LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 2 ful. 6-7
  • Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Irra Caaluuf Ilaalcha Akkamii Qabda?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Irra Caaluuf Ilaalcha Akkamii Qabda?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Furiin—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caaludha
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Furii—Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Caalu
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Yesus Kiristos Barumsisaa Faayidaa Akkamii Siif Argamsiisa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Kennaan Waaqayyoo Inni Hunda Irra Caalu Gatii Guddaa Kan Qabaate Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 2 ful. 6-7
Dubartii qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa gochaa jirtu

MATA DUREE FUULA JALQABAA | KENNAA WAAQAYYOO ISA GUDDAA NI FUDHATTAA?

Kennaa Waaqayyoo Isa Hunda Irra Caaluuf Ilaalcha Akkamii Qabda?

“Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisa . . . Warri lubbuudhaan jiranis isa isaaniif jedhee [duʼeef] . . . malee, kana booda ofii isaaniitiif akka hin jiraanne inni hundumaaf duʼeera.”—2 Qorontos 5:14, 15.

KENNAAN adda taʼe yoo nuu kenname, dinqisiifannaa keenya akka ibsinu nu dirqisiisa. Yesuus namoota bara sanatti dhukkuba qoricha hin qabneen qabamanii dararamaa turan kurnan erga fayyisee booda yaada kana ifa godheera. Namoota kurnan sana keessaa inni tokko, “sagalee guddaadhaan Waaqayyoon galateeffachaa deebiʼe.” Yeroo kanatti Yesuus, “Namoonni fayyan kudhan hin turree? Maarree warri kaan salgan eessa buʼan?” jedhe. (Luqaas 17:12-17) Kana irraa maal baranna? Gocha gaarummaa namoonni nutti argisiisan battalumatti dagachuu dandeenya!

Furiin kennaawwan kaan irra baayʼee adda dha. Kennaawwan hanga harʼaatti kennaman hunda irras baayʼee kan caalu dha. Maarree wanta Waaqayyo siif godheef ilaalcha akkamii qabaachuu qabda?

  • Qaama kennaa kana sii kenne bari. Furiin ilmaan namootaa hundumaatiif jireenya bara baraa kan argamsiisu battaluma tokkotti miti. Kanaa mannaa, Yesuus kadhannaa Waaqayyotti dhiheesse irratti, “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa Waaqa dhugaa tokkicha taatee fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu” jedheera. (Yohaannis 17:3) Namni tokko yeroo ati ijoollee xiqqoo turtetti namichi tokko lubbuu kee akka siif baraare utuu sitti himee, waaʼee namicha sanaa fi maaliif akka si oolche beekuu hin barbaadduu? Yihowaan, inni furii lubbu baraarsaa taʼe siif kenne, inni eenyu taʼuu isaa akka bartu qofa utuu hin taʼin, caalaatti isaa wajjin michummaa akka uummattu ni fedha. Kitaabni Qulqulluun, “Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jedhee nu gorsa.—Yaaqoob 4:8.

  • Dubartii kadhannaa dhiheessaa jirtu

    Furicha irratti amantii qabaadhu. “Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba.” (Yohaannis 3:36) Amanuu jechuun maal jechuu dha? Hojiidhaan argisiisuu jechuu dha; furicha irratti amantii qabaachuun hojiidhaan argisiisuu gaafata. (Yaaqoob 2:17) Hojii akkamii? Kennaan tokko kan kee kan taʼu, carraaqqii gootee yoo fudhatte qofa dha. Kanaafuu, carraaqqii gochuudhaan furicha fudhachuu qabda. Akkamitti? Waaqayyo akkamitti akka jiraattu akka barbaadu baradhu; achiis wanta baratte hojii irra oolchi.a Waaqayyo cubbuu kee akka sii dhiisuu fi qalbii qulqulluu akka sii kennuuf kadhadhu. Furichi warra itti amanan hundumaaf gara fuulduraatti bara baraaf nagaa, tasgabbii fi badhaadhummaa argamsiisuuf wabii akka taʼu amanannaa guutuu qabaachuudhaan Waaqayyotti dhihaadhu!—Ibroota 11:1.

  • Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos irratti haasaan yommuu kennamu

    Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus irratti argami. Yesuus waggaa waggaatti qophii furii kana akka yaadannuuf, Ayyaana Yaadannoo hundeesseera. Ayyaana kana ilaalchisee, “Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa” jedheera. (Luqaas 22:19) Dhugaa Baatonni Yihowaa Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuus Kibxata, Ebla 9, 2009 (Ebla 11, 2017) erga aduun seentee booda ni kabaju. Sagantaan saʼaatii tokkoof turu kun, haasaa duuti Kiristoos maaliif akka barbaachisee fi faayidaa duuti isaa ammas taʼe gara fuulduraatti argamsiisu ibsa. Waggaa darbe, addunyaa maratti namoonni gara miliyoona 20 taʼan Ayyaana Yaadannoo irratti argamaniiru. Atis dinqisiifannaa kennaa Waaqayyoo isa hunda caalu kanaaf qabdu argisiisuuf nu waliin akka kabajju miira hoʼaadhaan si afeerra.

a Waaqayyoon beekuu fi isatti dhihaachuuf karaan inni hunda irra caalu Dubbii isaa kan taʼe Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu dha. Dubbii isaa qoʼachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe Dhugaa Baatota Yihowaa gaafadhu; ykn weeb saayitii keenya www.jw.org/om jedhamu daawwadhu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi