Balaan Uumamaa Waaqayyo Gara Jabeessa Akka Taʼe Mirkaneessaa?
NAMOONNI TOKKO TOKKO MAAL JEDHU? “Biyya lafaa kan bulchu Waaqayyo waan taʼeef, balaawwan uumamaa akka gaʼan kan godhus isadha; kanaafuu inni gara jabeessadha.”
MACAAFNI QULQULLUUN MAAL JEDHA? ‘Guutummaan biyya lafaa harka isa hamaa jala jira.’ (1 Yohannis 5:19) “Isa hamaa” kan jedhame eenyudha? Macaafni Qulqulluun, Seexana akka taʼe ibsa. (Maatewos 13:19; Maarqos 4:15) Kun waan hin fakkaannedhaa? Seexanni biyya lafaarratti humna erga qabaatee, namoonni akkumasaa ofittoo, sassatoofi hubannaa kan hin qabaanne akka taʼan dhiibbaa gochuu akka dandaʼu ifadha. Kunimmoo, namoonni lafa kana garmalee mancaasaa kan jiran maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Namoonni lafa mancaasuunsaanii, balaawwan uumamaa akka gaʼan, dabalaa akka deemaniifi namoonni balaa akkasiitiif caalaatti akka saaxilaman gochuu akka dandaʼu qorattoonni akeekkachiisaniiru.
Waaqayyo, Seexanni dhiibbaa hammanaa akka geessisu kan heyyame maaliifi? Wanta jalqaba seenaa ilmaan namootaarratti Addaamiifi Hewwaan Bulchiinsa Waaqayyoorratti kaʼuudhaan raawwatanirraa deebiisaa argachuu dandeenya. Yeroo sanaa kaasee ilmaan namootaa garri caalaansaanii daandii jalʼinaa kana filataniiru. Ilmaan namootaa bulchiinsa Waaqayyoo fudhachuu dhiisuudhaan filannaa gadhee gochuunsaanii, Seexana isa diina Waaqayyoo taʼeen akka geggeeffaman godhe. Kanaafuu Yesus, Seexanni ‘isa biyya lafaa kana seerratu’ akka taʼe ibseera. (Yohannis 14:30) Garuu Seexanni kan bulchu barabaraafii? Matumaa!
Yihowaan,a rakkinni Seexanni namootarratti geessisaa jiru isa gaddisiisa. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun yeroo sabni Israaʼel haala rakkisaa keessa turanitti, waaʼee Waaqayyoo, “Yeroo isaan dhiphatan hundumaatti innis in dhiphate” jechuudhaan dubbata. (Isaayaas 63:9) Waaqayyo ooʼasaatiin kakaʼee dhiheenyatti bulchiinsa Seexanaa isa gara jabinarratti hundaaʼe balleessuuf qophii godheera. Ilmasaa Yesus Kiristosiin, Mootii haqaafi qajeelummaadhaan barabaraaf bulchu godhee muudeera.
SIIN KAN ILAALLATU AKKAMITTI? Bulchiinsi Seexanaa balaa uumamaarraa namoota baraaruu baatus, bulchiinsi Yesus kana ni godha. Yesus yeroo tokko bubbee hamaarraa bartootasaa oolcheera. Macaafni Qulqulluun kana ilaalchisee, “Yesus . . . qilleensicha ifatee, dhaʼaa bishaanichaan immoo, ‘Cal jedhi, gab jedhis!’ jedhe. Kana irratti qilleensichi dhaabannaan gabiin guddaan taʼe” jedha. Yeroo kanatti bartoonnisaa, “Namni kun eenyu? Qilleensaa fi bishaan in abbooma” waliin jedhan. (Maarqos 4:37-41) Seenaan kun, Yesus ennaa Mootii taʼee bulchutti namoota ajajamoo taʼaniif eegumsa akka godhu nuuf mirkaneessa.—Daaniʼel 7:13, 14.
a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamedha.