“Mootummaa Lubootaa” Ni Taatu
“Isin mootummaa lubootaa, saba qulqulluus anaaf ni taatu.”—BAU. 19:6, NW.
1, 2. Sanyiin dubartittii eegumsa akkamiitu isa barbaachisa ture? Maaliif?
RAAJIIN inni jalqabaa Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffame, kaayyoon Yihowaa akka raawwatamu gochuurratti gahee guddaa qaba. Yihowaan yeroo Eeden keessatti waadaa galetti, “Ani sii [Seexana] fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa” jedhee ture. Diinummaan kun hammam cimaadha? Yihowaan, “Inni [sanyiin dubartittii] mataa kee [kan Seexanaa] in buruqsa, atis koomee isaa in iddita” jedheera. (Uma. 3:15) Diinummaan bofichaafi dubartittii gidduu jiru cimaa waan taʼeef, Seexanni sanyii dubartittii balleessuuf waan dandaʼe hunda godha.
2 Faarfatichi saba Waaqayyoo isa filatame ilaalchisee akkas jedhee kadhateera: “Kunoo, diinonni kee dheekkamanii in wacu, warri si jibbanis mataa isaanii ol qabataniiru; Isaan saba kee irratti mala qopheessan, warra golgaa kee jala jiran irrattis in mariʼatan; isaan, ‘Deebiʼanii saba akka hin taanetti, kottaa lafa irraa isaan in haxoofnaa! . . . ’ jedhan.” (Far. 83:2-4) Karaan hiddi dhalootaa sanyii dubartittii ittiin dhufu akka hin balleeffamneefi akka hin faalamneef eegamuu qaba ture. Yihowaan kana galmaan gaʼuuf, qophii seerarratti hundaaʼeefi kaayyoonsaa akka raawwatamu godhu kan biraa godheera.
KAKUU SANYICHAAF EEGUMSA GODHU
3, 4. (a) Kakuun Seerichaa hojiirra ooluu kan jalqabe yoomi? Sabni Israaʼel maal gochuuf waadaa galan? (b) Kakuun Seerichaa maal akka eeguuf qophaaʼe?
3 Sanyiin Abrahaam, Yisihaqiifi Yaaqoob baayʼatanii miliyoonaan kan lakkaaʼaman yeroo taʼanitti, Yihowaan isaan keessaa saba tokko, jechuunis saba Israaʼel durii hundeesse. Yihowaan Seera isaaniif kennuudhaan karaa Musee saba kanaa wajjin kakuu adda taʼe kan gale siʼa taʼu, sabni Israaʼelis yaada kakuu sana keessa jirurratti walii galanii turan. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “[Museen] macaafa kakuu sanaa fuudhee, akka sabni sun dhagaʼutti dubbise; isaan immoo, ‘Wanta Waaqayyo dubbate hundumaa in dhageenya, in goonas’ jedhan. Kanaaf, Museen dhiigicha [kan tuntunoota aarsaa godhamanii] fuudhee, namootatti facaasee, ‘Ilaa dhiiga kakuu isa Waaqayyo akka dubbii kana hundumaatti isiniif dhaabe’ jedhe.”—Bau. 24:3-8.
4 Kakuun Seerichaa Dh.K.D. bara 1513tti Tulluu Siinaarratti hojiirra ooluu jalqabe. Sabni Israaʼel durii, kakuu kanaan saba Waaqayyoon filatame taʼanii adda baafamaniiru. Yeroo kanatti Yihowaan ‘abbaa firdii, seera kan isaaniif kennuufi mootiisaanii taʼeera.’ (Isa. 33:22) Seenaan Israaʼelootaa, yeroo namoonni ulaagaalee qajeelinaa Yihowaa hojiirra oolchanittiifi yeroo hin oolchinetti wanta taʼu nuuf ibsa. Seerichi saba Waaqayyoon hin beeknee wajjin wal fuudhuufi waaqolii sobaa waaqeffachuu waan dhowwuuf, hiddi dhalootaa Abrahaam akka hin faalamne eeguuf qophaaʼe.—Bau. 20:4-6; 34:12-16.
5. (a) Kakuun Seerichaa Israaʼeliif carraa akkamii banee ture? (b) Waaqayyo Israaʼeloota kan dhiise maaliifi?
5 Kakuun Seerichaa luboonni akka sabicha tajaajilaniif qophii kan godhe siʼa taʼu, kunimmoo qophii guddaa gara fuulduraatiif godhamuuf gaaddidduu kan taʼu ture. (Ibr. 7:11; 10:1) Kakuun kun, Israaʼelootaaf carraafi mirga addaa “mootummaa lubootaa” taʼuu kan argamsiise siʼa taʼu, kun kan taʼu seera Yihowaa yoo eegan qofadha. (Baʼuu 19:5, 6, NW dubbisi.a) Israaʼeloonni garuu ulaagaa kana utuu hin guutin hafaniiru. Sabichi Masiihicha isa kutaa sanyii Abrahaam isa jalqabaa taʼe ulfinaan simachuu mannaa, isatti amanuu didaniiru. Kanarraan kan kaʼes Waaqayyo sabicha dhiiseera.
Israaʼeloonni utuu hin ajajamin hafuunsaanii kakuun Seerichaa hin milkoofne jechuu miti (Keeyyata 3-6 ilaali)
6. Seerichi maal raawwate?
6 Israaʼeloonni mootummaa lubootaa argamsiisuuf mirga argatanii turan Yihowaadhaaf amanamoo utuu hin taʼin hafuunsaanii, Seerichi hin milkoofne jechuu miti. Kaayyoon Seerichaa sanyicha eeguufi namoonni Masiihicha akka beekan gochuu ture. Kiristos dhufee eenyummaansaa yeroo beekametti kaayyoon Seerichaa raawwatameera. Macaafni Qulqulluun, “Kristos . . . seericha iddoodhaan in gaʼa” jedha. (Rom. 10:4) Haataʼu malee gaaffiin, ‘Mootummaa lubootaa kan taʼu eenyuree?’ jedhu ni kaʼa. Yihowaan saba haaraa hundeessuudhaaf waliigaltee seera qabeessa kan biraa qopheesseera.
SABNI HAARAAN NI HUNDEEFFAME
7. Yihowaan kakuu haaraa ilaalchisee karaa Ermiyaas raajii akkamii dubbate?
7 Kakuun Seerichaa hafuusaa yeroo dheeraa dura, Yihowaan saba Israaʼelii wajjin “kakuu haaraa” akka galu karaa Ermiyaas raajii dubbatee ture. (Ermiyaas 31:31-33 dubbisi.) Kakuun kun aarsaan horii utuu hin dhihaatin dhiifama cubbuu argamsiisuu waan dandaʼuuf kakuu Seerichaarraa addadha. Kakuun kun akkas gochuu kan dandaʼu akkamitti?
8, 9. (a) Dhiigni Yesus inni dhangalaʼe maal raawwate? (b) Warra kakuu haaraa keessatti hammatamaniif carraa akkamiitu baname? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)
8 Jaarraawwan hedduu booda Dh.K.B. bara 33, Niisaan 14tti Yesus Irbaata Gooftaa hundeesse. Xoofoo wayinii ilaalchisee ergamoota amanamoo warra 11n akkas jedhee ture: “Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga koo isa isiniif jedhee dhangalaʼuun dhaabatuu dha.” (Luq. 22:20) Wangeelli Maatewos, Yesus wayinicha ilaalchisee, “Kun dhiiga koo ti, dhiigni kun kakuu dhaabate sana cimsuudhaaf, dhiifamuu cubbuu namoota baayʼeetiif dhangalaʼa” akka jedhe dubbata.—Mat. 26:27, 28.
9 Dhiigni Yesus dhangalaʼuunsaa kakuu haaraan faayidaa akka qabaatu godheera. Dhiignisaa kun barabaraaf dhiifama cubbuu ni argamsiisa. Yesus warra kakuu haaraan wajjin galame keessaa tokko miti. Cubbuu waan hin qabneef dhiifamni isa hin barbaachisu. Haataʼu malee, Waaqayyo gatiin dhiiga Yesus sanyii Addaamiif dhiifama akka argamsiisu gochuu ni dandaʼa. Kana malees, namoota amanamoo murtaaʼan hafuura qulqulluudhaan dibuudhaan ‘ilmaan’ akka isaaf taʼan gochuu ni dandaʼa. (Roomaa 8:14-17 dubbisi.) Waaqayyo duratti cubbuu akka hin qabnetti waan ilaalamaniif, akkuma Yesus isa Ilma Waaqayyoo taʼeefi cubbuu hin qabnee taʼu jechuudha. Namoonni dibaman kun ‘waan Kristos argatu hundumaa isaa wajjin argatu;’ akkasumas “mootummaa lubootaa” taʼuuf carraa argatu. Kun mirga sabni Israaʼel Seericha jala ture argachuu dandaʼu ture. Warra ‘waan Kristos argatu hundumaa isaa wajjin argatan’ ilaalchisee Phexros ergamaan akkas jedheera: “Isin . . . qomoo foʼamaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaaʼaa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo taʼanii dha. Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame.” (1 Phe. 2:9) Kakuu haaraan baayʼee barbaachisaadha! Bartoonni Yesus kutaa lammaffaa sanyii Abrahaam akka taʼan isaan dandeessiseera.
KAKUU HAARAAN HOJIIRRA OOLUU JALQABE
10. Kakuu haaraan hojiirra ooluu kan jalqabe yoomi? Hammasitti hojiirra kan hin oollehoo maaliifi?
10 Kakuu haaraan hojiirra ooluu kan jalqabe yoomi? Yeroo Yesus halkan isa dhumaa lafarratti dabarsetti waaʼee kakuu kanaa dubbatetti miti. Kakuun kun hojiirra akka ooluuf dhiigni Yesus dhangalaʼuu, akkasumas gatiin dhiigasaa samiirratti Yihowaa duratti dhihaachuu qaba. Kana malees, hafuurri qulqulluun warra ‘waan Kristos argatu hundumaa isaa wajjin argatanirratti’ dhangalaʼuu qaba. Kanaaf, kakuu haaraan hojiirra ooluu kan jalqabe Dh.K.B. bara 33, guyyaa Phenxeqosteetti bartoota Yesus amanamoo taʼanirratti hafuurri qulqulluun yeroo dhangalaʼettidha.
11. Kakuu haaraan Yihudoonnis taʼan warri saba Waaqayyoo hin taʼin kutaa Israaʼel hafuuraa taʼuu akka dandaʼan kan godhe akkamitti? Kakuu haaraa keessatti kan hammatan namoota meeqa?
11 Yeroo Yihowaan karaa Ermiyaas Israaʼelii wajjin kakuu haaraa akka galu dubbatetti, kakuun Seerichaa “moofaʼeera” jechuu kan dandeenyu taʼus, hamma kakuu haaraan hojiirra ooluu jalqabutti kakuun kun hojiirra oolaa ture. (Ibr. 8:13) ‘Dhagna-qabaansaanii dhagna qabaa yaada garaa, seericha isa caafameen utuu hin taʼin hafuura Waaqayyootiin raawwatame waan taʼeef,’ yeroo kakuu haaraan hojiirra oolutti, Yihudoonnis taʼan warri saba Waaqayyoo hin taane Waaqayyo duratti ija tokkoon ilaalamu. (Rom. 2:29) Waaqayyo kakuu haaraa isaanii wajjin galuudhaan seerasaa “yaada isaanii keessa” in kaaʼa, ‘garaa isaanii keessattis in caafa.’ (Ibr. 8:10) Namoonni kakuu haaraa kana keessatti hammataman lakkoofsisaanii 144,000 siʼa taʼu, saba haaraa jechuunis Israaʼel Waaqayyoo ykn Israaʼel hafuraa taʼu.—Gal. 6:16; Mul. 14:1, 4.
12. Kakuu Seerichaafi kakuu haaraa wal bira qabii ibsi.
12 Mee kakuu Seerichaafi kakuu haaraa wal bira qabnee haa ilaallu. Kakuu Seerichaa kan walii galan Yihowaafi saba Israaʼel siʼa taʼan, kakuu haaraa kan walii galan Yihowaafi Israaʼel hafuuraati. Kakuu Seerichaa keessatti namaafi Waaqa kan walitti fide Musee siʼa taʼu, kakuu haaraa keessattimmoo Yesusidha. Kakuun seerichaa faayidaa qabeessa kan taʼu dhiiga horiitiin siʼa taʼu, kakuu haaraanimmoo dhiiga Yesus isa dhangalaʼeenidha. Akkasumas, akkuma sabni Israaʼel karaa kakuu Seerichaa Musee jalatti gurmeeffame, warri kakuu haaraa keessatti hammatamanis Yesus isa mataa gumii taʼe jalatti gurmeeffamaniiru.—Efe. 1:22.
13, 14. (a) Kakuu haaraan Mootummichaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba? (b) Israaʼel hafuuraa Kiristosii wajjin samiirratti akka bulchaniif maaltu barbaachisa?
13 Kakuu haaraan saba qulqulluu Mootummaa samiirratti moototaafi luboota taʼuuf mirga qabu waan argamsiisuuf, Mootummichaa wajjin walitti dhufeenya qaba. Sabni kun kutaa lammaffaa sanyii Abrahaamidha. (Gal. 3:29) Kanaaf, kakuu haaraan kakuu Abrahaamii wajjin galame cimsa.
14 Mootummichi akka hundeeffamuuf wanti barbaachisu kan biraanis jira. Kakuu haaraan Israaʼel hafuuraa kan argamsiisu siʼa taʼu, miseensonnisaa ‘waan Kiristos argatu hundumaa isaa wajjin akka argatan’ godheera. Haataʼu malee, samiirratti Yesusii wajjin moototaafi luboota akka taʼaniif, walii galteen seera qabeessa taʼe barbaachisaadha.
KAKUU WARRI KAAN YESUSII WAJJIN AKKA BULCHAN DANDEESSISU
15. Yesus ergamootasaa amanamoo taʼanii wajjin kakuu akkamii gale?
15 Yesus Irbaata Gooftaa erga hundeessee booda, bartootasaa amanamoo taʼanii wajjin kakuu galeera; kakuun kun yeroo baayʼee kakuu Mootummichaa jedhama. (Luq. 22:28-30) Kakuuwwan Yihowaan qaamota garaagaraa wajjin gale kaanirraa haala adda taʼeen, kakuun kun kan galame Yesusiifi duuka buutotasaa dibaman gidduuttidha. Yesus, “akkuma Abbaan koo anaa wajjin kakuu gale,” (NW) yeroo jedhu, waaʼee kakuu Yihowaan ‘akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, bara baraan luba akka taʼu’ isaa wajjin galee dubbachuusaa taʼuu hin oolu.—Ibr. 5:5, 6.
16. Kakuun Mootummichaa Kiristiyaanota dibamoodhaaf maal argamsiise?
16 Ergamoonni amanamoo taʼan 11n ‘qoramasaa keessatti Yesusii wajjin turan.’ Kakuun Mootummichaa samiirratti isaa wajjin taʼuudhaan, mootota taʼanii bulchuufi luboota taʼanii tajaajiluuf teessoowwanirra akka taaʼan isaaniif mirkaneesseera. Haataʼu malee, mirga kana kan argatu ergamoota 11 qofa miti. Yesus erga ulfina argatee booda mulʼataan Yohannis ergamaadhaan akkas jedhee ture: “Ani ofii kootii mo’ee abbaa koo wajjin teessoo isaa irra akkuman taa’e, inni mo’u anaa wajjin teessoo koo irra akka taa’uuf aboo nan kennaaf.” (Mul. 3:21) Kanaaf, kakuun Mootummichaa Kiristiyaanota dibamoo 144,000 wajjin kan galamedha. (Mul. 5:9, 10; 7:4) Kakuun kun, Yesusii wajjin samiirratti akka bulchaniif deggersa seeraa kennaaf. Kun haala misirroo maatii ulfina qabeessa keessaa dhufteefi mootiitti heerumuudhaan, isaa wajjin bulchituu wajjin wal fakkaata. Macaafni Qulqulluuniyyuu, Kiristiyaanonni dibamoon “misirroo” Kiristos, akkasumas “durba amanamtuu” gaaʼelaaf Kiristoosiif kaadhimamte akka taʼanitti ibsa.—Mul. 19:7, 8; 21:9; 2 Qor. 11:2.
MOOTUMMAA WAAQAYYOORRATTI AMANTII CIMAA QABAADHAA
17, 18. (a) Kakuuwwan Mootummichaa wajjin walitti dhufeenya qaban jaʼan gabaabsii ibsi. (b) Mootummicharratti amantii cimaa akka qabaannu kan godhu maalidha?
17 Kakuuwwan matadureewwan kana lamaan keessatti ilaalle, hundisaaniiyyuu karaa tokkoon ykn tokkoo oliin Mootummichaa wajjin walitti dhufeenya qabu. (Chaartii, “Waaqayyo Kaayyoosaa Galmaan Kan Gaʼu Akkamitti?” jedhu ilaali.) Kunis qophiin Mootummichaa waliigalteewwan seera qabeessa taʼanirratti kan hundaaʼe taʼuusaa nuu mirkaneessa. Kanaaf, Mootummaan Masiihichaa meeshaa Waaqayyo kaayyoo jalqabaa lafaafi namootaaf qabu raawwachuuf itti fayyadamu akka taʼe guutummaatti amanuuf sababa quubsaa qabna.—Mul. 11:15.
Yihowaan karaa Mootummaa Masiihichaa kaayyoo lafaaf qabu ni raawwata (Keeyyata 15-18 ilaali)
18 Wanti Mootummichi raawwatu namootaaf eebba barabaraa akka argamsiisu wanti nu shakkisiisu jiraa? Rakkina namootaa hundaaf furmaata kan argamsiisu Mootummaa Waaqayyoo qofa taʼuusaa amanannaa guutuudhaan lallabuu ni dandeenya. Dhugaa kana namoota kaaniif hinaaffaadhaan haa lallabnu!—Mat. 24:14.
[Miiljalee]
a Baʼuu 19:5, 6, NW: “‘Biyyi lafaa hundi kan koo waan taʼeef, sirriitti yoo anaaf ajajamtan, saba hunda keessaa qabeenya addaa anaaf ni taatu. Isin mootummaa lubootaa, saba qulqulluus anaaf ni taatu.’ Saba Israaʼelitti kan ati himtu kanadha.”