Namoota Kaan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?
FIRAANSIWAAN inni biyya guddachaa jirtu tokko keessatti jaarsa gumii ta’ee tajaajilu akkas jedheera: “Fincilli filannoon erga geggeeffamee booda ka’e, Dhugaa Baatonni Yihowaa kumaan lakkaa’aman qe’eesaaniirraa akka baqatan godheera. Nyaataafi qoricha argachuun rakkisaa yommuu ta’u, yoo argames gatiinsaa baay’ee mi’aa ture. Manneen baankii ni cufaman, maashinoonni qarshii keessaa baafatan duwwaa ta’an ykn tajaajila kennuu ni dhaaban.”
Battaluma sanatti, obboloonni waajjira dameetii dhufan, Dhugaa Baatota Yihowaa Galmawwan Mootummaa biyyicha keessatti argamanitti walitti qabamaniif wantoota yeroo balaan ga’u barbaachisan dhiheessuu jalqaban. Gareewwan wal lolan daandiiwwan kan cufan ta’us, gareen lamaanuu Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa keessa akka hin seenne waan beekaniif konkolaattonni waajjira damee akka darban heyyaman.
Firaansiwaan akkas jedheera: “Galma Mootummaa tokko deemaa utuu jirruu, namoonni dhokatanii qawwee namatti dhukaasan konkolaataa keenyatti dhukaasuu jalqaban. Rasaasawwan nutti dhukaafaman gidduu keenya darban. Loltuun meeshaa qabate tokko gara keenyatti fiigaa akka jiru yommuu arginetti konkolaataa keenya naanneffannee gara waajjira dameetti deebine. Du’a jalaa waan oolleef Yihowaa baay’ee galateeffanna. Guyyaa ittaanutti obboloonni 130 ta’aniifi Galma Mootummaa keessa turan iddoo nagaa ta’e ga’uu danda’aniiru. Obboloonni tokko tokko gara waajjira damee kan dhufan yommuu ta’u achitti hanga jeequmsi sun qabbanaa’utti karaa hafuuraafi karaa foonii wanta isaan barbaachisu dhiheessaafii turre.”
Firaansiwaan akkas jedheera: “Yeroo booda, obboloonni guutummaa biyyattii keessa jiran waajjira dameetiif xalayaa galateeffannaa garaadhaa madde ibsu hedduu erganiiru. Obboloonnisaanii iddoo kan biraa jiraatan isaan gargaaruuf achi dhaquunsaanii amanannaa Yihowaarratti qaban isaaniif dabaleera.”
Balaan uumamaafi namtolcheen yommuu ga’utti obboloota keenya gargaarsi isaan barbaachisu afaaniin qofa, “Isinitti haa ho’u, quufaas!” hin jennu. (Yaq. 2:15, 16) Kanaa mannaa, wanta karaa foonii isaan barbaachisu ni dhiheessinaaf. Haaluma wal fakkaatuun, jaarraa tokkoffaatti akeekkachiisa beelli ga’uuf akka jedhu ibsu erga dhaga’anii booda, “bartoonni . . . adduma addaan hamma danda’an obboloota warra Yihudaa jiraatan gargaaruudhaaf ofitti muran.”—HoE. 11:28-30.
Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, namoota karaa foonii gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruuf fedhii qabna. Haata’u malee, namoonni karaa hafuuraas gargaarsi isaan barbaachisa. (Mat. 5:3) Yesus, namoonni karaa hafuuraa gargaarsi akka isaan barbaachisu akka hubataniifi fedhiisaanii kana guuttachuuf tarkaanfii akka fudhataniif akka isaan gargaaran duuka buutotasaa abboomeera. (Mat. 28:19, 20) Hundi keenya dhuunfaadhaan yeroo, humnaafi qabeenya keenya hojii kanaaf ni oolchina. Akka jaarmiyaatti, wantoota buusii godhaman tokko tokko karaa foonii gargaarsa barbaachisu gochuuf kan itti fayyadamnu ta’us, kennaawwan kun adda durummaadhaan fedhii Mootummichaa dursuufi misiraachoo babal’isuuf oolu. Kana gochuudhaan, Waaqayyoofi namoota akka jaallannu argisiisna.—Mat. 22:37-39.
Namoonni hojii addunyaa maraa deggeran, buusiin isaan godhan karaa sirrii ta’een, akkasumas akka gaariitti hojiirra akka oolu mirkanaa’oo ta’uu danda’u. Obboloota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruu ni dandeessaa? Hojii bartoota gochuu deggeruuf fedhii qabdaa? Taanaan, “gochuudhaaf utuu dandeessuu, warra wanta gaarii argachuun ta’uuf duraa hin hambisin!”—Fak. 3:27.