LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 11
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Pheexiros ergamootaaf gabaasa dhiheesse (1-18)

      • Barnaabaasii fi Saaʼol Anxokiyaa ishii Sooriyaa keessatti (19-26)

        • Barattoota yeroo jalqabaatiif Kiristiyaanota jedhaman (26)

      • Agaabos beelli akka buʼu raajii dubbate (27-30)

Hojii Ergamootaa 11:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “falmuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 10:45; Gal 2:12

Hojii Ergamootaa 11:5

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “miʼi.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 10:10-16

Hojii Ergamootaa 11:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 10:17-20

Hojii Ergamootaa 11:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 80

Hojii Ergamootaa 11:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 10:30-33

Hojii Ergamootaa 11:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 2:1, 4; 10:44, 45

Hojii Ergamootaa 11:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 3:11; Mar 1:8; Luq 3:16; HoE 1:5
  • +Yoe 2:28; Yoh 1:33; HoE 2:17

Hojii Ergamootaa 11:17

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “daandii Waaqayyoo irra dhaabbachuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 10:47

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 82

Hojii Ergamootaa 11:18

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “calluma jedhanii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 11:10; HoE 17:30; Rom 10:12; 15:8, 9

Hojii Ergamootaa 11:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 8:1
  • +Mat 10:5, 6

Hojii Ergamootaa 11:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 83

Hojii Ergamootaa 11:21

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 2:47; 9:35

Hojii Ergamootaa 11:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 4:36, 37

Hojii Ergamootaa 11:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 13:43; 14:21, 22

Hojii Ergamootaa 11:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 2:47; 4:4; 5:14; 9:31

Hojii Ergamootaa 11:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 21:39

Hojii Ergamootaa 11:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 84

Hojii Ergamootaa 11:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 12:28; Efe 4:11

Hojii Ergamootaa 11:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 21:10, 11
  • +Mat 24:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    4/2023, ful. 16

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 84

Hojii Ergamootaa 11:29

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “tajaajila gargaarsaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Gal 2:10
  • +2Qo 8:12

Hojii Ergamootaa 11:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 12:25

Yaada Wal Simu

HoE. 11:2HoE 10:45; Gal 2:12
HoE. 11:5HoE 10:10-16
HoE. 11:11HoE 10:17-20
HoE. 11:13HoE 10:30-33
HoE. 11:15HoE 2:1, 4; 10:44, 45
HoE. 11:16Mat 3:11; Mar 1:8; Luq 3:16; HoE 1:5
HoE. 11:16Yoe 2:28; Yoh 1:33; HoE 2:17
HoE. 11:17HoE 10:47
HoE. 11:18Isa 11:10; HoE 17:30; Rom 10:12; 15:8, 9
HoE. 11:19HoE 8:1
HoE. 11:19Mat 10:5, 6
HoE. 11:21HoE 2:47; 9:35
HoE. 11:22HoE 4:36, 37
HoE. 11:23HoE 13:43; 14:21, 22
HoE. 11:24HoE 2:47; 4:4; 5:14; 9:31
HoE. 11:25HoE 21:39
HoE. 11:26HoE 9:2
HoE. 11:271Qo 12:28; Efe 4:11
HoE. 11:28HoE 21:10, 11
HoE. 11:28Mat 24:7
HoE. 11:29Gal 2:10
HoE. 11:292Qo 8:12
HoE. 11:30HoE 12:25
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 11:1-30

Hojii Ergamootaa

11 Ergamoonnii fi obboloonni Yihudaa keessa jiran, saboonni kaanis dubbii Waaqayyoo akka fudhatan dhagaʼan. 2 Kanaafuu, yommuu Pheexiros gara Yerusaalemitti ol baʼu, namoonni dhaqna qabaa deggeran+ isa ceephaʼuu* jalqaban; 3 “Ati mana namoota dhaqna hin qabannee seentee isaanii wajjin nyaatte” isaan jedhan. 4 Yeroo kanatti Pheexiros akkana jedhee dhimmicha balʼinaan isaaniif ibse:

5 “Magaalaa Yoophee keessatti kadhachaa utuun jiruu, akka muguu taʼee mulʼata tokkon arge; wanti* huccuu guddaa quncee talbaa irraa tolfame fakkaatu tokko karaa afuriin qabamee utuu samii irraa gad buʼuu nan arge; innis kallattiidhaan gara koo dhufe.+ 6 Yommuun hubadhee ilaalus bineensota lafa irraa miila afur qaban, bineensota bosonaa, uumamawwan lafa irra loʼanii fi simbirroota samii achi keessatti nan arge. 7 Sagaleen tokko, ‘Pheexiros, kaʼiitii qalii nyaadhu!’ yommuu naan jedhus nan dhagaʼe. 8 Ani garuu, ‘Yaa Gooftaa, matumaa hin taʼu; wanti xuraaʼaan yookiin wanti qulqulluu hin taane matumaa afaan koo seenee hin beekun’ jedhe. 9 Siʼa lammaffaadhaaf sagalichi samii irraa, ‘Wanta Waaqayyo qulqulleesse xuraaʼaa dha jechuu dhiisi’ jedhee deebise. 10 Sagaleen sun siʼa sadaffaa natti dubbate; achiis wanti hundi deebiʼee gara samiitti ol fudhatame. 11 Yeruma sana, namoonni Qisaariyaadhaa gara kootti ergaman sadii dhufanii mana nuti keessa jirru bira dhaabbatan.+ 12 Achiis hafuurri Waaqayyoo matumaa utuu hin mamin akkan isaanii wajjin deemu natti hime. Obboloonni jaʼan kunis anaa wajjin deeman; achiis gara mana namichaatti seenne.

13 “Innis maleekaan tokko mana isaa keessa dhaabbatee akka argee fi akkana akka isaan jedhe nutti hime: ‘Gara Yoopheetti namoota ergiitii Simoon isa Pheexiros jedhamu waamsisi;+ 14 inni wantoota atii fi namoonni mana kee keessa jiran hundi fayyina ittiin argachuu dandeessan sitti hima.’ 15 Haa taʼu malee, yommuun dubbachuu jalqabu, hafuurri qulqulluun akkuma jalqaba nu irra buʼee ture isaan irras ni buʼe.+ 16 Yeroo kanatti wanta Gooftaan, ‘Yohaannis bishaaniin cuuphe,+ isin garuu hafuura qulqulluudhaan cuuphamtu’+ jedhee dubbachaa ture sana nan yaadadhe. 17 Maarree, Waaqayyo kennaa tolaa nu warra Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanneef kenne sana isaaniifis erga kennee, Waaqayyoon dhowwuu* kanan dandaʼu ani eenyu?”+

18 Isaan yommuu wantoota kana dhagaʼan isa mormuu dhiisanii,* “Taanaan, Waaqayyo saboota kaaniifis yaada geddarannaa isa jireenyatti geessu kenneera jechuu dha”+ jedhanii Waaqayyoof ulfina kennan.

19 Namoonni ariʼatama Isxifaanos irra gaʼeen kan kaʼe bittinnaaʼan+ hanga Fiinqee, Qophrosii fi Anxokiyaatti deemanii turan; taʼus, isaan dubbicha kan himan Yihudoota qofatti ture.+ 20 Haa taʼu malee, isaan keessaa namoonni Qophrosii fi Qareenaadhaa gara Anxokiyaa dhufan tokko tokko, namoota Afaan Giriikii dubbatanii wajjin mariʼachuudhaan misiraachoo waaʼee Gooftaa Yesuus ibsu lallaban. 21 Kana malees, harki Yihowaa* isaanii wajjin ture; namoonni hedduunis amantoota taʼanii gara Gooftaatti deebiʼan.+

22 Gumiin Yerusaalem keessatti argamu waaʼee isaanii ni dhagaʼe; kanaafuu, isaan Barnaabaasiin+ gara Anxokiyaatti ergan. 23 Innis achi gaʼee gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa yommuu argu baayʼee gammade; achiis hundi isaanii garaa guutuudhaan Gooftaadhaaf ajajamuu isaanii akka itti fufan isaan jajjabeessuu jalqabe;+ 24 sababiin isaas, inni nama gaarii, hafuura qulqulluu fi amantiidhaan guutame ture. Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun Gooftaatti amanan.+ 25 Kanaafuu, inni Saaʼoliin barbaacha gara Xarsees dhaqe.+ 26 Erga isa argatee boodas, gara Anxokiyaatti isa fide. Achiis waggaa tokko guutuu isaanii wajjin gumicha keessatti walitti qabaman; namoota hedduus ni barsiisan; barattoonni qajeelfama Waaqayyootiin yeroo jalqabaatiif “Kiristiyaanota” kan jedhaman Anxokiyaa keessatti ture.+

27 Yeroo sanatti raajonni+ Yerusaalemii gara Anxokiyaatti gad buʼan. 28 Isaan keessaa inni Agaabos jedhamu+ kaʼee guutummaa lafaa irratti beelli guddaan buʼuuf akka jedhu hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee raajii dubbate;+ kunis bara Qalaawudewositti raawwatame. 29 Kanaafuu, barattoonni obboloota Yihudaa keessa jiraataniif gargaarsa* erguuf+ jecha tokkoon tokkoon isaanii hamma humna isaanii buusii gochuuf murteessan;+ 30 buusii kanas harka Barnaabaasii fi Saaʼoliin jaarsolii achi jiranitti ergan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi