Kiyyoo Seexanaarraa Of Eegaa!
‘Seexana isa kiyyoo isaatti isin galchu harkaa baʼaa.’—2 XIM. 2:26.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Namoota kaaniif ilaalcha gadhee kan qabdan taanaan, maal jettanii of qoruun keessan barbaachisaadha?
Sodaafi dhiibbaaf moʼamuu ilaalchisee Philaaxosiifi Phexrosirraa maal baranna?
Garmalee of ceephaʼuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?
1, 2. Mataduree kana keessatti kiyyoowwan Seexanaa kamfaa qorra?
SEEXANNI tajaajiltoota Yihowaa ni gaada. Kaayyoonsaa akka adamsaan tokko wanta adamsu sana ajjeesuu barbaaduu miti. Kanaa mannaa kaayyoonsaa inni guddaan nama barbaadu sana fayyaatti qabee akka fedhasaatti itti fayyadamuudha.—2 Ximotewos 2:24-26 dubbisi.
2 Namni adamsu tokko bineensa barbaade sana fayyaatti qabuuf kiyyoowwan addaddaatti fayyadamuu dandaʼa. Bineensichi funyoo furgaasaan hidhame keessa galee akka qabamu gochuuf yaaluu dandaʼa. Yookiinimmoo kiyyoo dhokfamee kaaʼameefi yeroo bineensichi itti buʼu akka tasaa futtaʼee isa qabutti fayyadamuu dandaʼa. Seexannis tajaajiltoota Waaqayyoo fayyaatti qabuuf kiyyoowwan akkasiitti fayyadama. Kiyyoosaatiin qabamuurraa ooluu yoo barbaanne, mallattoowwan kiyyoon Seexanaa jiraachuusaa akeekkachiisan dammaqnee hordofuu qabna. Mataduree kana keessatti kiyyoo Seexanni itti fayyadamuudhaan milkaaʼina guddaa argate sadiirraa akkamitti of eeguu akka dandeenyu qorra. Isaanis (1) arraba toʼannaa hin qabne, (2) sodaafi dhiibbaa, akkasumas (3) garmalee of ceephaʼuudha. Mataduree ittaanurrattimmoo kiyyoowwan Seexanaa dabalataa lama qorra.
IBIDDA ARRABA TOʼANNAA HIN QABNEE DHAAMSUU
3, 4. Arraba keenya toʼachuu dhiisuun maal geessisuu dandaʼa? Fakkeenyaan ibsi.
3 Adamsaan tokko bineensota bakka dhokatanii wareersee yommuu isaan baqachuuf yaalan qabuuf, bosona isaan keessa jiran gar tokkoosaatti ibidda qabsiisuu dandaʼa. Seexannis fakkeenyaan gumii Kiristiyaanaatti ibidda qabsiisuu barbaada. Yoo isaa milkaaʼe miseensonni gumii bakka nagaa keessa jiran sanaa akka baqatan gochuu dandaʼa. Utuu nutti hin beekamin isa deggeruudhaan kiyyoosaatiin qabamuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Yaaqoob bartichi arraba ibiddatti fakkeessuudhaan ibseera. (Yaaqoob 3:6-8 dubbisi.) Arraba keenya yoo toʼachuu baanne, ibidda fakkeenyaan ibsame gumii Kiristiyaanaa keessatti qabsiisuu dandeenya. Kun gaʼuu kan dandaʼu akkamitti? Haala armaan gaditti fakkeenyaan ibsame ilaalaa: Walgaʼii gumiirratti obboleettiin tokko qajeelchaa taatee akka muudamte beeksisni ni dubbifame. Walgaʼii booda, obboleettonni lama waaʼee beeksisa kanaa waliin haasaʼu. Isheen tokko akka gammaddeefi qajeelchituu haaraan kun milkaaʼina akka argattu hawwii qabdu ibsiti. Isheen kaanimmoo, obboleettiin sun kakaʼumsa sirrii akka hin qabneefi qajeelchituu kan taate gumii keessatti beekamtii argachuuf jettee akka taʼe dubbatti. Obboleettota lamaan kana keessaa ishee kamiin hiriyaa godhachuu barbaaddu? Arrabasheetiin ibidda cimaa gumiitti qabsiisuu kan dandeessu ishee kam akka taate hubachuun ulfaataa miti.
5. Ibidda arraba toʼannaa hin qabnee dhaamsuuf maal jennee of qoruun keenya barbaachisaadha?
5 Ibidda arraba toʼannaa hin qabnee dhaamsuu kan dandeenyu akkamitti? Yesus, “Waan garaa namaa keessa guute afaan dubbata” jedhee ture. (Mat. 12:34) Kanaaf tarkaanfiin inni jalqabaa garaa keenya qoruudha. Miira gadhee dubbii nama miidhu akka dubbannu nu godhurraa of qusannaa? Fakkeenyaaf, obboleessi tokko mirga tajaajilaa tokko argachuuf yommuu carraaqu, kana kan godhu garaa qulqulluudhaan kakaʼee akka taʼe yaannaa? Moo ofittummaadhaan kakaʼee akka taʼe shakkina? Namoota shakkuu kan jaallannu yoo taʼe, Seexanni kakaʼumsa Iyoob isa amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilurratti gaaffii kaasee akka ture yaadachuun keenya gaariidha. (Iyo. 1:9-11) Obboleessa keenya shakkuu mannaa, maaliif ilaalcha gadhee akka isaaf qabaannu qoruun keenya barbaachisaadha. Isa shakkuuf dhugumaan sababa gaʼaa qabnaa? Moo garaan keenya jibba guyyoota gara dhumaa kana keessatti babalʼateen mancaʼeera?—2 Xim. 3:1-4.
6, 7. (a) Sababiiwwan namoota kaaniif ilaalcha gadhee akka qabaannu nu godhan tokko tokko maalfaʼi? (b) Yoo arrabsamne akkamitti deebii kennuu qabna?
6 Namoota kaaniif ilaalcha gadhee kan qabaannu maaliif taʼuu akka dandaʼu sababii gara biraa haa qorru. Sababiin tokko wanti nuyi raawwannu kan warra kaaniirra caalee akka mulʼatu waan barbaannuuf taʼuu dandaʼa. Kana gochuudhaan warra kaan gadi qabnee ofii keenya ol jennee mulʼachuuf yaaluu dandeenya taʼa. Yookiin wanta utuu hin raawwatin hafne tokkoof sababa dhiheessuudhaan warra kaan biratti fudhatama argachuuf yaalla taʼa. Kana gochuuf kan nu kakaasu koora, hinaaffaas taʼe sodaa, miidhaa geessisuunsaa kan hin oolledha.
7 Waaʼee nama tokkoo waan hin taane dubbachuudhaan, gochi keenya sirrii akka taʼe nutti dhagaʼamuu dandaʼa taʼa. Tarii wanta namni sun utuu itti hin yaadin dubbateen miidhamneerra taʼa. Sababiinsaa kana taanaan, waanuma namni sun godhe gochuudhaan haaloo baʼuun furmaata hin taʼu. Kana gochuun ibiddatti bobaʼaa naquudhaan fedha Waaqayyoo utuu hin taʼin, fedha Seexanaa wajjin walsimanii deddeebiʼuun ala waan fayyadu hin qabu. (2 Xim. 2:26) Gama kanaan fakkeenya Yesus hordofuun keenya gaariidha. Inni yommuu arrabsame “deebisee hin arrabsine.” Kanaa mannaa, “Waaqayyo isa firdii qajeelaa faradutti kennate.” (1 Phe. 2:21-23) Yesus Yihowaan karaasaafi yeroosaatti waan hundumaaf furmaata akka kennu amantii qaba ture. Nutis Waaqayyorratti amanannaa akkasii qabaachuu qabna. Arrabni keenya akka fayyisu goonee kan itti fayyadamnu taanaan, ‘hidhaan nagaa tokkummaa’ gumii keenya keessa jiru akka itti fufuuf gumaacha goona.—Efesoon 4:1-3 dubbisi.
KIYYOO SODAAFI DHIIBBAA NAMOOTAA JALAA MILIQUU
8, 9. Philaaxos, Yesus akka ajjeefamu kan godhe maaliifi?
8 Bineensi kiyyoodhaan qabame tokko jireenyisaa toʼannaasaa jala miti. Haaluma wal fakkaatuun namni sodaafi dhiibbaa warra kaaniitiin moʼame, hamma tokko jireenyisaa toʼatamaa jira. (Fakkeenya 29:25 dubbisi.) Mee fakkeenya namoota dhiibbaafi sodaa warra kaaniitiin moʼaman lamaa qoruudhaan muuxannoosaaniirraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu.
9 Bulchaa warra Roomaa kan ture Phonxos Philaaxos, Yesus balleessaa akka hin qabne beekee kan ture taʼuusaarrayyuu, isa miidhuu akka hin barbaanne haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Philaaxos, Yesus “firdii duʼaatiin kan isa gaʼu” akka hin hojjenne dubbatee ture. Taʼus, Philaaxos duʼa isatti murteesseera. Maaliif? Kana kan godhe dhiibbaa namoonni baayʼeen isarraan geessisaniif waan moʼameefidha. (Luq. 23:15, 21-25) Mormitoonni sun, “Namicha kana yoo gad dhiifte, ati fira mootii warra Roomaa miti” jedhanii iyyuudhaan, waan isaan barbaadan akka raawwatu dhiibbaa isarratti godhan. (Yoh. 19:12) Philaaxos Kiristosiin yoo deggere, aboosaa ykn lubbuusaallee dhabuu akka dandaʼu sodaatee taʼuu hin oolu. Kanaaf fedha Seexanaa raawwachuuf dabarsee of kenne.
10. Phexros, Kiristosiin akka ganu kan isa godhe maal ture?
10 Phexros ergamaan michoota Yesus warra baayʼee isatti dhihaatan keessaa tokko ture. Yesus Masiihicha taʼuusaa ifatti dubbateera. (Mat. 16:16) Yommuu bartoonni kaan wanta Yesus dubbate hubachuu dadhabuudhaan isa dhiisanii deeman, Phexros amanamaa taʼee itti fufeera. (Yoh. 6:66-69) Diinonni Yesusiin hidhuuf yommuu dhufanitti, Phexros Gooftaasaatiif loluuf billaasaa luqqifatee ture. (Yoh. 18:10, 11) Haataʼu malee booda, Phexros sodaadhaaf moʼamuudhaan Yesus Kiristosiin hin beeku jedhee haaleera. Phexros yeroo muraasaaf kiyyoon sodaa akka isa qabuufi ija jabinaan tarkaanfii fudhachuu akka isa dhowwu heyyameera.—Mat. 26:74, 75.
11. Dhiibbaa gadhee akkamii wajjin qabsoo gochuun nu barbaachisuu dandaʼa?
11 Kiristiyaanota waan taaneef, Waaqayyoon akka hin gammachiisneef dhiibbaa nurra gaʼu moʼuu qabna. Namoonni nu hojjechiisan ykn warri kaan amanamoo akka hin taane ykn ejja akka raawwannu dhiibbaa nurratti gochuu dandaʼu. Barattoonni, hiriyoonnisaanii qormaata akka hatan, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan akka ilaalan, tamboo akka xuuxan, qoricha sammuu hadoochuu akka fudhatan, alkoolii garmalee akka dhugan ykn ejja akka raawwatan dhiibbaa isaanirraan gaʼan moʼuun isaan barbaachisuu dandaʼa. Kanaaf kiyyoo sodaa, isa wanta Yihowaa hin gammachiisne akka raawwannu nu godhu moʼuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?
12. Philaaxosiifi Phexrosirraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?
12 Mee fakkeenya Philaaxosiifi Phexrosirraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaalu. Philaaxos waaʼee Kiristos waan baayʼee hin beeku ture. Taʼus, Yesus balleessaa kan hin qabneefi nama addaa akka taʼe beeka. Haataʼu malee, Philaaxos amala gad of deebisuufi Waaqa dhugaatiif jaalala hin qabu ture. Seexanni salphaadhumatti fayyaatti isa qabeera. Phexros garuu nama beekumsa sirrii, akkasumas Waaqayyoof jaalala qabu ture. Haataʼu malee, yeroo itti humnasaa utuu hin beekin hafe, akkasumas sodaafi dhiibbaadhaaf moʼame qaba. Phexros, Yesus hidhamuusaa dura, “Isaan hundinuu si dhiisanii yoo baqatan iyyuu, ani si dhiisee hin baqadhu!” jedhee of gurguddisuudhaan dubbatee ture. (Mar. 14:29) Phexros ejjennoo isa faarfatichi, “Waaqayyo gara koo erga taʼee ani hin sodaadhu, namni maal na gochuu dandaʼa?” jedhee faarfatee wajjin wal fakkaatu qabaachuudhaan utuu Yihowaatti amanameera taʼee qorumsichaaf dursee akka gaariitti qophaaʼuu dandaʼa ture. (Far. 118:6) Yesus galgala ajjeefamuusaa dura turetti Phexrosiifi ergamootasaa lamaanii wajjin iddoo dhaabaa Getesemaanee keessa ture. Taʼus, Phexrosiifi hiriyoonnisaa dammaqinaan itti fufuu mannaa ni rafan. Yesus yeroo kanatti isaan dammaqsee, “Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa” isaaniin jedhe. (Mar. 14:38) Phexros garuu ammas kan rafe siʼa taʼu, boodas sodaafi dhiibbaa namootaatiif moʼameera.
13. Dogoggora akka raawwannuuf dhiibbaa nurra gaʼu moʼuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Fakkeenyi Philaaxosiifi Phexros barumsa barbaachisaa taʼe gara biraas nu barsiisuu dandaʼa. Dhiibbaa moʼuurratti milkaaʼina argachuuf, beekumsa sirrii, amala gad of deebisuu, humna ofii beekuu, Waaqayyoof jaalala qabaachuufi namoota utuu hin taʼin, Yihowaa sodaachuu akka qabnu nu barsiisa. Amantiin keenya beekumsa sirriirratti kan hundaaʼe yoo taʼe, waaʼee amantii keenyaa ija jabinaafi garaa guutuudhaan dubbanna. Kunis dhiibbaafi sodaa namaa moʼuuf nu gargaara. Matumaa garmalee ofitti amanamuu hin qabnu. Kanaa mannaa, dhiibbaa nurra gaʼu moʼuuf humni Waaqayyoo akka nu barbaachisu gad of deebisuudhaan amannee fudhachuu qabna. Hafuura Yihowaa argachuuf kadhannaa dhiheessuu, akkasumas jaalalli isaaf qabnu maqaasaa wajjin haala walsimuun jiraachuufi seerasaa eeguuf akka nu kakaasu heyyamuu qabna. Kana malees, qorumsi nu mudachuusaa dura dhiibbaa nurra gaʼuu dandaʼuuf qophaaʼuu nu barbaachisa. Fakkeenyaaf, warri ijoolleesaanii kadhannaadhaan dursanii qopheessuunsaanii, yommuu hiriyoonnisaanii wanta dogoggora taʼe akka raawwatan dhiibbaa isaanirraan gaʼan akka gaariitti deebii kennuuf isaan gargaaruu dandaʼa.—2 Qor. 13:7.a
KIYYOO NAMA BUTUCHURRAA FAGAADHAA—GARMALEE OF CEEPHAʼUU
14. Seexanni dogoggora kanaan dura raawwanne ilaalchisee maal jenne akka yaannu barbaada?
14 Yeroo tokko tokko kiyyoon bineensa ittiin qaban jirmi ykn dhagaa ulfaataan kan irratti hidhamu siʼa taʼu, karaa bineensi sun yeroo baayʼee irra deemurra kaaʼama. Bineensi hin shakkine tokko akka tasaa hidhaa kiyyichaatti yoo buʼe, jirmi ykn dhagaan sun kufee balaa isarraan geessisa. Haaluma wal fakkaatuun, ani cubbamaadha jedhanii garmalee of ceephaʼuun baʼaa ulfaataa nama butuchu taʼuu dandaʼa. Dogoggora kanaan dura hojjennerratti yaaduun keenya, ‘raawwannee akka caccabnu’ nu gochuu dandaʼa. (Faarfannaa 38:3-5, 8 dubbisi.) Seexanni, Yihowaan dhiifama akka nuu hin gooneefi ulaagaasaa guutuu akka hin dandeenye goonee akka yaannu barbaada.
15, 16. Kiyyoo garmalee of ceephaʼuutiin qabamuurraa fagaachuu kan dandeessan akkamitti?
15 Kiyyoo nama butuchu kanarraa fagaachuu kan dandeessan akkamitti? Cubbuu ulfaataa hojjettaniittu taanaan tarkaanfii barbaachisaa taʼe fudhachuudhaan hariiroo Yihowaa wajjin qabdan haaromsadhaa. Jaarsolii gumii mariisisaa; gargaarsa akka isinii godhanis gaafadhaa. (Yaq. 5:14-16) Dogoggora raawwattan sirreessuuf waan isinii dandaʼame hunda raawwadhaa. (2 Qor. 7:11) Adabni yoo isinii kenname abdii hin kutatinaa. Adabni, Yihowaan akka isin jaallatu kan mirkaneessudha. (Ibr. 12:6) Jijjiirama gochuuf murteessaa; akkasumas murtoo gootanii wajjin haala walsimuun jiraadhaa. Yaada garaa geddarattanii, cubbuu keessanirraa erga deebitanii booda, aarsaan furii Kiristos dogoggora keessan guutummaatti isinii haguuguu akka dandaʼu amantii qabaadhaa.—1 Yoh. 4:9, 14.
16 Namoonni tokko tokko cubbuu takkaa dhiifama isaanii godhame irra deddeebiʼanii yaaduusaanii itti fufu. Isinis akkas isinitti dhagaʼama taanaan, Phexrosiifi ergamoonni Yesus yeroo inni itti baayʼee isaan barbaadutti, Ilmasaa isa jaallatamaa dhiisuusaaniitiif Yihowaan dhiifama akka godheef yaadadhaa. Yihowaan miseensa gumii Qorontos cubbuu cimaa hojjetee gumiidhaa baafameefi booda yaada garaa geddarate tokkoof dhiifama godheera. (1 Qor. 5:1-5; 2 Qor. 2:6-8) Macaafni Qulqulluun waaʼee namoota cubbuu hedduu raawwataniifi Waaqayyo biraa dhiifama argatanii ni ibsa.—2 Sen. 33:2, 10-13; 1 Qor. 6:9-11.
17. Furiin maal nuu gochuu dandaʼa?
17 Yihowaan, dhugumaan yaada garaa geddarattanii, dhiifama inni isinii godhu yoo fudhattan, cubbuu kanaan dura raawwattaniif dhiifama isinii godha, akkasumas ni irraanfata. ‘Aarsaan furii Yesus cubbuukoo haguuguu hin dandaʼu’ jettanii matumaa hin yaadinaa. Kana gochuun kiyyoo Seexanaa keessaa isa tokkoon qabamuu jechuudha. Wanti Seexanni isin amansiisuu barbaadu maaliyyuu yoo taʼe, furiin cubbuu namoota yaada garaa geddaratan hundaa haguuguu dandaʼa. (Fak. 24:16) Furicharratti amantii qabaachuun keessan miira garmalee of ceephaʼuudhaan baʼaa guddaa isinitti taʼu isinirraa fuudhee, garaa, yaadaafi jireenya keessan guutuu Waaqayyoon akka tajaajiltaniif jabina isinii kennuu dandaʼa.—Mat. 22:37.
AKEEKA SEEXANAA HIN WALLAALLU
18. Kiyyoo Seexanaarraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Seexanni kiyyoosaatiin hamma qabamnetti, kiyyoon gosa akkamiiyyuu yoo nu qabe dhimma hin qabu. Akeekasaa waan beeknuuf, Seexanni kiyyoosaatiin akka nu hin qabneef irraa fagaachuu ni dandeenya. (2 Qor. 2:10, 11) Ogummaa qorumsa nu mudatu dandaʼuuf nu barbaachisu argachuuf kan kadhannu taanaan kiyyoosaatiin hin qabamnu. Yaaqoob, “Isin keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hirʼate, Waaqayyo isa nama hundumaaf harka guutee fuula ifaadhaan kennu haa kadhatu! Innis in kennaaf” jechuudhaan barreesseera. (Yaq. 1:5) Yeroo hundaa qayyabannaa dhuunfaa gochuufi Dubbii Waaqayyoo hojiirra oolchuudhaan kadhannaa keenyaa wajjin walsimnee jiraachuu qabna. Barreeffamoonni Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaraniifi kutaan hojjetaa amanamaafi ogeessi baasu kiyyoo Seexanaa adda baasanii ibsuudhaan akka irraa fagaannu nu gargaaru.
19, 20. Waan gadhee taʼe jibbuu kan qabnu maaliifi?
19 Kadhannaa gochuufi Macaafa Qulqulluu qayyabachuun waan gaarii taʼe jaallachuuf nu gargaara. Waan gadhee taʼeef jibba guddaa qabaachuun keenyas barbaachisaadha. (Far. 97:10) Miidhaa fedhii ofittummaa hordofuun geessisurratti xiinxaluun keenyas amala akkasiirraa fagaachuuf nu gargaara. (Yaq. 1:14, 15) Waan gadhee taʼe jibbuufi waan gaarii taʼe dhugumaan jaallachuu yommuu barannu, wanti Seexanni ittiin nu sossobuuf kiyyoosaarra kaaʼu nu hin hawwatu.
20 Seexanni kiyyoosaatiin akka nu hin qabneef, Waaqayyo kan nu gargaaru taʼuusaa beekuu keenyatti baayʼee galateeffanna! Yihowaan karaa hafuurasaa, Dubbiisaafi jaarmiyaasaa Seexana isa “hamaa” jalaa nu oolcha. (Mat. 6:13) Mataduree ittaanurratti kiyyoowwan lamaan Seexanni tajaajiltoota Waaqayyoo fayyaatti qabuuf akka gaariitti itti fayyadamurraa akkamitti fagaachuu akka dandeenyu baranna.
[Miiljalee]
a Warra kan taatan, mataduree “Dhiibbaa Hiriyaan Geessisu Dandaʼuu” jedhuufi kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan jedhamu Jildii 2, fuula 132-133rra (Amaariffa) jirurratti mariʼachuun keessan gaariidha. Kitaaba kana Waaqeffannaa Maatiirratti itti fayyadamuu dandeessu.
[Fakkii fuula 21rra jiru]
Arrabni toʼannaa hin qabne ibidda rakkinaa gumii keessatti qabsiisuu dandaʼa
[Fakkii fuula 24rra jiru]
Garmalee of ceephaʼuu isa baʼaatti fakkeeffame ofirraa buusuu ni dandeessa