LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 2/15 ful. 13-16
  • Eegduun Mana Mootummaa Dhugaa Dhagaʼe

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Eegduun Mana Mootummaa Dhugaa Dhagaʼe
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • PHAAWULOS “IJA JABINA GUUTUUDHAAN” LALLABE
  • PHAAWULOS XINNAADHAAFI GUDDAATTI DHUGAA BAʼEERA
  • ‘DUBBII WAAQAYYOO SODAA TOKKO MALEE DHUGAA BAʼUU’
  • ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Abbootii Taayitaa Duratti Misiraachichaaf Falmuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 2/15 ful. 13-16

Eegduun Mana Mootummaa Dhugaa Dhagaʼe

Yeroonsaa Dh.K.B. bara 59 ture. Loltoonni Roomaa karaa dheeraa deemuusaaniitiin kan kaʼe dadhaban, hidhamtoota fuudhanii karaa balbala Poortaa Kaapanaa magaalaa Roomaa seenaa jiru. Manni Mootii Moototaa Neeroo, Tulluu Paalaataayin irra kan jiru siʼa taʼu, Loltoota waaroo uffatan jalatti billaa hidhataniin eegama ture.a Ajajaa waraana Roomaa kan taʼe Yuliiʼos, hidhamtoota toora galchee Roomaa keessa darbuudhaan hamma tulluu Vaaminaalitti ol baʼaa jira. Dhaaba ashaakiltii iddoon aarsaa waaqayyolii Roomaa baayʼinaan keessatti argamuufi bakka loltoota itti leenjisan keessa darbanii deemaniiru.

Suura eegdota mana mootummaa siidaa Kilaawudiyas isa Dh.K.B. bara 51⁠tti hojjetamerraa fudhatame

Namoota hidhaman kana keessaa tokko Phaawulos ture. Ergamaan Waaqayyoo, jiʼoota muraasa dura yeroo Phaawulos markaba qilleensaan hunkuramaa jirturra turetti, “Mootii warra Roomaa dura dhaabachuuf jirta” isaan jedhee ture. (HoE. 27:24) Wanti ergamaan kun dubbate raawwatameeraa laata? Phaawulos magaalaa Mootii Mootota Roomaa asiif achi garagalee yommuu ilaalu, yaada Gooftaan Yesus Masaraa Antooniyaa isa Yerusaalemitti argamu biratti itti dubbate yaadachuunsaa hin oolu. Yesus, “Laphee jabaadhu! Yerusaalemitti anaaf akkuma dhugaa baate akkasuma mandara Roomaattis anaaf dhugaa baʼuun siif in taʼa” isaan jedhee ture.​—HoE. 23:10, 11.

Tarii Phaawulos mooraa eegdotaa ‘Kaastiraa Piritooriyaa’ jedhamuufi dallaa guddaa xuuphii diimaadhaan ijaarameefi irra keessasaatti masaraa qabu ilaaleera taʼa. Mooraan kun bakka eegdonni mootichaafi poolisoonni magaalicha eegan keessa jiraatanidha. Mooraa kana keessa kan jiraatan gareeb eegdota mootichaa 12 taʼaniifi gareewwan magaalicha eegan hedduu, akkasumas abbootii fardeenii dabalatee loltoota kuma hedduutti lakkaaʼaman turan. Mooraan ‘Kaastiraa Piritooriyaa’ kun humna guddaa mootichi qabu kan nama yaadachiisudha. Eegduun moototaa hidhamtoota bulchiinsa Roomaa keessaa dhufan garabiraas kan eegu waan tureef, Yuliʼos garee hidhamtootaa kana gara magaalichaatti kan galche balbaloota gurguddaa arfan magaalattiin qabdu keessaa karaa isa tokkoo ture. Jiʼoota hedduudhaaf karaa dheeraa erga deemanii booda, bakka hidhamtoonni kun itti hidhaman gaʼan.​—HoE. 27:1-3, 43, 44.

PHAAWULOS “IJA JABINA GUUTUUDHAAN” LALLABE

Phaawulos markabni inni ittiin deemaa jiru kan caccabu taʼus, namoonni achi keessa jiran hundi akka oolan mulʼataan argeera. Bofti summii qabu isa iddus balaan isarra hin geenye. Yeroo inni odoola Maaltaarratti namoota dhukkubsatan fayyise, namoonni akka waaqaatti isa ilaalaniiru. Eegduun Moototaa amantii sobaa hordofus wanta inni godhe kana dhagaʼeera taʼa.

Phaawulos Kiristiyaanota hanga bakka ‘gabaa Aphiyositti, kaanimmoo hamma iddoo ‘Trees Tabeernee’ jedhamutti’ isa simachuu dhufanii wajjin wal argeera. (HoE. 28:15) Haataʼu malee, Phaawulos hidhamee waan jiruuf fedhii misiraachoo Roomaatti lallabuuf qabu bakkaan gaʼuu kan dandaʼu akkamitti? (Rom. 1:14, 15) Namoonni tokko tokko hidhamtoonni kun ajajjuu eegdotaatti kennamu jedhanii yaadu. Kun dhugaa taanaan, Phaawulos eegduu mana Mootummaa, Afraaniyees Buuroos jedhamuufi Mootichatti aanee aangoo guddaa qabutti kennameera jechuudha.c Kanas taʼe sana, Phaawulos amma kan eegamu ajajaa dhibbaatiin utuu hin taʼin, eegduu mana mootummaa tokkoonidha jechuudha. Phaawulos, bakka jiraatu ofiisaatii akka qopheeffatuufi namoota isa gaafachuu dhufaniif “ija jabina guutuudhaan” akka lallabu isaaf heyyamamee ture.”​—HoE. 28:16, 30, 31.

Eegdota Bara Neeroo Turan

Saantima jaarraa tokkoffaatti hojjetameefi fakkii mooraa eegdota mana Mootummaa qabate

Eegdonni mana mootummaa mootii moototaafi maatiisaa eeguuf waadaa galanii turan. Yommuu duula dhaqan alaabaa fakkii mootichaa qabu, akkasumas gaachana fakkii torbaan qabaa isa asxaa Xiberiyos Qeesaar taʼe qabu baatu turan. Akkasumas ajaja bakka buʼaan uummataafi ajajaan loltoota Roomaa isaanii kennuun, bakka sirbiifi taphni addaddaa jirutti seera eegsisu, akkasumas namoota ittisa balaa ibiddaa keessaa hojjetan gargaaru turan. Eegdonni mana mootummaa waggaa 16 qofa erga tajaajilanii booda soorama kan baʼan siʼa taʼu, yeroo kanattis kaffaltii harka sadii, kennaa baayʼeefi qarshii hedduu argatu turan. Loltoonni garuu waggaa 25 tajaajiluu qabu turan. Eegdonni mana mootummaa hidhamtoota ni dhiphisu; ni ajjeesus turan. Phaawulos yeroo lammataatiif yommuu hidhametti, harka loltoota warra akkasaan fayyina argataniif gargaaraa tureetti ajjeefamuu hin oolu.​—2 Xim. 4:16, 17.

Courtesy Classical Numismatic Group, Inc./​cngcoins.com

PHAAWULOS XINNAADHAAFI GUDDAATTI DHUGAA BAʼEERA

Dallaa Kaastiraa Piritooriyaa isa yeroo harʼaa jiru

Buuroos, Phaawulosiin Neeroo Mooticha duratti dhiheessuusaa dura, mana mootummaatti ykn mooraa eegdota mana Mootummaa keessatti gaafannoo godheefii ture taʼa. Phaawulos carraa addaa “xinnaadhaa fi guddaatti dhugaa baʼuuf” argate kanatti akka gaariitti fayyadameera. (HoE. 26:19-23) Qorannoon Buuroos Phaawulosirratti godhe maaliyyuu yoo taʼe, Phaawulos mooraa eegdota mana Mootummaa keessatti hidhamuu ooleera.d

Manni Phaawulos kireeffate ‘dura buutota Yihudootaa,’ akkasumas namoota “baayʼatanii mana inni taaʼu dhufan” simachuufi dhugaa isaaniif baʼuuf kan gaʼu ture. Dabalataanis, eegduun mana Mootummaa isa eegaa ture, Phaawulos ‘ganamaa hamma galgalaatti’ waaʼee Mootummaa Waaqayyoofi waaʼee Yesus’ Yihudootatti yommuu ‘dhugaa baʼu’ dhaggeeffachaa ture.”​—HoE. 28:17, 23.

Phaawulos yommuu hidhamee tureefi ergaa barreessisutti loltoonni isa eegaa turan dhagaʼaniiru

Gareen eegdota mana mootummaa guyyaa hundumaa saʼaatii saddeet saddeetiin jijjiiramu turan. Warri Phaawulosiin eeganis guyyaa guyyaadhaan jijjiiramu turan. Phaawulos waggaa lamaaf hidhamee yeroo turetti, loltoonni isa eegan yommuu inni Kiristiyaanota gumii Efesoon, Filiphisiiyus, Qolosaayisiifi Ibrootaa keessa turaniif akka barreessuuf nama ergicha barreessutti himu ykn Kiristiyaana Filemon jedhamuuf dhuunfaatti xalayaa barreessu ni dhagaʼu turan. Phaawulos yommuu hidhamee turetti namicha Oneesimos jedhamu, gooftaasaa jalaa badeefi ‘mana hidhaa keessatti akka ilmasaatti isa ilaalaa ture’ tokkoof dhuunfaatti xiyyeeffannaa kennuudhaan gara gooftaasaatti akka inni deebiʼu godheera. (Film. 10) Phaawulos loltoota isa eegaa turaniifis dhuunfaatti xiyyeeffannaa akka kenne beekamaadha. (1 Qor. 9:22) Faayidaa meeshaaleen waraanaa eegduun sun hidhate qaban yommuu inni isa gaafatuufi meeshaa waraanaa hafuuraatiif akka fakkeenyaatti itti fayyadamu yaaduu dandeenya.​—Efe. 6:13-17.

‘DUBBII WAAQAYYOO SODAA TOKKO MALEE DHUGAA BAʼUU’

Phaawulos hidhamuunsaa, eegdonni mootii moototaa hundiifi namoonni kaan misiraachoo Mootummichaa akka dhagaʼaniif sababa taʼeera. (Filp. 1:12, 13) Namoonni Kaastiraa Piritooriyaa keessa jiraatan, bulchiinsa Roomaa, mootii moototaafi maatiisaa wajjin hariiroo cimaa qabu turan. Maatiin mootii moototaa, miseensota maatichaa, tajaajiltootaafi garboota kan qabu yommuu taʼu, isaan keessaa tokko tokko Kiristiyaanota taʼaniiru. (Filp. 4:22) Phaawulos ija jabinaan waan dhugaa baʼeef, obboloonni Roomaa keessa jiran ‘dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuudhaaf caalaatti ija jabaataniiru.’​—Filp. 1:14.

Haalli keessa jirru maaliyyuu yoo taʼe, namoota nu gaafachuu dhufan ykn wanta nu barbaachisu nuu fidan keessaa nama nu dhaggeeffatu hin dhabnu

Phaawulos Roomaatti dhugaa baʼuunsaa, “‘Kun yeroo dha, kun yeroo miti’ utuu hin jedhin” “dubbicha” lallabuuf jajjabina nuu kenna. (2 Xim. 4:2) Nu keessaa tokko tokko bakka namoonni dullooman itti kunuunfaman ykn mana yaalaa ykn sababa amantii keenyaatiin mana hidhaa keessa waan jirruuf manaa baʼuu hin dandeenyu. Haalli keessa jirru maaliyyuu yoo taʼe, namoota nu gaafachuu dhufan ykn wanta nu barbaachisu nuu fidan keessaa nama nu dhaggeeffatu tokko hin dhabnu. Haala akkamii keessattiyyuu yommuu ija jabinaan dhugaa baanu, ‘dubbiin Waaqayyoo akka hin hidhamne’ ofuma keenyaan arguu dandeenya.​—2 Xim. 2:8, 9.

Seekistas Afraaniyas Buuroos

Barreeffama maqaa Seekistas Afraaniyas Buuroos qabate

Buuroos kan dhalate, magaalaa Veezoo Laa Roomaan jedhamtu, yeroo ammaa kibba Faransaayitti argamtuufi barreeffamni maqaasaa qabate Dh.K.B. bara 1884⁠tti keessatti argametti taʼuu hin oolu. Dh.K.B. bara 51⁠tti, Agiriippiinaa Xinnoo, isheen haadha manaafi durbii Kilaawudiyas Qeesaar taate, Buuroosiin ajajaa eegduu moototaa gootee muudde. Agiriippiinaan, mucaanshee inni xinnoon Neeroo jedhamu leenjii mootii moototaa taʼuuf isa gargaaru akka argatuuf barsiisota lama isaaf qacarte. Barsiisota kana keessaa inni tokko Buuroos isa loltoota leenjisuudhaan beekamaa turedha. Inni lammaffaanimmoo Seenekaa isa abbaa falaasamaa siʼa taʼu, innis beekumsi Neeroo akka guddatu godheera. Agiriippiinaan haalasaa erga mijeessitee booda abbaa manaashee summiidhaan ajjeesiste. Kilaawudiyas akka duʼe beeksifamuusaa dura, Buuroos, Neeroo Kaastiraa Piritooriyaatti geessee eegduun Mootii Moototaa, Mootii taʼuusaa akka beeksisu gochuudhaan manni maree Roomaa murtoo kana akka fudhatu godhe. Dh.K.B. bara 59⁠tti yeroo Neeroon haadhasaa ajjeesise, Buuroos oduun kun akka dhokatu godhe. Barreessitoota seenaa lammii Roomaa kan taʼan Suutooniyaasiifi Kaasiyas Diyoon, Dh.K.B. bara 62⁠tti Neeroon Buuroosiin summiidhaan akka ajjeesise barreessaniiru.

Musée Calvet Avignon

a Saanduqa mataduree, “Eegdota Bara Neeroo Turan” jedhu qabu ilaali.

b Gareen loltoota warra Roomaa tokko, miseensota 1,000 taʼan of keessaa qaba ture.

c Saanduqa mataduree, “Seekistas Afraaniyas Buuroos” jedhu qabu ilaali.

d Xiberiyos Qeesaar, Kaaliigulaan Mootii moototaa akka taʼu Herodis Agriiphaan waan dubbateef, Dh.K.B. bara 36-37⁠tti iddoo kanatti Herodisin hidhee ture. Kaaliigulaan yommuu Mootii moototaa taʼetti Herodisin mootii gochuudhaan isa kiiseera.​—HoE. 12:1.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi