LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Mulʼata 21
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Mulʼataa

      • Samii haaraa fi lafa haaraa (1-8)

        • Duuti kana booda hin jiraatu (4)

        • Wantoonni hundi haaraa godhaman (5)

      • Ibsa waaʼee Yerusaalem Haaraa kenname (9-27)

Mulʼata 21:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 65:17; 66:22; 2Ph 3:13
  • +2Ph 3:10; Mul 20:11
  • +Isa 57:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    11/2023, ful. 4

    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname, mataduree 33

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa,

    12/2019, ful. 6

Mulʼata 21:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 19:7
  • +Mul 3:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 145

    Waaqeffannaa Qulqulluu, ful. 225

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2010, ful. 5

Mulʼata 21:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 37:27

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 145

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 26

    Masaraa Eegumsaa,

    3/15/2013, ful. 23

Mulʼata 21:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 7:17
  • +Isa 25:8; 1Qo 15:26
  • +Isa 35:10; 65:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 157

    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname, mataduree 52

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 2

    Dammaqaa!,

    Lakk. 1 2021, ful. 13

    Masaraa Eegumsaa,

    9/15/2012, ful. 10

    1/15/2012, ful. 30

    1/1/2010, ful. 21

Mulʼata 21:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 4:2, 3
  • +2Ph 3:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    11/2023, ful. 3-4

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 97-103

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa,

    12/2019, ful. 6

Mulʼata 21:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “A fi Z.” Alfaa fi Omeegaan qubeewwan Afaan Giriikii jalqabaa fi dhumaa ti.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 1:8; 22:13
  • +Fr 36:9; Isa 55:1; Mul 7:17; 22:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    11/2023, ful. 3, 4-7

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 125, 142

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    10/2016, ful. 21-22

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2069

Mulʼata 21:8

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali, “Halalummaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Yo 5:10
  • +1Yo 3:15
  • +Efe 5:5
  • +Yoh 8:44
  • +Mul 19:20
  • +Fak 10:7; Ibr 10:26, 27; Mul 2:11; 20:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 76

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2081

Mulʼata 21:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 15:1
  • +Mul 19:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 145

    Masaraa Eegumsaa,

    3/1/2007, ful. 4

Mulʼata 21:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Ibr 12:22; Mul 3:12; 21:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 145

Mulʼata 21:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 60:1, 2
  • +Bau 24:9, 10

Mulʼata 21:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Waaqeffannaa Qulqulluu, ful. 225

Mulʼata 21:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 22:14

Mulʼata 21:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:2-4; Luq 6:13-16; HoE 1:13

Mulʼata 21:15

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “shomboqqoo.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 40:3, 5

Mulʼata 21:16

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Istaadiyoomii 12,000.” Istaadiyoomiin tokko 185 m dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Mulʼata 21:17

Miiljaleewwan

  • *

    Gara 64 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Mulʼata 21:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 4:3; 21:10, 11

Mulʼata 21:21

Miiljaleewwan

  • *

    Milj. Maatewos 7:6 ilaali.

Mulʼata 21:22

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 6:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    5/2022, ful. 18

Mulʼata 21:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 60:19, 20; Mul 22:5
  • +Yoh 1:9; HoE 26:13, 15; Ibr 1:3

Mulʼata 21:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 60:3

Mulʼata 21:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 60:11, 20

Mulʼata 21:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 60:5

Mulʼata 21:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 5:6; Isa 52:1; 1Qo 6:9, 10; Gal 5:19-21; Mul 21:8
  • +Dan 12:1; Flp 4:3; Mul 13:8

Yaada Wal Simu

Mul. 21:1Isa 65:17; 66:22; 2Ph 3:13
Mul. 21:12Ph 3:10; Mul 20:11
Mul. 21:1Isa 57:20
Mul. 21:2Mul 19:7
Mul. 21:2Mul 3:12
Mul. 21:3His 37:27
Mul. 21:4Mul 7:17
Mul. 21:4Isa 25:8; 1Qo 15:26
Mul. 21:4Isa 35:10; 65:19
Mul. 21:5Mul 4:2, 3
Mul. 21:52Ph 3:13
Mul. 21:6Mul 1:8; 22:13
Mul. 21:6Fr 36:9; Isa 55:1; Mul 7:17; 22:1
Mul. 21:81Yo 5:10
Mul. 21:81Yo 3:15
Mul. 21:8Efe 5:5
Mul. 21:8Yoh 8:44
Mul. 21:8Mul 19:20
Mul. 21:8Fak 10:7; Ibr 10:26, 27; Mul 2:11; 20:6
Mul. 21:9Mul 15:1
Mul. 21:9Mul 19:7
Mul. 21:10Ibr 12:22; Mul 3:12; 21:2
Mul. 21:11Isa 60:1, 2
Mul. 21:11Bau 24:9, 10
Mul. 21:13Mul 22:14
Mul. 21:14Mat 10:2-4; Luq 6:13-16; HoE 1:13
Mul. 21:15His 40:3, 5
Mul. 21:18Mul 4:3; 21:10, 11
Mul. 21:22Bau 6:3
Mul. 21:23Isa 60:19, 20; Mul 22:5
Mul. 21:23Yoh 1:9; HoE 26:13, 15; Ibr 1:3
Mul. 21:24Isa 60:3
Mul. 21:25Isa 60:11, 20
Mul. 21:26Isa 60:5
Mul. 21:27Fr 5:6; Isa 52:1; 1Qo 6:9, 10; Gal 5:19-21; Mul 21:8
Mul. 21:27Dan 12:1; Flp 4:3; Mul 13:8
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Mulʼata 21:1-27

Mulʼata Yohaannis

21 Samii haaraa fi lafa haaraa+ nan arge; samiin inni duraa fi lafti inni duraa darbaniiru;+ galaannis+ kana booda hin jiraatu. 2 Magaalaa qulqulluun, Yerusaalem Haaraan akka misirroo abbaa manaa ishiitiif miidhagfamteetti+ qophooftee samii keessaa, Waaqayyo biraa+ yommuu gad buutus nan arge. 3 Yeroo kanatti sagalee guddaan tokko teessoo sana irraa akkana yommuu jedhu nan dhagaʼe: “Kunoo, dunkaanni Waaqayyoo namootaa wajjin jira; inni isaanii wajjin ni jiraata; isaanis saba isaa ni taʼu. Waaqayyos ofuma isaatii isaanii wajjin ni taʼa.+ 4 Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa;+ duutis kana booda hin jiraatu;+ gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.+ Wantoonni duraa sun darbaniiru.”

5 Inni teessoo irra taaʼe+ sunis, “Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa gochaan jira”+ jedhe. Akkasumas, “Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa waan taʼaniif barreessi” jedhe. 6 Achiis akkana naan jedhe: “Raawwatamaniiru! Ani Alfaa fi Omeegaa,* isa jalqabaa fi isa dhumaa ti.+ Nama dheebote kamiif iyyuu burqaa bishaan jireenyaa irraa tola nan kenna.+ 7 Inni injifatu kam iyyuu wantoota kana ni dhaala; ani Waaqa isaa nan taʼa, innis ilma koo ni taʼa. 8 Haa taʼu malee, warri sodaatan, warri amantii hin qabne,+ warri xurii isaaniitiin balfamoo taʼan, warri nama ajjeesan,+ warri halaleen,*+ warri gocha hafuurota hamoo raawwatan, warri waaqolii tolfamoo waaqeffatanii fi warri sobduun+ hundi qoodni isaanii haroo ibiddaa dinyiidhaan bobaʼu keessatti gatamuu dha.+ Kun duʼa isa lammaffaa argisiisa.”+

9 Maleekota saaniiwwan torban dhaʼichawwan dhumaa+ torbaniin guutaman qaban keessaa inni tokko dhufee, “Kottu, misirroo ishii haadha manaa Hoolichaa taate sitti nan argisiisa”+ naan jedhe. 10 Kanaafuu, inni humna hafuuraatiin gara gaara guddaa fi dheeraa taʼe tokkootti na geesse; achiis Yerusaalem magaalaa qulqulluun sun samii keessaa, Waaqayyo biraa yommuu gad buutu+ natti argisiise; 11 ishiin ulfina Waaqayyoo qabdi.+ Ifni ishii akka dhagaa isa hundumaa caalaa gatii guddaa qabuutti, jechuunis akka dhagaa yaasphisitti akka gaariitti calaqqisa ture.+ 12 Magaalattiin dallaa guddaa fi dheeraa, akkasumas karrawwan 12 qabdi turte; karrawwan kana biras maleekonni 12 jiru turan; karrawwan kana irratti maqaawwan gosoota ilmaan Israaʼel 12 barreeffamee ture. 13 Karaa bahaa karra sadii, karaa kaabaa karra sadii, karaa kibbaa karra sadii, karaa dhihaas karra sadiitu jira ture.+ 14 Kana malees dallaan magaalattii dhagaawwan buʼuuraa 12 qaba ture; isaan irrattis maqaawwan 12n ergamoota+ Hoolichaa 12anii barreeffamanii turan.

15 Inni anaa wajjin dubbachaa ture sunis, magaalattii, karrawwan ishii fi dallaa ishii ittiin safaruuf ulee* safaraa warqii irraa tolfame qabatee ture.+ 16 Magaalattiin roga afur kan qabdu yeroo taʼu, dheerinni ishii hammuma dalga ishii guddata ture. Inni magaalattii ulichaan yommuu safarus gara kiilomeetira 2,220* taate; magaalattiin dheerinni ishii, dalgi ishii fi ol dheerinni ishii wal qixa ture. 17 Dallaa magaalattiis ni safare; innis akka safartuu namaa fi akka safartuu maleekaatti dhundhuma 144* taʼe. 18 Dallichi yaasphis+ irraa kan hojjetame ture; magaalattiin warqii qulqulluu yeroo taatu, akka burcuqqoo qulqulluu turte. 19 Buʼuurri dallaa magaalattii dhagaa akaakuu hundumaa gatii guddaa qabuun kan miidhagfame ture: Buʼuurri inni jalqabaa yaasphis, inni lammaffaan safiroos, inni sadaffaan kaalqidoon, inni arfaffaan imeraaldi, 20 inni shanaffaan sardoniiksi, inni jaʼaffaan saardiyon, inni torbaffaan kirisoliixos, inni saddeettaffaan beerilos, inni saglaffaan tophaaziyon, inni kurnaffaan kirisophiraasos, inni kudha tokkoffaan hiiyaakinxos, inni kudha lammaffaan ametiisxos ture. 21 Karrawwan 12n sunis calleewwan* 12 turan; tokkoon tokkoon karra sanaa callee tokko irraa kan hojjetame ture. Daandii guddaan magaalattii warqii qulqulluu, akka burcuqqoo keessaan mulʼisuu ture.

22 Waaqni keenya Yihowaan* Inni Hundumaa Dandaʼuu+ fi Hoolichi mana qulqullummaa ishii waan taʼaniif, ani ishii keessatti mana qulqullummaa hin argine. 23 Ulfinni Waaqayyoo waan ishiidhaaf ibsuuf,+ Hoolichis ibsaa ishii waan taʼeef,+ aduunis taate addeessi ishiidhaaf ibsuun isaan hin barbaachisu. 24 Saboonni ifa ishiitiin deddeebiʼu;+ mootonni lafaas ulfina isaanii gara ishiitti fidu. 25 Achi keessa halkan waan hin jirreef, karrawwan ishii matumaa guyyaadhaan hin cufaman.+ 26 Isaan ulfinaa fi kabaja sabootaa gara ishiitti ni fidu.+ 27 Haa taʼu malee, wanti xuraaʼaa taʼe kam iyyuu, akkasumas namni wanta jibbisiisaa fi gowwoomsaa taʼe raawwatu kam iyyuu matumaa ishiitti hin seenu;+ warra maraa kitaaba jireenyaa Hoolichaa keessatti barreeffaman qofatu itti seena.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi