LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 4 ful. 3
  • D⁠u⁠ʼa Booda Jireenyi Jiraa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • D⁠u⁠ʼa Booda Jireenyi Jiraa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kitaabni Qulqulluun Jireenyaa fi D⁠u⁠ʼa Ilaalchisee Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 4 ful. 3
Dubartiin tokko shaamaawwan bob⁠a⁠ʼan fuulduratti lakkooftuu qabattee kadhannaa dhiheessaa jirti

Hordoftoonni dhaabbilee amantii gurguddaan hunda jechuun ni dandaʼama, lubbuun hin duutu jedhanii amanu

MATA DUREE FUULA JALQABAA | JIREENYAA FI DUʼA ILAALCHISEE KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Duʼa Booda Jireenyi Jiraa?

NAMOONNI yaanni isaan jireenyaa fi duʼaa ilaalchisee qaban baayʼee dha; akkasumas garaa garummaa qaba. Tokko tokko, duʼa booda bifa biraatiin ykn bakka biraa akka jiraatan itti dhagaʼama. Kaan immoo, haala biraatiin jiraachuuf lammata akka dhalatan yaadu. Duuti dhuma waan hundumaa ti kan jedhanis jiru.

Tarii atis, hawaasa ykn aadaa keessatti guddatte irratti hundaaʼuudhaan waaʼee kanaa yaada dhuunfaa qabda taʼa. Duʼa booda wanta taʼu ilaalchisee yaanni dubbatamu hedduu waan taʼeef, gaaffii bitaa namatti taʼu kanaaf deebii amansiisaa fi qabatamaa taʼe arg achuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

Geggeessitoonni amantii jaarraawwan hedduudhaaf lubbuun hin duutu jedhanii barsiisaa turaniiru. Hordoftoonni amantiiwwan gurguddaa hunda jechuun ni dandaʼama, jechuunis Kiristiyaana, Hinduu, Yihudii, Muslimaa fi kan biroon, lubbuu hin duunee fi yommuu foon duʼu addunyaa hafuuraa keessa jiraachuu ishii akka itti fuftu amanu. Gama biraatiin immoo, hordoftoonni amantii Budihaa, yeroo hedduu deddeebiʼanii dhalachuudhaan, annisni ykn humni sammuu sirna gammachuu guutuun itti argamuu fi Niirvaanaa jedhamu keessa galuun akka dandaʼamu amanu.

Namoonni nyaata bakka namoonni isaan jaallatan d⁠u⁠ʼan jiran ka⁠a⁠ʼaa jiru

Barumsawwan akkasii irratti hundaaʼanii, namoonni addunyaa irra jiran harki caalaan isaanii duuti balbala gara jireenya addunyaa gara biraatti geessu akka taʼe amanu. Kanaaf, namoota baayʼeef duuti marsaa jireenyaa keessatti tarkaanfii isa guddaa, duʼuunis fedha Waaqayyoo keessaa tokko akka taʼe isaanitti fakkaata. Taʼus, dhimma kana ilaalchisee Dubbiin Waaqayyoo maal jedha? Mata duree itti aanu akka dubbistu si jajjabeessina. Tarii, deebiin isaa si ajaaʼibsiisuu hin oolu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi