

13 Yihowaan “warra daʼoo isa godhatan” (NW) hundumaatti waan gammaduuf, erga isa beeknee boodallee, namoota isa beekanii wajjin yeroo hunda walgaʼiirratti argamuu keenya itti fufuu nu barbaachisa. (Nah. 1:7) Biyya lafaa abdii kutannaadhaan guutame kana keessatti, obboloota nu jajjabeessanii wajjin walgaʼiirratti argamuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Kana gochuun keenya faayidaa akkamii nuu argamsiisa? Gumii keessatti namoota “jaalala argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis” nu kakaasan arganna. (Ibr. 10:24, 25) Jaalala ilaalchisee yaanni Phaawulos warra Ibrootaatiif barreesse, gumii obbolummaa amantootaa ilaalcha tokko qabaachuudhaan Yihowaa waaqeffatan keessatti kan argisiifamudha. Jaalala akkasii argisiisuun Kiristiyaanota kaanii wajjin haasaʼuuf yeroo ramaduu dabalata. Yeroo hunda walgaʼiirratti argamuu, akkasumas hirmaannaa gochuufi dhiisuu keenya ilaalchisee of qoruun keenya barbaachisaadha.

14. Yaada garaa geddarachuufi cubbuu ofiirraa deebiʼuun itti fufiinsaan kan raawwatamu akkamitti?

14 Kiristiyaana taʼuu kan dandeenye, yaada garaa waan geddaranneefi cubbuu keenyarraa waan deebineef ture. Haataʼu malee, yaada garaa geddarachuun haala itti fufiinsa qabuun kan raawwatamudha. Ilmaan namootaa cubbuu dhaalle waan taaneef, cubbuu akka bofa maramee idduuf gaaduu, keessa keenya ciisee nu eeggatu qabna. (Rom. 3:9, 10; 6:12-14) Kanaaf, dogoggora keenya callisnee bira darbuu mannaa, yeroo hunda hubannaadhaan haa ilaallu. Yihowaan dadhabina keenya moʼuufi jijjiirama barbaachisu gochuuf qabsoo cimaa yommuu goonu, kan nuu obsu taʼuunsaa nama gammachiisa. (Filp. 2:12; 2 Phe. 3:9) Yeroofi qabeenya keenya toʼachuu, akkasumas fedhii dhuunfaa ofittummaarratti hundaaʼe duukaa buʼuu dhiisuun keenya, gama kanaan gargaarsa guddaa nuu godha. Obboleettiin tokko, “Mana dhugaa keessatti kanan guddadhe taʼus, namoota hedduurraa haala adda taʼeen Yihowaadhaaf ilaalcha addaan qaban ture. Baayʼee sodaatamuu akka qabuufi matumaa isa gammachiisuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama ture” jechuudhaan barreessiteetti. Obboleettiin kun yeroo booda, dadhabina dhuunfaa qabduun kan kaʼe ‘karaa hafuuraa gatantaruu’ jalqabde. Itti dabaluudhaan akkas jetteetti: “Haala akkasii keessa kanan gale Yihowaa waanan hin jaallanneef utuu hin taʼin, sirriitti waanan isa hin beekneefidha. Haataʼu malee, kadhannaa hedduu ergan dhiheessee booda cubbuu koorraa deebiʼuun jalqabe. Yihowaan akka mucaa tokkoo wanta gochuun na barbaachisu natti argisiisuudhaan, gufuuwwan na mudatan suuta suutaan akkan bira darbu obsaan na gargaaraa akka jiru natti dhagaʼama.”

15. Yesusiifi Abbaansaa maal gochuu keenya hubatu?

15 Misiraachoo namootatti ‘himuu’ keessan itti fufaa. Ergamaan Waaqayyoo yaada kana Phexrosiifi ergamoota kaanitti kan hime, erga isaan dinqiidhaan mana hidhaa keessaa baafamanii booda ture. (HoE. 5:19-21) Qajeelfama hordofuu qabnu keessaa inni kan biraan torban torbaniin tajaajilarratti hirmaachuudha. Yesusiifi Abbaansaa amantii keenyas taʼe tajaajila keenya ni hubatu. (Mul. 2:19) Akkuma jaarsi gumii keeyyata 10⁠rratti ibsame dubbate, ‘tajaajilli kutaa jireenya keenyaa taʼuu qaba.’

16. Waadaa Yihowaadhaaf of murteessuudhaan gallerratti xiinxaluun gaarii kan taʼe maaliifi?

16 Waadaa of murteessuudhaan galtanirratti xiinxalaa. Qabeenyi keenya inni hunda caalu hariiroo Yihowaa wajjin qabnudha. Yihowaan warra kansaa taʼan beeka. (Isaayaas 44:5 dubbisi.) Hariiroon Yihowaa wajjin qabdan hangam cimaa akka taʼeefi gad fageenya hangamii akka qabu kadhannaadhaan irratti xiinxalaa. Kana malees, guyyaa cuuphaa keessanii isa jireenya keessan keessatti iddoo guddaa qabu yaadadhaa. Kunis cuuphamuun keessan murtoo jireenya keessan keessatti gootan hunda kan caalu taʼuusaa yaadachuuf isin gargaara.

UTUU ABDII HIN KUTATIN YIHOWAATTI DHIHAADHAA JIRAADHAA

17. Yihowaatti dhihaannee jiraachuuf jabinni barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

17 Phaawulos ergaa warra Galaatiyaatiif barreesserratti jabinni barbaachisaa taʼuusaa ibseera. (Gal. 6:9) Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiraniifis jabinni barbaachisaadha. Qorumsi kan nu mudatu taʼus, Yihowaan nu gargaara. Hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu keenya itti fufuu qabna. Yihowaan gadda keenya gammachuutti, dhiphina keenya nagaatti yommuu jijjiiru boqonnaa arganna. (Mat. 7:7-11) Yihowaan simbirrootaaf ni yaada erga taʼee, nu warra isa jaallannuufi isaaf of murteessineef baayʼee akka yaadu irraanfachuu hin qabnu. (Mat. 10:29-31) Dhiibbaan akkamiiyyuu yoo nurra gaʼe abdii kutannee gara boodaatti deebiʼuu hin qabnu. Yihowaa biraatti beekamuun keenya eebba guddaa nuuf argamsiisa.

18. ‘Waaqayyoon beekuu bira erga geenyee’ booda maal gochuu nu barbaachisa?

18 Kanaaf Waaqayyoon kan beekneefi kan cuuphamne dhiheenyatti yoo taʼe maal gochuu qabna? Karaa hafuuraa gara gaʼeessummaatti guddachuudhaan Yihowaa caalaatti beekuu keenya itti fufuu nu barbaachisa. Erga cuuphamtee waggaa dheeraa yoo taʼehoo maal gochuu si barbaachisa? Yihowaa ilaalchisee beekumsa gad fagoo qabaachuuf carraaqqii gochuu qabda. Hariiroo Yihowaa wajjin qabnurratti guddina gochuu keenya matumaa dhaabuu hin qabnu. Kanaa mannaa, hariiroon Abbaa, Michuufi Waaqa keenya Yihowaa wajjin qabnu guddachaa jiraachuufi dhiisuusaa beekuuf yeroo yerootti qajeelfama hafuuraa keenya qoruu qabna.—2 Qorontos 13:5, 6 dubbisi.

TARKAANFIIWWAN CUUPHAMUUFI GUDDAACHAA DEEMUUF BARBAACHISAN

  1. Jalqaba waaʼee Yihowaafi waaʼee Ilmasaa Yesus Kiristos ‘beekumsa’ arganna.​—Yoh. 17:3

  2. Beekumsi keenya yommuu guddatu, amantiin keenya ni cima.​—Yoh. 3:16

  3. Yeroo hunda kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaanna.​—HoE. 2:21

  4. Namoota hidhata amantii keenya taʼanii wajjin yeroo hunda walgaʼiirratti argamuu akka qabnu hubanna.​—Ibr. 10:24, 25

  5. Cubbuu keenyarraa yaada garaa geddaranna.​—HoE. 17:30

  6. Gochawwan gadhee taʼan jibbuudhaan irraa deebina.​—HoE. 3:19

  7. Amantiin horanne namootaaf akka lallabnu nu kakaasa.​—2 Qor. 4:13

  8. Sirriitti Yesus duukaa buʼuuf jecha Yihowaadhaaf of murteessina.​—1 Phe. 4:2

  9. Of murteessuu keenya bishaaniin cuuphamuudhaan argisiisna.​—1 Phe. 3:21

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi