MATADUREE FUULA JALQABAA | MOOTUMMAAN WAAQAYYOO—SIIF HIIKA MAALII QABA?
Mootummaan Waaqayyoo—Faayidaa Akkamii Siif Argamsiisa?
Matadureewwan darbanirraa, Dhugaa Baatonni Yihowaa Mootummaa Waaqayyootiif iddoo guddaa akka kennan akka hubatte hin shakkisiisu. Eebbawwan Mootummaan Waaqayyoo gara fuulduraatti fiduufi barruu kanarratti ibsamanis xiyyeeffannaakee akka harkisan hin shakkisiisu. Akkasumas, abdiiwwan kun ni raawwatamu jedhanii eeguun abjuu akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa.
Waan dhageesse hunda akkasumaan amanuu mannaa of eeggannaa gochuunkee baayʼee barbaachisaadha. (Fakkeenya 14:15) Of eeggannaan ati gootummoo, kan namoota Beriyaa warra bara duriitti turanii wajjin wal fakkaachuu dandaʼa.a Namoonni Beriyaa misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo yommuu dhagaʼanitti, wanta dhagaʼan kan fudhatan taʼus, kan fudhatan garuu wanti sun akka raawwatamu waan barbaadaniif qofa hin turre. Kanaa mannaa, ‘wanti dubbatame dhugaa taʼuusaa baruudhaaf’ Macaafa Qulqulluu ni qoru turan. (Hojii Ergamootaa 17:11) Kana jechuun, namoonni Beriyaa misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo isa dhagaʼan sana wanta Macaafni Qulqulluun jedhuu wajjin walbira qabanii ilaalu turan jechuudha. Sana booda, misiraachoon isaanitti himame sun Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe taʼuusaa amananiiru.
Dhugaa Baatonni Yihowaa atis akkasuma akka gootu si afeeru. Sagantaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kaffaltii hin gaafanne siif qopheessuudhaan, Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee wanta Dhugaa Baatonni Yihowaa itti amanan, wanta Macaafni Qulqulluun jedhuu wajjin walbira qabdee akka ilaaltu si jajjabeessina.
Macaafa Qulqulluu qayyabachuunkee, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo akka bartu si gargaaruu malees gaaffiiwwan kanneen akka armaan gadii jireenyakee keessatti si mudataniif deebii argachuuf si gargaara.
Jireenya kan arganne akkamitti?
Kaayyoon jireenyaa maalidha?
Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif heyyame?
Yeroo duunu maal taana?
Lafti kun ni baddii laata?
Maatii keessatti jireenya gammachuu qabu jiraachuun kan dandaʼamu akkamitti?
Hunda caalaammoo, Macaafa Qulqulluu qayyabachuunkee ‘Waaqayyotti dhihaachuuf’ si gargaara. (Yaaqoob 4:8) Waaqayyotti dhihaachuun keemmoo, Mootummaan Waaqayyoo yeroo harʼaa qofatti utuu hin taʼin, barabaraaf wantoota gaggaarii taʼan akkamitti akka siif raawatu hubachuuf si gargaara. Yesus kadhannaa Abbaasaatiif dhiheesserratti, “Si Waaqayyo isa tokkicha, isa dhugaa, Yesus Kristosin isa ati ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti” jedheera.—Yohannis 17:3.
a Beriyaan magaalaa bara duriitti Maqedooniyaa keessa turtedha.