LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 2 ful. 3-4
  • Kennaa Isa Kennaa Hundumaa Irra Caalu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kennaa Isa Kennaa Hundumaa Irra Caalu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kennaan Waaqayyoo Inni Hunda Irra Caalu Gatii Guddaa Kan Qabaate Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Kennaan Hunda Caalu Maalii Dha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Yesus Kiristos Barumsisaa Faayidaa Akkamii Siif Argamsiisa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Furiin—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caaludha
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 2 ful. 3-4
Maanguddoon tokko mucaa xinnoo tokkoof qartuu irsaasii boca doonii qabu yommuu kennan

MATA DUREE FUULA JALQABAA | KENNAA WAAQAYYOO ISA GUDDAA NI FUDHATTAA?

Kennaa Isa Kennaa Hundumaa Irra Caalu

MEESHAAN Joordaan irsaasii isaa ittiin qaratuu fi boca bidiruu qabu meeshaa iddoo guddaa qabu hin fakkaatu. Taʼus, isaaf qabeenya inni iddoo guddaa kennuuf keessaa isa tokko dha. Joordaan waaʼee meeshaa kanaa yommuu ibsu, “Yeroon mucaa xinnoo turetti, maanguddoo maqaan isaanii Raasil jedhamuu fi michuu maatii koo taʼan tokkotu naaf kenne” jedheera. Erga Raasil duʼaan boqotanii booda, Joordaan, Raasil yeroo rakkinaatti isaan jajjabeessuudhaan jireenya akaakayyuu isaa fi maatii isaa keessatti gahee ol aanaa akka qabu hubate. Joordaan itti dabaluudhaan, “Amma waaʼee Raasil waan hedduu bareera; kennaan baayʼee xiqqoo taate kun yeroo kam iyyuu caalaa gatii guddaa naaf qabdi” jedheera.

Akka haala Joordaan irraa hubatamuu dandaʼutti, kennaan tokko namoota tokko tokko biratti gatii xinnoo kan qabu ykn gatii kan hin qabne taʼuu dandaʼa. Nama dinqisiifannaa qabuuf garuu, gatii guddaa kan qabu, caalaattuu gatiidhaan shallagamuu kan hin dandeenye taʼuu dandaʼa. Dubbiin Waaqayyoo waaʼee kennaa gatiidhaan madaalamuu hin dandeenye tokkoo akkana jechuudhaan ibsa: “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera.”—Yohaannis 3:16.

Kennaan kun isa kennaa sana fudhatuuf jireenya bara baraa argamsiisuu dandaʼa! Kennaan kana caalaa gatii guddaa qabaachuu dandaʼu jiraa? Namoonni tokko tokko faayidaa kennaa kanaa yoo amanuu baatanis, Kiristiyaanonni dhugaan garuu kennaa kana akka waan “gatii guddaa” qabuutti ilaalu. (Faarfannaa 49:8; 1 Pheexiros 1:18, 19) Haa taʼu malee, Waaqayyo lubbuu ilma isaa biyya lafaatiif kennaa godhee kan kenne maaliifi?

Phaawulos ergamaan akkana jechuudhaan sababa isaa ibseera: “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale; duutis karaa cubbuu dhufe; . . . duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.” (Roomaa 5:12) Namichi inni jalqabaa, jechuunis Addaam, taʼe jedhee Waaqayyoof ajajamuu waan dideef duʼaan adabameera. Karaa Addaam, duuti sanyii isaa hunda, jechuunis ilmaan namootaa hundatti dhufe.

“Miindaan cubbuu duʼa dha; kennaan Waaqayyo kennu garuu, karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti.” (Roomaa 6:23) Waaqayyo, ilmaan namootaa murtii duʼaa jalaa walaba gochuuf, Ilmi isaa Yesuus Kiristoos lubbuu isaa isa cubbuu irraa walaba taʼe addunyaadhaaf aarsaa akka godhu gara lafaatti isa ergeera. Aarsaa, isa “furii” jedhamu irratti hundaaʼuudhaan namoonni Yesuusitti amanan hundinuu jireenya bara baraa argatu.—Roomaa 3:24.

Eebbaawwan Waaqayyo karaa Yesuus Kiristoos warra isa waaqeffataniif qopheesse hunda ilaalchisee Phaawulos ergamaan, “Kennaa isaa isa jechaan ibsamuu hin dandeenyeef Waaqayyoof galanni haa gaʼu” jedheera. (2 Qorontos 9:15) Dhuguma iyyuu, furichi baayʼee dinqisiisaa waan taʼeef guutummaatti waaʼee isaa ibsuu hin dandeenyu. Taʼus, kennaawwan Waaqayyo arjummaadhaan nuu kenne hunda keessaa, furiin adda kan taʼe maaliifi? Furichi kennaawwan Waaqayyoo warra kaan irraa adda kan taʼe karaawwan kamiini?a Nuti hoo kennaa kanaaf maaltu nutti dhagaʼamuu qaba? Mata dureewwan itti aanan lamaan irratti gaaffiiwwan kanaaf deebii Kitaabni Qulqulluun kennu akka dubbistu si afeerra.

a Yesuus fedhii isaatiin ‘lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera.’ (1 Yohaannis 3:16) Haa taʼu malee, arsaan kun kaayyoo Waaqayyoo keessaa isa tokko waan taʼeef, mata dureewwan walitti aananii jiran kun, furii kana qopheessuu keessatti shoora Waaqayyo qabu irratti xiyyeeffatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi