LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 11/15 ful. 8-9
  • Namoota Kaan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoota Kaan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanti Isaanirraa Hafe Qaawwa Dhaba Warra Kaanii Duucha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • “Hojiin Isaa Guddaa Dha”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Arjummaa Yihowaatiif Dinqisiifannaa Akka Qabdan Argisiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Yihowaan Namoota Fedhiidhaan Kennan Ni Eebbisa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 11/15 ful. 8-9

Namoota Kaan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?

FIRAANSIWAAN inni biyya guddachaa jirtu tokko keessatti jaarsa gumii ta’ee tajaajilu akkas jedheera: “Fincilli filannoon erga geggeeffamee booda ka’e, Dhugaa Baatonni Yihowaa kumaan lakkaa’aman qe’eesaaniirraa akka baqatan godheera. Nyaataafi qoricha argachuun rakkisaa yommuu ta’u, yoo argames gatiinsaa baay’ee mi’aa ture. Manneen baankii ni cufaman, maashinoonni qarshii keessaa baafatan duwwaa ta’an ykn tajaajila kennuu ni dhaaban.”

Battaluma sanatti, obboloonni waajjira dameetii dhufan, Dhugaa Baatota Yihowaa Galmawwan Mootummaa biyyicha keessatti argamanitti walitti qabamaniif wantoota yeroo balaan ga’u barbaachisan dhiheessuu jalqaban. Gareewwan wal lolan daandiiwwan kan cufan ta’us, gareen lamaanuu Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa keessa akka hin seenne waan beekaniif konkolaattonni waajjira damee akka darban heyyaman.

Firaansiwaan akkas jedheera: “Galma Mootummaa tokko deemaa utuu jirruu, namoonni dhokatanii qawwee namatti dhukaasan konkolaataa keenyatti dhukaasuu jalqaban. Rasaasawwan nutti dhukaafaman gidduu keenya darban. Loltuun meeshaa qabate tokko gara keenyatti fiigaa akka jiru yommuu arginetti konkolaataa keenya naanneffannee gara waajjira dameetti deebine. Du’a jalaa waan oolleef Yihowaa baay’ee galateeffanna. Guyyaa ittaanutti obboloonni 130 ta’aniifi Galma Mootummaa keessa turan iddoo nagaa ta’e ga’uu danda’aniiru. Obboloonni tokko tokko gara waajjira damee kan dhufan yommuu ta’u achitti hanga jeequmsi sun qabbanaa’utti karaa hafuuraafi karaa foonii wanta isaan barbaachisu dhiheessaafii turre.”

Firaansiwaan akkas jedheera: “Yeroo booda, obboloonni guutummaa biyyattii keessa jiran waajjira dameetiif xalayaa galateeffannaa garaadhaa madde ibsu hedduu erganiiru. Obboloonnisaanii iddoo kan biraa jiraatan isaan gargaaruuf achi dhaquunsaanii amanannaa Yihowaarratti qaban isaaniif dabaleera.”

Balaan uumamaafi namtolcheen yommuu ga’utti obboloota keenya gargaarsi isaan barbaachisu afaaniin qofa, “Isinitti haa ho’u, quufaas!” hin jennu. (Yaq. 2:15, 16) Kanaa mannaa, wanta karaa foonii isaan barbaachisu ni dhiheessinaaf. Haaluma wal fakkaatuun, jaarraa tokkoffaatti akeekkachiisa beelli ga’uuf akka jedhu ibsu erga dhaga’anii booda, “bartoonni . . . adduma addaan hamma danda’an obboloota warra Yihudaa jiraatan gargaaruudhaaf ofitti muran.”​—HoE. 11:28-30.

Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, namoota karaa foonii gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruuf fedhii qabna. Haata’u malee, namoonni karaa hafuuraas gargaarsi isaan barbaachisa. (Mat. 5:3) Yesus, namoonni karaa hafuuraa gargaarsi akka isaan barbaachisu akka hubataniifi fedhiisaanii kana guuttachuuf tarkaanfii akka fudhataniif akka isaan gargaaran duuka buutotasaa abboomeera. (Mat. 28:19, 20) Hundi keenya dhuunfaadhaan yeroo, humnaafi qabeenya keenya hojii kanaaf ni oolchina. Akka jaarmiyaatti, wantoota buusii godhaman tokko tokko karaa foonii gargaarsa barbaachisu gochuuf kan itti fayyadamnu ta’us, kennaawwan kun adda durummaadhaan fedhii Mootummichaa dursuufi misiraachoo babal’isuuf oolu. Kana gochuudhaan, Waaqayyoofi namoota akka jaallannu argisiisna.​—Mat. 22:37-39.

Namoonni hojii addunyaa maraa deggeran, buusiin isaan godhan karaa sirrii ta’een, akkasumas akka gaariitti hojiirra akka oolu mirkanaa’oo ta’uu danda’u. Obboloota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruu ni dandeessaa? Hojii bartoota gochuu deggeruuf fedhii qabdaa? Taanaan, “gochuudhaaf utuu dandeessuu, warra wanta gaarii argachuun ta’uuf duraa hin hambisin!”​—Fak. 3:27.

Karaawwan Namoonni Tokko Tokko Buusii Itti Godhan

Akkuma bara Phaawulos ergamaatti godhamaa ture, yeroo har’aattis obboloonni hedduun saanduqa mallattoon “Hojii Addunyaa Maraatiif” jedhu irratti maxxanfame keessa buusuuf qarshii murtaa’e ‘walitti in qabu’ ykn in ramadu. (1 Qor. 16:2) Gumiiwwanis ji’a ji’aan qarshii achi keessaa argame waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyyasaaniitti argamutti ergu. Kennaa fedhiidhaan kennamu kallattiidhaan waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyyakeetti argamutti erguus ni dandeessa. Maqaa seeraan beekamaa ta’eefi Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyakee keessatti itti fayyadaman beekuuf, waajjira damee biyyichatti argamu gaafachuu dandeessa. Teessoo waajjira damee, www.jw.org. irraa argachuun ni danda’ama. Kennaawwan kallattiidhaan erguu dandeessu kanneen armaan gaditti ibsamanidha:

  • KENNAA KALLATTIIDHAAN KENNAMU

    • Qarshii, faaya ykn mi’a gati jabeessa.

    • Xalayaan qarshiin ykn mi’ichi kennaa ta’uusaa ibsu duukaa ergamuu qaba.

  • QOPHII QARSHIIN DEEBI’U ITTI KENNAMU

    • Qarshii yommuu barbaadanitti deebisanii fudhachuun danda’amus kennuun ni danda’ama.

    • Xalayaan qarshiin kun kan deebi’u ta’uusaa ibsu duukaa ergamuu qaba.

  • KENNAA KAROORAAN GODHAMU

    Qarshiifi mi’a gati jabeessa akka kennaatti gumaachuu malees, karaawwan hojii Mootummichaa addunyaa maratti geggeeffamu deggeruun itti danda’amu kan biraanis jiru. Isaanis armaan gaditti ibsamaniiru. Malli itti fayyadamuu barbaadde kamiyyuu yoo ta’e, biyyichatti kan itti hojjetamaa jiru kam akka ta’e odeeffannoo argachuuf waajjira damee biyyakeetti argamu gaafachuu dandeessa. Seerriifi seerri qaraxaa biyyaa gara biyyaatti garaagara waan ta’eef, mala itti fayyadamuu barbaaddu filachuukee dura namoota karaa qaraxaafi seeraa gorsa kennan gaafachuunkee barbaachisaadha.

    Inshuraansii: Buusii namni inshuraansii lubbuu seenee jiru maqaa jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa ta’etti fayyadamuudhaan godhu.

    Herrega Baankii: Akka seera baankii biyyichaatti, qarshii baankiidhaa qaban, ragaa baankiidhaa qarshii akka qaban mirkaneessu ykn herrega soorama itti ba’an adaraadhaan ykn yeroo du’an jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa ta’eef akka kennamu gochuun ni danda’ama.

    Aksiyooniifi Boondota: Aksiyooniifi boondota kallattiidhaan ykn yeroo du’aatti jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa ta’eef kennuun ni danda’ama.

    Qabeenya Hin Sochoone: Qabeenya hin sochooneefi gurguramuu danda’u kennuu ykn mana jireenyaa yoo ta’emmoo abbaan qabeenyichaa hamma lubbuudhaan jirutti itti fayyadamee yeroo du’u dhaalchisuun ni danda’ama.

    Durgoo Kennaarraa Argamu: Durgoon kennaa kennamerraa argamu namni tokko qarshii ykn sanadii abbaa qabeenyummaa argisiisu, maqaa jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa ta’eetti jijjiirsisuuf qophii inni godhu argisiisa. Haala kanaan namichi kennaa kenne ykn namni inni bakka buuse hamma lubbuudhaan jirutti qarshii murtaa’e waggaa waggaadhaan akka durgootti fudhata. Namni kennaa kana kenne waggaa durgoo kennuuf itti walii galetti galiisaarraa gibirri hin kutamu.

    Dhaamsa Dhaalaafi Adaraa: Qabeenya ykn qarshii karaa seera duratti fudhatama qabuun dhaalaan kennuun ykn adaraadhaan maqaa jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa ta’etti jijjiirsisuun ni danda’ama. Qophiin kun gama qaraxaatiin faayidaa tokko tokko argamsiisuu danda’a.

Jechi “kennaa karooraan godhamu” jedhu, namni kennaa akkasii kennu dursee karoora baafachuu akka qabu kan argisiisudha. Namoota hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti geggeessan kennaa karooraan godhamuun deggeruu barbaadaniif ifa gochuuf, birooshurri Tajaajila Mootummaa Addunyaa Maratti Geggeeffamu Deggeruuf Kennaa Karooraan Godhamu jedhamu Ingiliffaafi afaan Ispaanishiitiin qophaa’eera. Birooshurri kun, namoonni kennaa kennuuf ykn yeroo du’aatti dhaamsa dhaalaa karaa addaddaatiin gochuuf isaan dandeessisan ilaalchisee ragaa kennuuf yaadamee kan qophaa’edha. Seera qaraxaa ykn seera biyyakee keessa jiruun kan ka’e, odeeffannoon birooshura kana keessa jiru guutummaatti siif hojjechuu dhiisuu danda’a. Kanaaf birooshura kana erga dubbistee booda, gorsitoota seeraa ykn qaraxaa mariisisuu qabda. Namoonni hedduun malawwan kennaa itti kennan kanatti fayyadamuudhaan, hojii amantiifi gargaarsa namummaa jaarmiyaan amantii keenya addunyaa maratti raawwachaa jiru deggeruudhaan qaraxaa wajjin haala wal qabateen faayidaa guddaa argataniiru. Birooshurri kun biyyakee keessa kan jiru taanaan barreessaa gumii keerraa argachuu dandeessa.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Biiroo Kennaa Karooraan Godhamu jedhamutti barreessuu ykn bilbilaan gaafachuu ykn teessoo armaan gadiitiin waajjira damee gaafachuu dandeessa.

KENNAA KAROORAAN GODHAMU

Yeyihowa Misikiroch

P.O. Box 5522

Addis Ababa

Ethiopia

Bilbila: 011-6603611

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi