LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w15 1/1 ful. 3
  • Waaqayyootti Akka Dhihaatte Sitti Dhagaʼamaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyootti Akka Dhihaatte Sitti Dhagaʼamaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WAAQAYYOTTI DHIHAACHUUN NI DANDAʼAMA
  • Jireenyi Kana Irra Wayyu Hin Jiru
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Dhuguma ‘Waaqayyotti Dhihaachuu’ ni Dandeessaa?
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Waaqayyoo Wajjin Ni Haasoftaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Waaqayyo Michuu Hundarra Caalu Siif Taʼa
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
w15 1/1 ful. 3
Nama waaʼee Waaqayyoo yaadaa jiru

MATA DUREE FUULA JALQABAA | WAAQAYYOTTI DHIHAACHUU NI DANDEESSA

Waaqayyootti Akka Dhihaatte Sitti Dhagaʼamaa?

“Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuun nageenyaa fi tasgabbii akka qabaattu, akkasumas guutuu akka taate akka sitti dhagaʼamu godha. Waaqayyo yeroo hunda wanta siif gaarii taʼe akka sii godhu sitti dhagaʼama.”—KIRISTOOFAR, DARGAGGEESSA GAANAA KEESSA JIRAATU.

“Waaqayyo wanti si dhiphisu yeroo si mudatu ni arga; jaalalaa fi xiyyeeffannaa ati isa gaafatte irra caalus sii kenna.” —HAANNAA, INTALA WAGGAA 13, YUNAAYITID ISTEETIS, ALAASKAA KEESSA JIRAATTU.

“Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabdu beekuun, miirri adda taʼee fi tasgabbiin akka sitti dhagaʼamu godha!”—JIINAA, DUBARTII JAAMAAYIKAA UMURIIN ISHEE GARA WAGGAA 45 TAʼE.

Miirri akkasii kan dhagaʼamu Kiristoofar, Haannaa fi Jiinaatti qofa miti. Namoonni hedduun Waaqayyo akka michuutti akka isaan ilaalu isaanitti dhagaʼama. Ati hoo, Waaqayyotti akka dhihaatte sitti dhagaʼamaa? Yookiin immoo isatti dhihaachuu ykn caalaatti isatti dhihaachuu ni barbaadaa? Tarii, ‘Ilmaan namootaa dadhaboo taʼan Waaqayyo isa hundumaa dandaʼutti dhihaachuu ni dandaʼuu? Ni dandaʼu taanaan, akkamitti?’ jettee gaafatta taʼa.

WAAQAYYOTTI DHIHAACHUUN NI DANDAʼAMA

Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti Waaqayyoo wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya cimaa qabaachuun ni dandaʼama. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo, Abrahaam Ibricha isa abbaa amantii taʼeen “michuu koo” jedhee akka waame dubbata. (Isaayaas 41:8, hiika bara 1899) Afeerraa gammachiisaa Yaaqoob 4:8 irratti nuu dhihaatee fi “Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata” jedhus ilaali. Kanaaf, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuun, jechuunis michummaa uumuun ni dandaʼama jechuu dha. Haa taʼu malee, Waaqayyo ijaan kan hin mulʼanne taʼee utuu jiruu, isatti ‘dhiʼaachuu’ fi walitti dhufeenya gammachiisaa taʼe isaa wajjin qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

Gaaffii kana deebisuuf, adeemsa namoonni michummaa yeroo uuman jiru ilaali. Michummaan kan jalqabu maqaa walii baruudhaani. Sana booda, yaadaa fi miira isaanii walii ibsuudhaan, yeroo hunda ennaa waliin haasaʼan michummaan isaanii ni guddata. Walii isaaniitiif wanta tokko tokko gochuuf yeroo carraaqan immoo michummaan isaanii ni cima. Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa uumuu ilaalchisees haalli isaa kanaa wajjin wal fakkaata. Mee akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi