Misiraachoo Gaarummaa isa Guddaa Babalʼisaa
‘Misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa guutummaatti dhugaa baʼaa.’—HOE. 20:24.
1, 2. Phaawulos ergamaan gaarummaa Waaqayyoo isa guddaadhaaf akka galateeffatu kan argisiise akkamitti?
PHAAWULOS ergamaan, “Gaarummaa guddaan [Waaqayyo] natti argisiises, faayidaa kan hin qabne hin turre” jechuuf sababa gaʼaa qaba ture. (1 Qorontos 15:9, 10 dubbisi.) Phaawulos Kiristiyaanota ariʼachaa waan tureef, araarri Waaqayyoo inni guddaan wanta ofii isaatiin argate ykn wanta isaaf malu akka hin taane beeka ture.
2 Phaawulos duʼuu isaa yeroo muraasa dura akkana jechuudhaan Ximotewosiif barreesseera: “Inni, ani amanamaa akkan taʼetti na lakkaaʼee tajaajilaaf waan na muudeef, Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus isa humna naa kenne nan galateeffadha.” (1 Xim. 1:12-14) Tajaajilli sun maal ture? Phaawulos, tajaajilli kun maal akka dabalatu akkana jechuudhaan jaarsolii gumii Efesoon keessa turanitti himeera: “Fiigicha koo yoon xumuree fi misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa guutummaatti dhugaa baʼuuf tajaajila ani Gooftaa Yesuus irraa fudhadhe yoon raawwadhe, lubbuu koo akka waan faayidaa anaaf qabuutti hin ilaalu.”—HoE. 20:24.
3. Phaawulosiif tajaajila adda taʼe akkamiitu kenname? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
3 Phaawulos, “misiraachoo” gaarummaa Yihowaa isa guddaa mulʼisu kam lallabe? Kiristiyaanota Efesooniin akkana jedhee ture: ‘Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa irraa faayidaa akka argattan isin gargaaruuf itti gaafatamummaan natti kennamuu isaa dhageessaniittu.’ (Efe. 3:1, 2) Phaawulos namoonni Yihudoota hin taane namoota bulchiinsa Mootummaa Masihiichaa keessatti Kiristoosii wajjin bulchuuf carraa argatan keessaa tokko akka taʼaniif misiraachicha itti himuuf ergamee ture. (Efesoon 3:5-8 dubbisi.) Phaawulos tajaajila isaa yommuu raawwatutti hinaaffaa qabaachuudhaan, Kiristiyaanota bara keenyatti argamaniif fakkeenya taʼeera; akkasumas, gaarummaan Waaqayyo isatti argisiise “faayidaa kan hin qabne” akka hin turre argisiiseera.
GAARUMMAAN WAAQAYYOO INNI GUDDAAN HOJIIDHAAF SI KAKAASAA?
4, 5. ‘Misiraachoon mootummichaa’ misiraachoo “gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa” wajjin tokko dha kan jennu maaliifi?
4 Sabni Yihowaa guyyoota dhumaa kanatti, ‘saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf misiraachoo Mootummichaa guutummaa lafaa irratti’ akka lallaban ajajamaniiru. (Mat. 24:14) Eebbawwan nuti bulchiinsa Mootummichaa jalatti argannu kan argaman karaa gaarummaa Yihowaa isa karaa Kiristoos mulʼateen waan taʼeef, ergaan nuti lallabnu “misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa” dha. (Efe. 1:3) Akkuma Phaawulos hinaaffaadhaan tajaajila irratti hirmaachuudhaan gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaaf galata qabnu argisiisaa jirraa?—Roomaa 1:14-16 dubbisi.
5 Cubbamoota taanus gaarummaa Yihowaa isa guddaa irraa karaawwan hedduu faayidaa argachaa kan jirru akkamitti akka taʼe mata duree darbe irratti baranneerra. Kanaafuu, Yihowaan jaalala isaa namootatti argisiisaa kan jiruu fi jaalala kana irraa faayidaa argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe namoota beeksisuuf hamma dandeenye carraaquu qabna. Karaawwan gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan ittiin mulʼatee fi namoonni kaan akka dinqisiifatan gargaaruu qabnu maal faʼi?
MISIRAACHOO AARSAA FURICHAA BABALʼISAA
6, 7. Yeroo waaʼee furichaa namootatti himnu, misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa babalʼisaa kan jirru akkamitti?
6 Addunyaa gadhiisii taʼe kana keessatti cubbuun barsiifta taʼeera; kanaaf, namoonni hedduun furamuun akka isaan barbaachisu hin beekan. Kana malees, namoonni jireenyi gadhiisiin gammachuu dhugaa akka hin argamsiisne hubatan baayʼachaa dhufaniiru. Namoonni hedduun Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin mariʼachuu isaanii dura, cubbuun maal akka taʼe, akkamitti akka nu tuquu fi garbummaa cubbuu jalaa bilisa baʼuuf maal gochuun akka nu barbaachisu hin beekan turan. Namoonni garaa qajeelaa qaban, Yihowaan jaalala isaatiin, akkasumas gaarummaa isaa isa guddaadhaan kakaʼee, cubbuu fi buʼaa isaa kan taʼe duʼa irraa nu furuuf ilma isaa akka nuu erge barachuu isaaniitiin bilisummaa argataniiru.—1 Yoh. 4:9, 10.
7 Phaawulos ergamaan ilma Yihowaa isa jaallatamaa ilaalchisee akkana jedhee barreesseera: “Akka badhaadhina gaarummaa isaa [Yihowaa] isa guddaatti karaa dhiiga Ilma isaa furicha kaffaluu isaatiin, bilisa baaneerra, eeyyee cubbuun keenya nuuf dhiifameera.” (Efe. 1:7) Aarsaan furii Kiristoos jaalala guddaa Waaqayyo nuuf qabu mirkaneessa; akkasumas, gaarummaan Isaa inni guddaan hammam baayʼee akka taʼe argisiisa. Dhiiga Yesuus isa dhangalaʼe irratti amantii yoo qabaanne cubbuun keenya akka nuuf dhiifamuu fi qalbiin keenya qulqulluu akka taʼu beekuun keenya baayʼee nama jajjabeessa! (Ibr. 9:14) Dhuguma iyyuu misiraachoo kana namoota kaanitti himuu qabna.
NAMOONNI WAAQAYYOO WAJJIN WALITTI DHUFEENYA AKKA QABAATAN GARGAARAA
8. Ilmaan namootaa cubbamoo taʼan Waaqayyotti araaramuun kan isaan barbaachise maaliifi?
8 Uumaa isaanii wajjin walitti dhufeenya qabaachuu akka dandaʼan namootatti beeksisuuf itti gaafatamummaa qabna. Waaqayyo, namoonni aarsaa Yesuusitti amanuu isaanii dura akka diinaatti isaan ilaala. Yohaannis ergamaan akkana jedhee barreesseera: “Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba; Ilmaaf kan hin ajajamne garuu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.” (Yoh. 3:36) Kan nama gammachiisu garuu, aarsaan Kiristoos Waaqayyotti araaramuun akka dandaʼamu godheera. Phaawulos akkana jedheera: “Isin dur hamaa yaaduu keessaniin, hojjechuu keessaniinis orma, diina Waaqayyoos taatanii turtan. Amma garuu Waaqayyo duʼa namummaa ilma isaatiin isin araarse.”—Qol. 1:21, 22.
9, 10. (a) Kiristoos obboloota isaa dibamoo taʼaniif itti gaafatamummaa akkamii kenne? (b) ‘Hoolonni kan biraan’ obboloota dibamoo kan gargaaran akkamitti?
9 Kiristoos obboloota isaa dibamoo lafa irra jiraniif, isa Phaawulos “tajaajila araarsuu” jedhee waame kenneera. Phaawulos, Kiristiyaanota dibamoo jaarraa jalqabaatti turaniif waaʼee kanaa yeroo ibsu akkana jedhee barreesseera: “Wanti hundi Waaqayyo isa karaa Kiristoos ofitti nu araarsee fi tajaajila araarsuu nuu kenne irraa dhufe; kanaanis Waaqayyo cubbuu isaanii utuu isaanitti hin lakkaaʼin, karaa Kiristoos addunyaa ofitti araarsaa ture; ergaa araarsuu kanas imaanaadhaan nutti kenneera. Kanaaf, akka waan Waaqayyo karaa keenya kadhatutti, nuti ambaasaaddaroota bakka Kiristoos buʼani dha. Nuti bakka buʼoota Kiristoos waan taaneef, ‘Waaqayyotti araaramaa’ jennee kadhanna.”—2 Qor. 5:18-20.
10 ‘Hoolonni kan biraan’ tajaajila kana irratti obboloota dibamoo gargaaruu isaanii akka mirga guddaatti ilaalu. (Yoh. 10:16) Jila Kiristoos taʼanii waan tajaajilaniif, Yihowaa wajjin dhuunfaatti walitti dhufeenya akka qabaatan gargaaruudhaan dhugaa hafuuraa namoota barsiisuu irratti akka gaariitti hirmaachaa jiru. Kun hojii barbaachisaa misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa lallabuuf hojjetamu keessaa tokko dha.
WAAQAYYO KADHANNAA KAN DHAGAʼU TAʼUU ISAA MISIRAACHOO HIMAA
11, 12. Namoonni Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu akka dandaʼan barachuun isaanii misiraachoo kan taʼe maaliifi?
11 Namoonni hedduun Waaqayyo kadhannaa isaanii akka dhagaʼu waan amananiif utuu hin taʼin, miirri gaariin akka itti dhagaʼamuuf kadhatu. Kanaafuu, Yihowaan ‘isa kadhata namaa dhagaʼu’ akka taʼe beekuu qabu. Daawit faarfatichi akkana jedhee barreesseera: “Yaa isa kadhata namaa dhageessuu! Namni foon uffate hundinuu cubbuu isaa wajjin gara kee in dhufa. Irra-daddarbaan keenya humna nu caaleera, ati garuu yakka keenya nuuf in dhiifta.”—Far. 65:2, 3.
12 Yesuus barattoota isaatiin, “Wanta akkamii iyyuu maqaa kootiin yoo kadhattan ani nan raawwadha” jedhee ture. (Yoh.14:14) “Wanta akkamii iyyuu” kan jedhame, wanta fedhii Yihowaa wajjin walsimu akka taʼe ifa dha. Yohaannis akkana jechuudhaan nuuf mirkaneessa: “Wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.” (1 Yoh. 5:14) Kadhannaan, sammuun keenya tasgabbii akka argatu gochuu caalaa, karaa gaarii “teessoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatti” ittiin dhihaannu taʼuu isaa warra kaan barsiisuun gaarii dha. (Ibr. 4:16) Namoonni karaa sirrii taʼeen, qaama sirrii taʼe, wanta sirrii taʼe akka kadhatan isaan barsiisuudhaan, Yihowaatti akka dhihaatanii fi yeroo dhiphinaatti jajjabina akka argatan gargaaruu dandeenya.—Far. 4:1; 145:18.
GAARUMMAA ISA GUDDAA SIRNA HAARAA KEESSATTI ARGAMU
13, 14. (a) Dibamtoonni gara fuulduraatti mirgawwan ajaaʼibsiisoo akkamii argatu? (b) Dibamtoonni ilmaan namootaatiif hojii gaarii akkamii raawwatu?
13 Gaarummaan Yihowaa inni guddaan kan mulʼatu sirna hamaa yeroo ammaa jiru kana keessatti qofa miti. Mirga guddaa Waaqayyo warra 144,000 Kiristoosii wajjin Mootummaa isaa isa samii irratti bulchaniif kenne ilaalchisee Phaawulos ergamaan akkana jedhee barreesseera: “Waaqayyo gara laafinni isaa guddaa taʼuu isaatiin kan kaʼe, jaalala isaa isa guddaadhaan waan nu jaallateef, inni yeroo cubbuu keenyaan kan duune turretti illee Kiristoosii wajjin nu jiraachise; isinis gaarummaa isaa isa guddaadhaan fayyitan. Kana malees, Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa waan qabnuuf Kiristoosii wajjin nu kaasee, isumaa wajjin iddoowwan samii keessa nu teessise; kana kan godhes, arjummaa isaatiin sirna dhufu keessatti baayʼina gaarummaa isaa isa guddaa hunda irra caalu nu warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabnutti argisiisuuf jedhee ti.”—Efe. 2:4-7.
14 Dibamtoonni samii keessatti Kiristoosii wajjin bulchuuf teessoo irra yommuu taaʼan, wantoota dinqisiisoo Yihowaan isaaniif yaade tilmaamuun hin dandaʼamu. (Luq. 22:28-30; Filp. 3:20, 21; 1 Yoh. 3:2) Yihowaan, keessumaa isaanitti “baayʼina gaarummaa isaa isa guddaa hunda irra caalu” argisiisa. Misirroo Kiristoos, jechuunis “Yerusaalem Haaraa” taʼu. (Mul. 3:12; 17:14; 21:2, 9, 10) Namoonni ajajamoo taʼan baʼaa cubbuu fi duʼa jalaa bilisa baʼanii mudaa kan hin qabne akka taʼaniif, Yesuusii wajjin hojii “saboota fayyisuu” irratti hirmaachaa jiru.—Mulʼata 22:1, 2, 17 dubbisi.
15, 16. Yihowaan gara fuulduraatti gaarummaa isaa isa guddaa ‘hoolota kan biraatti’ kan argisiisu akkamitti?
15 Efesoon 2:7, Waaqayyo “sirna dhufu keessatti” gaarummaa isaa isa guddaa akka mulʼisu dubbata. Sirna haaraa gara fuulduraatti Yihowaan fidu keessatti ‘baayʼinni gaarummaa isaa isa guddaa hunda irra caalu’ lafa irratti akka dagaagu hin shakkisiisu. (Luq. 18:29, 30) Karaa guddaa gaarummaan Yihowaa inni dinqisiisaan ittiin mulʼatu keessaa tokko, yeroo ilmaan namootaa “awwaala” keessaa itti baʼan akka taʼe hin shakkisiisu. (Iyo. 14:13-15; Yoh. 5:28, 29) Dhiironnii fi dubartoonni amanamoon aarsaan Kiristoos hojii irra ooluu isaa dura duʼan, akkasumas ‘hoolonni kan biraan’ guyyoota dhumaa kanatti amanamummaa isaanii eeganii duʼan, duʼaa kaʼanii Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufu.
16 Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi utuu Waaqayyoon hin beekin duʼanis duʼaa ni kaʼu. Yeroo kanatti, ol aantummaa Yihowaatiif bitamuuf carraa argatu. Yohaannis akkana jedhee barreesseera: “Warri duʼan, warri xixinnaanii fi warri guguddaan, teessoo sana dura dhaabatanii nan arge; maraawwan kitaabotaas ni banaman. Haa taʼu malee maraan kitaabaa kan biraan ni baname, innis kitaaba jireenyaa ti. Warri duʼanis maraa kitaabaa sana keessatti akka barreeffametti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname. Galaanni, warra duʼanii isa keessa jiran ni kenne; duutii fi Awwaallis warra duʼanii isaan keessa jiran ni kennan, isaanis dhuunfaatti akka hojii hojii isaaniitti murtiin isaaniif kenname.” (Mul. 20:12, 13) Namoonni duʼaa kaʼan dhugaawwan buʼuuraa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman hojii irra oolchuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe barachuu akka qaban beekamaa dha. Dabalataanis, qajeelfamoota haaraa faayidaa qabanii fi “maraa kitaabaa” isa ulaagaalee Yihowaan sirna haaraa keessatti nu irraa barbaadu tarreessu keessatti argaman hojii irra oolchuu qabu. Qabiyyeen Kitaaba kanaa, karaa Yihowaan gaarummaa isaa isa guddaa ittiin nutti argisiisu keessaa isa tokko dha.
MISIRAACHICHA BABALʼISUU KEESSAN ITTI FUFAA
17. Hojii lallabaa irratti yeroo hirmaannu maal yaadachuu qabna?
17 Yeroo dhumni dhihaachaa jiru kanatti, yeroo kam iyyuu caalaa misiraachoo Mootummichaa lallabuu qabna! (Mar. 13:10) Misiraachichi gaarummaa Yihowaa isa guddaa akka argisiisu hin shakkisiisu. Hojii lallabaa irratti yeroo hirmaannu kana yaadachuu qabna. Yeroo lallabnutti galmi keenya Yihowaa kabajuu dha. Eebbawwan Yihowaan addunyaa haaraa keessatti fiduuf waadaa seene, karaa gaarummaan isaa inni dinqisiisaan itti mulʼatu taʼuu isaa namootatti himuudhaan kana gochuu dandeenya.
Misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa hinaaffaadhaan babalʼisaa (Keeyyata 17-19 ilaali)
18, 19. Gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaaf kabaja akka qabnu kan argisiisnu akkamitti?
18 Yeroo warra kaaniif lallabnutti, Bulchiinsa Kiristoos jalatti ilmaan namootaa guutummaatti furicha irraa faayidaa akka argatanii fi suuta suuta cubbuu irraa walaba akka taʼan ibsuufii dandeenya. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: ‘Uumamni mataan isaas garbummaa tortoruu jalaa bilisa baʼee, bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa argata.’ (Rom. 8:21) Kun taʼuu kan dandaʼu gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaan qofa dha.
19 Waadaa gammachiisaa Mulʼata 21:4, 5 irratti argamu namoota nu dhagaʼan hundatti himuuf mirga arganneerra. Caqasichi akkana jedha: “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiru; gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda hin jiru. Wantoonni duraa sun darbaniiru.” Achiis Yihowaan inni teessoo irra taaʼee jiru, “Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa nan godha” jedhe. Itti dabalees, “Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa waan taʼaniif barreessi” jedhe. Misiraachoo kana hinaaffaadhaan namoota kaanitti yeroo himnu, gaarummaa Yihowaa isa guddaadhaaf kabaja akka qabnu argisiisna!