LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w16 Muddee ful. 8-12
  • Gaarummaa Isa Guddaadhaan Bilisa Baataniittu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaarummaa Isa Guddaadhaan Bilisa Baataniittu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • GAARUMMAA ISA GUDDAATIIN DHIIFAMA ARGACHUU
  • GAARUMMAA WAAQAYYOO ISA GUDDAA DINQISIIFACHUU
  • CUBBUU MOʼUU NI DANDEESSU
  • Namoota Gaarummaa Waaqayyoo isa Guddaa Galataan Fudhatan
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Misiraachoo Gaarummaa isa Guddaa Babalʼisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • ‘Seera Gaarummaatiinʼ Geggeeffami
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
w16 Muddee ful. 8-12
Phaawulos Roomaatti lallabaa jira

Gaarummaa Guddaadhaan Bilisa Baataniittu

“Gaarummaa guddaa jala waan jirtaniif, cubbuun isin irratti gooftaa taʼuu hin qabu.”—ROM. 6:14.

FAARFANNAA: 46, 127

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Waaqayyo furicha qopheessuun isaa gaarummaa isaa isa guddaa argisiisa kan jennu maaliifi?

  • ‘Cubbuudhaaf takkaa akka duunetti’ of ilaaluu kan dandeenyu akkamitti?

  • Dinqisiifannaan gaarummaa Waaqayyoo isa guddaadhaaf qabnu cubbuu cimaa irraa fagaachuu caalaa maal gochuuf nu kakaasuu qaba?

1, 2. Roomaan 5:12 xiyyeeffannaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan hawwatu maaliifi?

CAQASOOTA Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Baatonni Yihowaa sirriitti beekanii fi yeroo baayʼee itti fayyadaman barreessuu barbaadde haa jennu. Roomaan 5:12 caqasoota jalqaba irratti sii dhufan keessaa tokko dhaa? Yaada kana yeroo baayʼee akkamitti akka caqastu mee yaadi: “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale; duutis karaa cubbuu dhufe; kanaaf, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.”

2 Caqasni kun kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu irratti siʼa baayʼee caqasameera. Kitaaba kana ijoollee keessan ykn namoota kaanii wajjin yommuu qoʼattan, boqonnaa 3, 5 fi 6 irratti waaʼee kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu, waaʼee furichaa fi haala namoonni duʼan keessa jiran yommuu mariʼattan Roomaa 5:12 dubbisuun keessan hin oolu. Haa taʼu malee, dhuunfaatti ejjennoo Yihowaa duratti qabdan, gocha keessanii fi abdii keessan gara fuulduraa ilaalchisee Roomaa 5:12 irratti yaaddanii beektuu?

3. Cubbuu ilaalchisee dhugaa isa kam beekuu qabna?

3 Hundi keenya iyyuu cubbamoota taʼuu keenya amannee fudhachuu qabna. Guyyaa hunda dogoggora ni raawwanna. Taʼus, Waaqayyo biyyoo taʼuu keenya akka yaadatuu fi gara laafina nutti argisiisuuf fedhii akka qabu mirkanaaʼoo dha. (Far. 103:13, 14) Yesuus Waaqayyo ‘cubbuu keenya akka nuu dhiisuuf’ kadhachuu akka qabnu barsiiseera. (Luq. 11:2-4) Kanaaf, Waaqayyo dogoggora keenya erga nuuf dhiisee booda, waaʼee dogoggorichaa yeroo hunda yaaddaʼuun nu hin barbaachisu. Taʼus, Waaqayyo dhiifama nuuf gochuu kan dandaʼe akkamitti akka taʼee fi dhiifama nuu gochuu isaa yaaduun keenya nu fayyaduu dandaʼa.

GAARUMMAA ISA GUDDAATIIN DHIIFAMA ARGACHUU

4, 5. (a) Yaada Roomaa 5:12 irra jiru irratti hubannaa dabalataa akkamiitu argame? (b) ‘Gaarummaa guddaan’ Roomaa 3:24 irratti ibsame maali dha?

4 Boqonnaawwan, naannoo yaada Phaawulos ergamaan Roomaa 5:12 irratti dubbatee jiran irraa, keessumaa immoo boqonnaa 6 irraa odeeffannoo gaarii arganna. Kunis, Yihowaan akkamitti dhiifama akka nuuf godhu hubachuuf nu gargaara. Boqonnaa 3 irratti yaada akkana jedhu dubbisna: “Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru . . . , ulfina Waaqayyoos calaqqisiisuu hin dandaʼan; isaan gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa furii isa Kiristoos Yesuus kaffaletti fayyadamee argisiiseen bilisa baʼanii, qajeelota jedhamanii waamamuun isaanii kennaa tola argame dha.” (Rom. 3:23, 24) Phaawulos ‘gaarummaa guddaa’ yeroo jedhu maal jechuu isaa ture? Jechi Afaan Giriikii itti fayyadame kun, akka galmeen jechootaa tokko jedhetti hiika, “dugdi naaf deebifama jedhanii utuu hin yaadin ykn hin eegin gaarummaa tola godhamu” jedhu kan qabu dha. Wanta namni tokko gatii dadhabbii koo ti ykn naaf mala jechuu dandaʼu miti.

5 Hayyuun Joon Paarkiharsiti jedhaman akkana jedhaniiru: “Waaʼee Waaqayyoo ykn Kiristos yommuu dubbatu, [jechi Afaan Giriikii sun] keessumaa yeroo baayʼee gaarummaa guddaa tolaan argisiisan ykn gaarummaa ilmaan namootaa furuu fi oolchuuf godhan kan argisiisu dha.” Kanaaf, Hiika Addunyaa Haaraa keessatti “gaarummaa guddaa” jedhamee hiikamuun isaa sirrii dha. Haa taʼu malee, Waaqayyo gaarummaa guddaa kana kan argisiise akkamitti? Abdii kee fi hariiroo Waaqayyoo wajjin qabdu kan tuqu hoo akkamitti? Mee haa ilaallu.

6. Namoonni gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa irraa fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti?

6 Addaam, isa “nama tokko” jedhamee fi cubbuuniis taʼe duuti karaa isaa “addunyaatti gale” dha. Kanaaf, “Cubbuu nama tokkootiin kan kaʼe duuti karaa nama tokkoo akka mootiitti . . . moʼe.” Phaawulos itti dabaluudhaan waaʼee, “gaarummaa [Waaqayyoo isa] guddaa irraa hafaa” “karaa nama tokkoo, jechuunis karaa Yesuus Kiristoos” mulʼifamee dubbateera. (Rom. 5:12, 15, 17) Gaarummaa guddaan kunis guutummaa ilmaan namootaatiif faayidaa argamsiiseera. “Ajajamuu nama tokkootiin [Yesuusiin] namoonni hedduun qajeelota taʼu.” Gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan, “karaa Yesuus Kiristoos . . . jireenya bara baraatti” geessuu dandaʼa.—Rom. 5:19, 21.

7. Waaqayyo furicha qopheessuun isaa gaarummaa guddaa dha kan jennu maaliifi?

7 Yihowaan Ilmi isaa gara lafaa dhufee furii akka taʼu gochuuf dirqamni isa irra hin jiru ture. Kana malees, wanti Waaqayyoo fi Yesuus furiin dhiifama argamsiisu akka dhihaatu gochuudhaan raawwatan, ilmaan namootaa mudaa qabanii fi cubbuu dhaalaniif kan malu hin turre. Kanaaf, dhuguma iyyuu dhiifama cubbuu fi abdii bara baraaf jiraachuu argachuun keenya gaarummaa guddaa dha. Waaqayyo gaarummaa isaa isa guddaa waan nutti argisiiseef dinqisiifachuu fi jireenya keenya irratti jijjiirama akka fidu heyyamuu qabna.

GAARUMMAA WAAQAYYOO ISA GUDDAA DINQISIIFACHUU

8. Cubbuu raawwatan ilaalchisee namoonni tokko tokko ilaalcha dogoggoraa akkamii qabu?

8 Sanyii Addaam mudaa qaban waan taaneef, fedhiin wanta hamaa gara cubbuutti nama geessu raawwachuu keessa keenya jira. Taʼus, gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa ilaalchisee akkana jedhanii yaaduun dogoggora guddaa dha: ‘Dogoggora yoon hojjedhe, jechuunis wanta Waaqayyo akka cubbuutti ilaalu yoon raawwadhe illee yaaddaʼuu hin qabu. Yihowaan dhiifama naaf godha.’ Kan nama gaddisiisu garuu, Kiristiyaanonni tokko tokko utuma ergamoonni Yesuus tokko tokko lubbuudhaan jiranii illee ilaalcha akkasii qabu turan. (Yihudaa 4 dubbisi.) Nuti matumaa akkas jennee hin yaannu taʼa; haa taʼu malee, tarii sanyiin ilaalcha dogoggoraa kun nu keessa jiraachuu ykn biqiluu fi nu keessatti guddachuu jalqabee taʼuu dandaʼa.

9, 10. Phaawulosii fi Kiristiyaanonni kaan cubbuu fi duʼa irraa bilisa kan baʼan akkamitti?

9 Phaawulos ilaalcha, ‘Waaqayyo na hubata, gocha dogoggoraa ani raawwadheefis dhiifama naaf godha’ jedhu irraa fagaachuu akka qabnu cimsee akeekkachiiseera. Maaliif? Phaawulos, Kiristiyaanonni ‘cubbuudhaaf takkaa akka duʼan’ waan barreesseefi dha. (Roomaa 6:1, 2 dubbisi.) Haa taʼu malee, utuma lafa irra jiraachaa jiranii, ‘cubbuudhaaf takkaa duʼaniiru’ jechuun kan dandaʼamu akkamitti?

10 Waaqayyo, Phaawulosii fi Kiristiyaanota bara isaatti turan kaaniif furichi hojii irra akka oolu godheera. Kanaaf, Yihowaan cubbuu isaaniitiif dhiifama godheera, hafuura qulqulluudhaan isaan dibeera, akkasumas ilmaan isaa hafuuraa akka taʼan isaan waameera. Kanaan kan kaʼes, abdii samii irra jiraachuu argataniiru. Amanamoo taʼuu isaanii yoo mirkaneessan, samii irra Kiristosii wajjin jiraachuu fi isaa wajjin bulchuu ni dandaʼu. Haa taʼu malee, Phaawulos utuma lafa irra jiranii fi Waaqayyoon tajaajilaa jiranii, ‘cubbuudhaaf takkaa duʼaniiru’ jedhee waaʼee isaanii dubbachuu dandaʼeera. Phaawulos, Yesuus isa akka namaatti duʼee fi hafuura hin duune fudhatee samii irra jiraachuuf kaʼe akka fakkeenyaatti caqaseera. Sana booda duuti Yesuus irratti gooftummaa hin qabaatu. Haalli Kiristiyaanota dibamoo, ‘cubbuudhaaf duʼanii fi karaa Kiristoos Yesuus Waaqayyoof jiraachaa akka jiranitti’ of ilaalaniis kanaa wajjin walfakkaata. (Rom. 6:9, 11) Akkaataan jireenyaa isaanii guutummaatti jijjiirameera. Fedhiin cubbuu raawwachuuf qaban akka isaan toʼatu heyyamuu dhiisaniiru. Yeroo sanaa kaasee karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuuf waan isaanii dandaʼame hunda godhaniiru. Kanaaf, jireenya isaanii isa duraatiif duʼaniiru jechuu dha.

11. Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti jiraatan, ‘cubbuudhaaf takkaa duuneerra’ jechuu kan dandaʼan akkamitti?

11 Kiristiyaanota yeroo harʼaatti jiraatan ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Kiristiyaanota taʼuu keenya dura, tarii gochi dogoggoraa ykn gadheen nuti raawwannu Waaqayyo duratti akkamitti akka ilaalamu utuu hin beekin, yeroo baayʼee cubbuu ni raawwanna turre. ‘Xuraaʼummaa fi hamminaaf garboota of goonee’ turre. ‘Garboota cubbuu turre’ jechuun ni dandaʼama. (Rom. 6:19, 20) Haa taʼu malee, dhugaa Kitaaba Qulqulluu yommuu beeknu, jireenya keenya irratti jijjiirama gochuudhaan, Waaqayyoof of murteessinee cuuphamneerra. Yeroo sanaa kaasee, fedhiin keenya barumsaa fi qajeelfama Waaqayyootiif ‘garaa guutuudhaan ajajamuu’ dha. Kanaan kan kaʼes, ‘cubbuu irraa bilisa baaneerra,’ akkasumas ‘qajeelummaadhaaf garboota taaneerra.’ (Rom. 6:17, 18) Kanaaf nutis, ‘cubbuudhaaf takkaa duuneerra’ jennee dubbachuu dandeenya.

12. Hundi keenya filannoo akkamii qabna?

12 Mee amma haala Phaawulos dubbate keessa akka jirtan godhaa yaadaa: “Isin akka kajeellaa fooniitiif hin ajajamneef, cubbuun qaama keessan isa duʼu irratti mootii akka taʼu hin godhinaa.” (Rom. 6:12) Wanta qaamni keenya inni mudaa qabu akka raawwannu nu kakaasu hunda raawwachuudhaan, ‘cubbuun mootii akka taʼu gochuu’ dandeenya. Cubbuun mootii akka taʼus taʼe mootii akka hin taane ‘gochuu’ waan dandeenyuuf, gaaffiin, ‘Dhuguma garaan keenya maal barbaada?’ jedhu kaʼuu dandaʼa. Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Al tokko tokko, qaamni koo ykn sammuun koo inni cubbuu dhaale daandii dogoggoraatti akka na geessu nan heyyamaa? Moo cubbuudhaaf takkaa duʼeera? Karaa Kiristoos Yesuus Waaqayyoof jiraachaan jiraa?’ Deebiin gaaffilee kanaa, dinqisiifannaa gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa dhiifama nuuf gochuudhaan inni nutti argisiiseef qabnu irratti kan hundaaʼe dha.

CUBBUU MOʼUU NI DANDEESSU

13. Cubbuu irraa fagaachuun akka dandaʼamu wanti nuu mirkaneessu maali dha?

13 Sabni Yihowaa Waaqayyoon beekuu, isa jaallachuu fi isa tajaajiluu jalqabuu isaanii dura ‘firii godhachaa turan’ dhiisaniiru. Akkaataan jireenyaa isaanii inni duraa, tarii ‘firii amma itti qaanaʼanii’ fi duʼa isaanitti fiduu dandaʼu kan dabalatu ture. (Rom. 6:21) Amma garuu jijjiiramaniiru. Namoonni Qorontos keessa turanii fi Phaawulos isaaniif barreesse keessaa hedduun isaanii akkana turan. Isaan keessaa tokko tokko warra waaqolii tolfamoo waaqeffatan, ejjitoota, warra nama gadhoomsan, hattoota, warra machaaʼanii fi wantoota kana fakkaatan kan raawwatan turan. Taʼus, ‘dhiqamanii qulqulleeffamaniiru,’ akkasumas ‘qulqulloota taaʼaniiru.’ (1 Qor. 6:9-11) Warri gumii Roomaa keessa turan tokko tokkos kan akkasii taʼuu hin oolan. Phaawulos hafuura qulqulluudhaan kakaʼee akkana jedhee isaaniif barreessee ture: “Qaama keessan cubbuudhaaf meeshaa jalʼinaa gootanii hin dhiheessinaa; kanaa mannaa, akka warra duʼaa kaafamaniitti Waaqayyoof of dhiheessaa; qaama keessanis meeshaa qajeelinaa godhaatii Waaqayyoof dhiheessaa.” (Rom. 6:13) Phaawulos karaa hafuuraa qulqulluu taʼanii akka jiraatanii fi gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa irraa fayyadamuu isaanii akka itti fufan mirkanaaʼaa ture.

14, 15. ‘Garaa guutuudhaan ajajamuu’ ilaalchisee gaaffii akkamii of gaafachuu qabna?

14 Yeroo harʼaattis haalli isaa wal fakkaata. Obboloonni tokko tokko, yeroo tokkotti tarii akkuma warra Qorontos turan. Haa taʼu malee, isaanis jijjiiramaniiru. Cubbuu kanaan dura hojjechaa turan waan dhiisaniif, ‘dhiqamanii qulqulleeffamaniiru.’ Dhuunfaatti jijjiirama guddaa kan gootan yoo taʼe iyyuu, yeroo ammaatti Waaqayyo duratti ejjennoo akkamii qabdu? Amma gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa irraa, akkasumas dhiifama cubbuu gaarummaan kun nuuf argamsiise irraa fayyadamuu dandeenyeerra; kanaaf kana booda ‘qaama keessan cubbuudhaaf meeshaa jalʼinaa gootanii akka hin dhiheessine’ murteessitaniittuu? ‘Akka warra duʼaa kaafamaniitti Waaqayyoof of dhiheessitaniittuu’?

15 Kana gochuu akka dandeenyuuf, cubbuu cimaa warri Qorontos keessa turan tokko tokko raawwachaa turan raawwachuu irraa fagaachuuf filachuu qabna. Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa akka fudhannee fi ‘cubbuun nu irratti gooftummaa akka hin qabne’ dubbachuuf kana gochuun keenya barbaachisaa dha. Kana malees, cubbuu namoonni tokko tokko cimaa akka hin taanetti ilaalan raawwachuu irraa fagaachuuf waan nuuf dandaʼame gochuudhaan, ‘garaa guutuudhaan ajajamuuf’ murteessineerraa?—Rom. 6:14, 17.

16. Kiristiyaana taʼuun, cubbuu cimaa raawwachuu irraa fagaachuu qofa akka hin taane akkamitti beekna?

16 Mee fakkeenya Phaawulos ergamaa yaadaa. Phaawulos, cubbuu ciccimaa 1 Qorontos 6:9-11 irratti ibsame raawwachaa akka hin turre mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Taʼus, cubbamaa taʼuu isaa amaneera. Akkana jedhee barreesseera: “Ani . . . nama foonii cubbuutti gurgurame dha. Sababiin isaas, ani wantan gochaa jiru hin hubadhu. Ani wantan barbaadu hin hojjedhu; kanaa mannaa wantan jibbun hojjedha.” (Rom. 7:14, 15) Kun wantoonni Phaawulos akka cubbuutti ilaalu kan biraan akka turanii fi cubbuu kanaa wajjin qabsoo gochaa akka ture argisiisa. (Roomaa 7:21-23 dubbisi.) Nutis akkuma isaa ‘garaa guutuudhaan ajajamuuf” haa carraaqnu.

17. Amanamaa taʼuu kan barbaaddu maaliifi?

17 Fakkeenyaaf, mee waaʼee amanamaa taʼuu haa ilaallu. Amanamummaan ulaagaa Kiristiyaanni tokko guutuu qabu dha. (Fakkeenya 14:5; Efesoon 4:25 dubbisi.) Seexanni “abbaa sobaa” ti. Hanaaniyaa fi haati manaa isaas sababii sobaatiin lubbuu isaanii dhabaniiru. Namoota akkasii fakkaachuu waan hin barbaanneef sobuu irraa ni fagaanna. (Yoh. 8:44; HoE. 5:1-11) Haa taʼu malee, amanamummaan keenya kana caalaa waan dabalatu qabaa? Amanamummaan keenya dinqisiifannaa gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiif qabnu kan calaqqisiisu taʼuu qaba.

18, 19. Amanamoo taʼuu jechuun sobuu dhiisuu qofa miti kan jennu maaliifi?

18 Sobuun wanta dhugaa hin taane dubbachuu jechuu dha. Haa taʼu malee, Yihowaan sabni isaa soba dubbachuu irraa fagaachuu caalaa wanti akka godhan barbaadu jira. Yihowaan Israaʼeloota durii, “Ani Waaqayyo gooftaan keessan qulqulluu akkuman taʼe isinis immoo qulqulloota taʼaa!” jedhee isaan gorseera. Achiis qulqulluu taʼuu ilaalchisee fakkeenya isaaniif kenneera. Waaqayyo, “Hin hatinaa! Hin sobinaa! Walis hin gowwoomsinaa!” jedheera. (Lew. 19:2, 11) Kan nama gaddisiisu garuu, namni matumaa soba dubbatee hin beekne, tarii namoota kaan gowwoomsuu kan amaleeffate taʼuu dandaʼa.

Obboleessa namoonni isaa wajjin hojjetan utuu isa dhaggeeffatanii hogganaa isaatti dubbachaa jira

Sobaa fi gowwoomsaa dhiisuuf murteessineerraa? (Keeyyata 19 ilaali)

19 Fakkeenyaaf, namni tokko guyyaa itti aanutti beellama mana yaalaa waan qabuuf, hogganaa isaatti ykn namoota isaa wajjin hojjetanitti hojii akka hin galle ykn dafee baʼuu akka qabu dubbata taʼa. Dhugaa dha, beellamni mana yaalaa isaa, qoricha bituuf ykn mana yaalaa deemee qarshii kaffaluuf qofa taʼuu dandaʼa. Sababiin inni guddaan hojii irraa itti hafu garuu, karaa deemuuf qophaaʼuuf ykn maatii isaa wajjin bashannanuu waan barbaadeef taʼuu dandaʼa. Beellama mana yaalaa akka qabu dubbachuun isaa hamma tokko dhugaa taʼus, namni kun amanamaa taʼeera jechuu dandeessaa? Moo namoota gowwoomsaa jira? Haalawwan namoonni taʼe jedhanii itti namoota gowwoomsan kaanis akka jiran beekta taʼa. Tarii adaba irraa ooluuf ykn qarshiin akka isaan irraa hin kutamneef jecha kana godhan taʼa. Kun soba taʼuu baatus, qajeelfamni Waaqayyo “Walis hin gowwoomsinaa!” jechuudhaan kenne hojii irra ooleeraa? Yaada Roomaa 6:19 irratti, “Kutaawwan qaama keessanii qajeelummaa isa gara qulqullummaatti geessuuf garboota godhaa dhiheessaa” jedhames yaadadhaa.

20, 21. Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa kan dinqisiifannu yoo taʼe, wantoota akkamii irraas fagaachuu qabna?

20 Qabxiin isaa, dinqisiifannaan gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiif qabnu, halalummaa, machii ykn cubbuu warri Qorontos raawwachaa turan irraa fagaachuu caalaa waan dabalatu qaba. Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa fudhachuu jechuun halalummaa irraa fagaachuu qofa utuu hin taʼin, fedhii bashannana gadhee taʼeen bashannanuuf nutti dhagaʼamu kam iyyuu wajjin qabsoo gochuu jechuu dha. Qaama keenya qajeelummaadhaaf garboota goonee dhiheessuun machii irraa fagaachuu qofa utuu hin taʼin, dhugaatii gar malee dhuguu irraa fagaachuuf nu kakaasuu qaba. Gochawwan dogoggoraa kana irraa fagaachuuf carraaqqii cimaa gochuu nu barbaachisa taʼa; taʼus qabsoo kana irratti moʼuu ni dandeenya.

21 Galmi keenya cubbuu cimaas taʼe gocha dogoggoraa ifatti hin mulʼanne irraa fagaachuu taʼuu qaba. Kana guutummaatti gochuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Taʼus, akkuma Phaawulos nutis kana gochuuf carraaquu qabna. Phaawulos obboloota isaa yommuu gorsu, “Isin akka kajeellaa fooniitiif hin ajajamneef, cubbuun qaama keessan isa duʼu irratti mootii akka taʼu hin godhinaa” jedheera. (Rom. 6:12; 7:18-20) Gosa cubbuu kam iyyuu wajjin yommuu qabsoo goonu, gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa karaa Kiristoos nutti argisiifame garaadhaa akka dinqisiifannu argisiisna.

22. Badhaasni namoota gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa akka dinqisiifatan mirkaneessan eeggatu maali dha?

22 Gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatiin kan kaʼe, cubbuun keenya nuuf dhiifameera, nuuf dhiifamuu isaas itti fufa. Dinqisiifannaa gaarummaa kanaaf qabnuun, fedhii cubbuu warri kaan akka laayyootti ilaalan raawwachuuf nutti dhagaʼamu kam iyyuu moʼuuf carraaquu keenya itti haa fufnu. Phaawulos badhaasa nu eeggatu yommuu ibsu akkana jedheera: “Amma cubbuu irraa bilisa baatanii Waaqayyoof garboota waan taataniif, daandii qulqullummaatiin firii godhachaa jirtu; kunis dhumni isaa jireenya bara baraa ti.”—Rom. 6:22.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi