Yihowaan Gaaddidduu Tulluuwwanii Jala Isaan Dhokse
DUBARTIIN tokko ganama barii manaa yommuu gadi baatu mi’a maramee jiru tokko balbalasheerratti argite. Mi’icha lafaa fuutee asiif achi yommuu ilaaltu, karaarra namni tokkoyyuu hin jiru. Mi’a sana, nama hin beekamne tokkotu halkan dhufee balbalasheerra kaa’ee deeme. Mi’icha saaqxee erga ilaaltee booda, daftee manatti ol galuudhaan balbalashee cufte. Kan nama dhibu, mi’i isheedhaaf dhufe kun barreeffama Macaafa Qulqulluu dhorkamee turedha. Maraa sana hammachuudhaan, Yihowaan nyaata hafuuraa gatii guddaa qabu kana waan isheedhaa kenneef kadhannaadhaan isa galateeffatte.
Wantoonni akkasii bara 1930mman keessa biyya Jarmanitti mudatanii turan. Bara 1933tti erga bulchiinsi Naazii aangoo qabatee booda, biyyattii keessaa bakka hedduutti hojiin Dhugaa Baatota Yihowaa ni dhorkame. Obboleessi Riichaard Ruudolf jedhamuufi yeroo ammaa umriinsaa waggaa 100 ol ta’u akkas jedheera: “Labsiin namni baasu akkasii, maqaan Yihowaa akka hin beeksifamne gochuu akka hin dandeenye mirkanaa’oo turre.a Qayyabannaas ta’e tajaajila keenyaaf barreeffamoonni Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an baay’ee barbaachisaa turan. Ta’us, hojiin keenya waan dhorkameef barreeffamoota kana argachuun rakkisaa ture. Akkaataan hojiin kun itti fufuu danda’u baay’ee nu dhiphisee ture.” Haata’u malee, utuma baay’ee hin turin Riichaard malli ittiin barreeffamoota kana obbolootaan ga’uu danda’u akka jiru hubate. Gaaddidduu tulluuwwanii ykn gaarreenii jalatti hojjetamuu ni danda’a ture.—Abo. 9:36.
DAANDII DALDALTOONNI SEERAAN ALAA IRRA DEEMANITTI FAYYADAMUU
Gara burqaa laga Eelbeetti (ykn Laabeetti) yoo ol deemtan, dhumarratti Gaarreen Gurguddoo (Karkonoshe) daangaa Cheek Rippuubliikiifi Poolaandi gidduutti argaman bira geessu. Gaarreen kun meetira 1,600 qofa kan dheeratan ta’us, odoola Arkitiik giddu galeessa Awurooppaatti argamu jedhamanii waamamu. Gara ji’a ja’aatiif cabbiin hanga meetira 3tti ol tuulamuudhaan fiixee gaarreen sanaa uwwisa. Nama qilleensa yeroo yerootti jijjiiramu kana akka laayyootti ilaalu, hurriin cimaan akka tasaa dhufuufi fiixee gaarreenii uwwisu isa dhoksuu danda’a.
Gaarreen kun jaarraa hedduudhaaf, kutaa bulchiinsaa, bulchiinsaafi mootummaa naannoo gidduutti akka daangaa uumamaatti tajaajilaniiru. Akkaataan taa’umsa lafichaa eegumsaaf mijataa waan hin taaneef, mi’i kontroobaandii karaa gaarreen kanaa darbaa tureera. Bara 1930mman keessa, yeroo Gaarreen Gurguddoon kun Chekoslovaakiyaafi Jarmaniif akka daangaatti tajaajilaa turanitti, Dhugaa Baatonni gara kuteeyyii ta’an daandii daldaltoonni seeraan alaa irra deemanitti fayyadamuu jalqabanii turan. Maal hojjechuuf? Barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’aniifi iddoo guddaa qaban bakka salphaatti argachuun danda’amuu fuudhanii gara argachuun rakkisaa ta’etti geessuuf ture. Dhugaa Baatota kana keessaa Riichaard inni dargaggeessa ture isa tokkodha.
Obboloonniifi obboleettonni akka imaltootaatti uffachuudhaan barreeffamoota baatanii Gaarreen Gurguddoorra deemanii gara Jarman dhaqu turan
‘IMALA’ BALAA GEESSISU
Riichaard haala yeroo sanaa yaadachuudhaan akkas jedheera: “Sanbadduraafi Dilbata, obboloota torba ykn isaa ol taanee akka imaltootaatti uffachuudhaan gaarreen sanarra darbinee deemna turre. Jarmanirraa kaasee gaarreen sanarra ba’uudhaan bakka Ispiindilaruuv Maalyiin jedhamu ga’uuf sa’aatii sadii nutti fudhata.” Iddoon bashannanaa kun Cheekirraa kiilomeetira 16.5 fagaatee argama. Yeroo sanatti, namoota biyya Jarman baay’eetu naannoo sana jiraachaa ture. Qonnaan bulaan obboloota keenyaa wajjin walii galee hojjechaa ture namoota kana keessaa isa tokkodha. Qonnaan bulaan kun gaarii fardaa namoota bashannanuu dhufan itti fe’utti fayyadamuudhaan, saanduqa barreeffamoota keenya qabateefi baaburaan magaalaa Piraagirraa gara magaalaa xinnoo naannoo sana jirtu geeffaman fuudhee kaa’a ture. Saanduqa sana fuudhee lafa qonnaatti geessuudhaan hamma obboloonni Jarmanitti geessan dhufanii fuudhanitti citaa tuulame keessa dhoksa.
Riichaard itti fufuudhaan, “Bakka qonnaa sana erga dhaqnee booda, shaanxaa ba’aa ulfaatu baachuuf hojjetame dugdatti fe’anna. Tokkoon tokkoon keenya hanga kiilogiraama 50tti baanna turre” jedheera. Akka hin qabamneef, yommuu aduun lixxu deemsa jalqabanii utuu lafti hin bari’in manatti galu turan. Ernast Viisnar inni yeroo sanatti Jarman keessatti Daawwataa olaanaa aanaa ture, of eeggannoo gochaa turan akkas jechuudhaan ibseera: “Obboloonni lama fuuldura deemuudhaan, namni tokko yoo isaanitti dhufe, tirikasaaniitiin si’a tokko qofa mallattoo kennu. Ibsaan kun obboloota boorsaa ulfaataa ta’e dugdatti baatanii meetira 100 boodatti hafanii deemaa jiraniif mallattoo waan ta’eef, yeroo kanatti hamma obboloonni lamaan sun boodatti deebi’anii mallattoo tokko isaaniif kennanitti daggala keessa dhokatu turan. Mallattoo itti fayyadaman kana torban torbaniin jijjiiru turan.” Haata’u malee, wanti baay’ee isaan rakkisu poolisoota Jarman warra yunifoormii cuquliisa uffatan qofa hin turre.
Riichaard akkas jedheera: “Guyyaa tokko galgala sa’aatii dheeraa hojjechuun na barbaachisee ture. Kanaaf erga obboloonni deemanii booda duubasaaniitiin daandii gara Cheek geessu qabadheen deemuu jalqabe. Halkan ta’uusaarrayyuu hurriinis jira ture; anis hollachaa bokkaa baay’ee diilallaa’u keessa deemaan ture. Achiis daggala keessa kanan bade si’a ta’u, deebi’ee daandii kanan argadhe sa’aatii hedduu booda ture. Imaltoonni baay’een haala akkasiitiin du’aniiru. Obbolootaa wajjin kanan wal arge, barii yommuu isaan deebi’an ture.”
Gara waggaa sadiitiif obboloonni gara kuteeyyiin muraasa ta’an torban torbaniin gaarreen kanarra darbanii deemu turan. Yeroo gannaa, nyaata hafuuraa kan deddeebisan kophee ittiin cabbiirra deeman kaawwatanii ykn meeshaa diriiraa cabbiirra ittiin sigigaatanitti fayyadamanii ture. Yeroo tokko tokko, obboloonni gara 20 ta’an, tuutaan daandii beekamaa imaltoonni irra deemanitti fayyadamuudhaan guyyaadhaan daangaa ce’anii deemu turan. Imaltoota naga qabeeyyii ta’uusaanii mul’isuuf, obboleettota muraasaa wajjin deemu. Obboleettota kana keessaa tokko tokko fuuldurasaanii kan deeman si’a ta’u, yommuu waa shakkan, akka mallattootti koofiyyaasaanii ol darbatu turan.
Gaarreen Gurguddoon sun yommuu cabbiidhaan uwwifaman irra deemuun baay’ee rakkisaa ture
Obboloonni sun halkan guutuu deemaa bulanii erga deebi’anii booda maal godhu? Barreeffamoonni sun dafanii harka obbolootaa akka ga’an qophii godhu turan. Akkamitti? Barreeffamoota sana akka saamunaatti maruudhaan gara buufata baaburaa Hiriishbargitti geessu. Maraawwan kunis akkuma seensa mataduree kanaarratti ibsametti, malaan obboloota Jarman keessa bakka addaddaa jiraataniif kennamu turan. Mala isaan barreeffamoonni kun harka obbolootaa akka ga’an itti godhan keessaa inni tokko yoo barame, rakkoo guddaatu isaanirra ga’a. Guyyaa tokko kallattii hin eegamnerraa balaan isaan mudatee ture.
Bara 1936tti, barreeffamni naannoo Barliin kuufamee jiru tokko ni qabame. Barreeffamoota kana keessaa maraan sadii, barreeffama namni eenyummaansaa hin beekamne tokko Hiriishbargirraa erge ture. Poolisiin barreeffama harkaan barreeffametti fayyadamee nama erge sana bira ga’uudhaan qabeera. Sana booda utuma baay’ee hin turin, Riichaard Ruudolfiin dabalatee, obboloonni shakkaman lama ni qabaman. Obboloonni guutummaatti itti gaafatamummaa fudhatanii waan turaniif, warri hafan yeroo muraasaaf utuma balaan dabalaa deemuu barreeffamoota deddeebisaa turaniiru.
BARUMSA IRRAA ARGANNU
Barreeffamoonni karaa Gaarreen Gurguddoo dugdatti baatamanii geeffaman, Dhugaa Baatota Jarman keessatti argamaniif nyaata hafuuraa ga’aa turan. Ta’us, harka obbolootaa kan ga’an karaa Gaarreen Gurguddoo kanaa qofa hin turre. Hanga bara 1939tti waraanni Jarman Chekoslovaakiyaa qabatetti, karaa daangaa biyyoota kana lamaan gidduutti argamuttis fayyadamaa turaniiru. Biyyoota Jarmanii wajjin daangaa qaban, kanneen akka Faransaay, Neezarlaandiifi Siwiizarlaanditti, obboloonni biyyoota kana keessatti argaman obbolootasaanii ari’atamni isaanirra ga’eef nyaata hafuuraa dhiheessuuf tarkaanfii lubbuusaanii balaarra buusuu danda’u fudhatu turan.
Yeroo har’aa baay’een keenya, barreeffama Macaafa Qulqulluurratti hundaa’eefi nu barbaachisu bifa addaddaatiin ni arganna. Barreeffamoota kana kan argattu Galma Mootummaatii ykn Weeb saayitii jw.org jedhamurraa garagalfattee yoo ta’e, barreeffamoonni kun akkamitti akka si ga’an beekuuf maaliif hin yaaltu? Haallisaa akka gaarreen cabbiidhaan uwwifamanirra halkaniin ce’uu ta’uu dhiisuu danda’a; haata’u malee obboloonni fedhiisaanii aarsaa godhan hedduun barreeffamoonni kun akka si ga’aniif jabaatanii akka hojjetan beekamaadha.
a Gumii biyya Saayileeshiyaa magaalaa Hiriishbarg keessatti argamutti tajaajilaa ture. Magaalaan Hiriishbarg yeroo har’aa Jeleeniyaa Gooraa kan jedhamtu si’a taatu, kibba lixa Poolaanditti argamti.