LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 10:2-4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Maqaan ergamoota Yesuus 12nii kanatti fufee jira:+ Jalqaba, Simoon isa Pheexiros+ jedhamuu fi obboleessa isaa Indiriyaas,+ Yaaqoob ilma Zabdewosii fi obboleessa isaa Yohaannis,+ 3 Filiphoosii fi Bartolomewos,+ Toomaasii+ fi Maatewos+ isa qaraxa sassaabu, Yaaqoob ilma Alfewoos, Taadewos, 4 Simoon isa hinaafticha, akkasumas Yihudaa Asqoroticha isa yeroo booda dabarsee isa kenne.+

  • Luqaas 6:13-16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yommuu bariʼus, barattoota isaa ofitti waamee isaan keessaa namoota 12 filatee ergamoota jedhee moggaase; isaanis kanneen kana dha:+ 14 Simoon isa inni Pheexiros jedhee moggaasee fi obboleessa isaa Indiriyaas, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos,+ Bartolomewos, 15 Maatewos, Toomaas,+ Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa “hinaafticha” jedhamu, 16 Yihudaa ilma Yaaqoobii fi Yihudaa Asqoroticha isa gantuu taʼe.

  • Hojii Ergamootaa 1:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yommuu achi gaʼanis, kutaa fooqii irra jiruu fi keessa jiraachaa turanitti ol baʼan. Isaanis Pheexiros, Yohaannis, Yaaqoob, Indiriyaas, Filiphoos, Toomaas, Bartolomewos, Maatewos, Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa hinaaftichaa fi Yihudaa ilma Yaaqoob turan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi