LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 5:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Warra soba dubbatan ni balleessita.+

      Yihowaan namoota hammina raawwatanii fi warra kaan gowwoomsan* ni balfa.+

  • Isaayyaas 52:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 52 Yaa Xiyoon, dammaqi! Dammaqi! Jabinas uffadhu!+

      Yaa Yerusaalem ishii magaalaa qulqulluu taate nana, uffata kee isa bareedaa uffadhu!+

      Sababiin isaas, kana booda dhaqna kan hin qabannee fi xuraaʼaa kan taʼe sitti hin seenu.+

  • 1 Qorontos 6:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yookiin namoonni jalʼoota taʼan Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle hin beektanii?+ Hin dogoggorinaa.* Warri halaleen,*+ warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan,+ ejjitoonni,+ warri gadhaaʼan,+ warri nama gadhoomsan,*+ 10 hattoonni, sassattoonni,+ warri machaaʼan,+ warri nama arrabsanii fi saamtonni Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.+

  • Galaatiyaa 5:19-21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Hojiiwwan foonii ifatti mulʼatu: Isaanis halalummaa,*+ xuraaʼummaa, addaggummaa,*+ 20 waaqolii tolfamoo waaqeffachuu, gocha hafuurota hamoo raawwachuu,*+ diinummaa, lola, hinaaffaa, aariidhaan finiinuu, gargar baʼuu, wal qoqqooduu, garee amantii uumuu, 21 goomachuu, machii,+ gadhiisii* fi wantoota kana fakkaatani dha.+ Akkuman kanaan dura isin akeekkachiise waaʼee wantoota kanaa irra deebiʼeen isin akeekkachiisa; namoonni wantoota akkasii raawwachuu amaleeffatan Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.+

  • Mulʼata 21:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Haa taʼu malee, warri sodaatan, warri amantii hin qabne,+ warri xurii isaaniitiin balfamoo taʼan, warri nama ajjeesan,+ warri halaleen,*+ warri gocha hafuurota hamoo raawwatan, warri waaqolii tolfamoo waaqeffatanii fi warri sobduun+ hundi qoodni isaanii haroo ibiddaa dinyiidhaan bobaʼu keessatti gatamuu dha.+ Kun duʼa isa lammaffaa argisiisa.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi