Wantoota Barreeffamaniif Xiyyeeffannaa ni Kennituu?
“Wantoonni kun . . . nu warra dhumni sirnichaa irra [gaʼe] akeekkachiisuuf barreeffaman.”—1 QOR. 10:11.
1, 2. Fakkeenya mootota Yihudaa arfanii kan qorru maaliifi?
DAANDII tokko irra utuu deemaa jirtuu namni tokko mucucaatee akka kufe utuu argitee, daandii sana irra yommuu deemtu of hin eeggattuu? Dogoggora warra kaanii arguun keenya, nutis dogoggora wal fakkaatu akka hin raawwanne nu eega. Kun karaa hafuuraatiifis ni hojjeta. Namoota Kitaaba Qulqulluu irratti galmaaʼan dabalatee dogoggora warra kaanii irraa barachuu ni dandeenya.
2 Mootonni Yihudaa arfan mata duree darbee irratti ilaalle garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilaniiru. Taʼus, dogoggora ciccimaa raawwataniiru. Muuxannoo isaanii irraa maal barachuu dandeenya? Dogoggora wal fakkaatu raawwachuu irraa hoo of eeguu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya mootota kanaa irratti xiinxaluun keenya wantoota nu barsiisuuf dursanii barreeffaman irraa faayidaa argachuuf nu gargaara.—Roomaa 15:4 dubbisi.
OGUMMAA NAMOOTAATTI AMANAMUUN BADIISA FIDA
3-5. (a) Aasaan garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilaa kan ture taʼus, rakkina akkamiitu isa mudate? (b) Yommuu Baashaan Yihudaatti duuletti wanti Aasaan namootatti akka amanamu isa taasise maal taʼuu dandaʼa?
3 Mee jalqaba fakkeenya Aasaa ilaaluudhaan, Dubbiin Waaqayyoo jireenya keenya jijjiiruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Aasaan yeroo loltoonni Itoophiyaa miliyoona tokko taʼan isatti duulanitti Yihowaatti amanameera; yeroo Baashaan mootiin Israaʼel Raamaa ishii daangaa bulchiinsa Aasaa bira jirtutti dallaa ijaaruu jalqabutti garuu Yihowaatti hin amanamne. (2 Sen. 16:1-3) Kanaa mannaa, Aasaan ogummaa mataa isaa irratti hundaaʼuudhaan, Baashaan irratti lola akka banuuf mootii Sooriyaa kan taʼe Ben-Hadaadiif mattaʼaa kenne. Tooftaan Aasaa kun milkaaʼina argamsiiseeraa? Kitaabni Qulqulluun, “Baashaan kana yommuu dhagaʼe, masaraa mandara Raamaatti ijaaruu jalqabe sana dhiisee hojii isaa in dhaabsise” jedha. (2 Sen. 16:5) Kanaaf, jalqaba irratti malli Aasaa kun waan hojjete fakkaata ture!
4 Yihowaan, tarkaanfii Aasaan fudhate kana akkamitti ilaale? Yihowaan sababii Aasaan isatti hin amanamneef akka inni gorsa cimaa isaaf kennuuf raajii isaa Haanaanii isatti erge. (2 Seenaa 16:7-9 dubbisi.) Haanaaniin, “Gara fuula duraatti lolli garaa garaa sitti kaʼuuf jira” isaan jedhe. Baashaan masaraa sana ijaaruu dhiiseera; haa taʼu malee, Aasaa fi sabni isaa yeroo bulchiinsaa Aasaa isa hafetti waraanni garaa garaa isaan irratti kaʼeera.
5 Akkuma mata duree darbe irratti ilaalle, Waaqayyo garaa Aasaa erga qoree boodaa garaa guutuudhaan akka isa tajaajilaa turetti isaaf murteesseera. (1 Mot. 15:14) Akka ilaalcha Waaqayyootti Aasaan hamma isaaf dandaʼame Waaqayyoof kan bule ture. Taʼus, daandii dogoggoraa hordofuu isaatiin kan kaʼe wanta isa irra gaʼu fudhachuu qaba ture. Yeroo Baashaan isatti duuletti wanti Aasaan Yihowaatti amanamuu mannaa, namatti jechuunis Ben-Hadaadii fi ofitti akka amanamu isa taasise maali dha? Tarii walii galtee uumuun ykn mala waraanaa jijjiiruun, gargaarsa Waaqayyoo argachuu caalaa furmaata akka fidu yaadee tii? Moo murtoo kana irra kan gaʼe gorsi dogoggoraa waan isaaf kennameefi?
6. Dogoggora Aasaa irraa maal barachuu dandeenya? Fakkeenyaan ibsi.
6 Dogoggora Aasaa irraa maal barachuu dandeenya? Yeroo rakkinni humna keenyaa ol fakkaatu nu mudatutti Yihowaatti amanamuun barbaachisaa akka taʼe hubachuun salphaa dha. Haa taʼu malee, jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti dhimmoonni xixinnoon yeroo nu mudatan maal goona? Karaa nutti fakkaatuun furmaata kennuudhaan yaada namootaatti amanamnaa? Moo dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuudhaan, rakkina furuu irratti daandii Yihowaatti akka amanamnu argisiisna? Fakkeenyaaf, darbee darbee walgaʼiiwwan gumii ykn walgaʼiiwwan guguddaa irratti argamuu ilaalchisee maatiin kee si mormu taʼa. Yeroo kanatti, Yihowaan akka si qajeelchuu fi hubannaa haala kanaaf furmaata kennuuf si dandeessisu akka siif kennu isa kadhatta. Hojii kee yoo dhabdee fi hojii kan biraa argachuun yoo sitti ulfaate hoo? Nama si qacaruuf jedhu bira yeroo deemtu, ammas taanaan walgaʼiiwwan guyyaa hojii irratti geggeeffaman irratti hirmaachuu akka barbaaddu itti himtaa? Rakkinni akkamii iyyuu yoo nu mudate gorsa faarfatichaa isa, “Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata” jedhu hordofuu qabna.—Far. 37:5.
WANTA MICHUMMAA GADHEEN SIRRAAN GAʼUU DANDAʼU
7, 8. Yoshaafaax dogoggora akkamii raawwate? Dhuma irratti hoo maaltu taʼe? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
7 Mee amma immoo waaʼee ilma Aasaa kan taʼe Yoshaafaax haa ilaallu. Amalawwan gaggaarii hedduu qaba ture. Yoshaafaax Waaqayyotti amanamuudhaan wantoota gaggaarii hedduu raawwateera. Taʼus, yeroon itti murtoowwan dogoggoraa godhes jira. Fakkeenyaaf, Ahaab Mooticha isa hamaa mootii mootummaa kaabaa turee wajjin firooma gaaʼelaa uumee ture. Kana malees, Miikiyaas raajichi akeekkachiisa kan isaaf kenne taʼus, Ahaabii wajjin warra Sooriyaa irratti lola banee ture. Waraanicha irratti Yoshaafaax hamma xinnoof duʼa irraa kan oole siʼa taʼu, achiis gara Yerusaalemitti deebiʼe. (2 Sen. 18:1-32) Yeroo kanatti Yehuu raajichi, “Ati maaliif nama hamaa gargaarte? Maaliifis nama isa Waaqayyoon jibbutti hidhatte?” jedhee isa gaafate.—2 Seenaa 19:1-3 dubbisi.
8 Yoshaafaax wanta isa mudate kana irraa barumsa argateeraa laata? Waaqayyoon gammachiisuudhaaf fedhii qabaachuu isaa kan itti fufe taʼus, wanta Ahaabii wajjin haala wal qabateen isa mudatee fi akeekkachiisa Yehuu irraa waan barate hin fakkaatu. Yoshaafaax michummaa dogoggoraa kan biraa uumee ture. Yeroo kanatti michummaa kan uume ilma Ahaab kan taʼe Ahaaziyaa Mooticha isa hamaa wajjin ture. Yoshaafaaxii fi Ahaaziyaan waliin taʼanii markaboota kan hojjetan siʼa taʼu, markaboonni kun kaayyoo yaadame utuu galmaan hin gaʼin jalaa caccabaniiru.—2 Sen. 20:35-37.
9. Michummaa dogoggoraa uumuun jireenya keenya irratti miidhaa kan fidu akkamitti?
9 Seenaa Yoshaafaax dubbisuun keenya of qoruuf nu kakaasuu qaba. Akkamitti? Dhugaa dha, Yoshaafaax akka walii galaatti mootii gaarii ture. Wanta gaarii taʼe kan raawwate siʼa taʼu, “garaa isaa guutuu Waaqayyoon duukaa buʼaa ture.” (2 Sen. 22:9) Taʼus, michummaa gadheen dhiibbaa isa irratti geessisee ture. Fakkeenya geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kana yaadadhu: “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa; miiltoon gowwootaa garuu in bada.” (Fak. 13:20) Nutis taanaan namoonni fedhii qaban dhugaa akka fudhatan gargaaraa jirra taʼa. Taʼus, Yoshaafaax Ahaabii wajjin walitti dhufeenya sirrii hin taane uumuun isaa lubbuu isaa isa dhabsiisuuf ture. Haaluma wal fakkaatuun, namoota Yihowaa hin tajaajillee wajjin walitti dhufeenya sirrii hin taane uumuun balaa qaba.
10. (a) Gaaʼela godhachuu wajjin haala wal qabateen Yoshaafaax irraa maal baranna? (b) Michummaa gadhee uumuu ilaalchisee qorumsi yoo nu mudate maal yaadachuu qabna?
10 Muuxannoo Yoshaafaax irraa barumsa akkamii arganna? Kiristiyaanni tokko, Kiristiyaanota dhugaa gidduudhaa hiriyaa gaaʼelaa isaaf taʼu argachuu akka hin dandeenye yaaduudhaan nama Yihowaa hin jaallanneef miira jaalalaa qabaachuu jalqaba taʼa. Yookiin immoo Kiristiyaanni tokko ‘utuu yeroon itti hin darbin’ akka gaaʼela godhatu fira Dhugaa Baatuu hin taane irraa dhiibbaan isa irra gaʼa taʼa. Tokko tokko immoo, akkuma obboleettii “Uumamaan jaallatamuus taʼe michummaa uumuu ni barbaanna” jette tokkoo itti dhagaʼama. Yeroo kanatti Kiristiyaanni tokko maal gochuu qaba? Wanta Yoshaafaaxiin mudate irratti xiinxaluun si gargaaruu dandaʼa. Yoshaafaax yeroo baayʼee qajeelfama Waaqayyoo barbaada ture. (2 Sen. 18:4-6) Haa taʼu malee, yeroo inni Ahaab isa Yihowaa hin jaallannee wajjin michummaa uumetti maaltu taʼe? Yoshaafaax, iji Yihowaa namoota garaa guutuudhaan isa tajaajilan irratti akka xiyyeeffatu yaadachuu qaba ture. Yeroo harʼaattis taanaan iji Waaqayyoo ‘gargaarsa’ nuu kennuudhaaf “guutummaa biyya lafaa in ilaala.” (2 Sen. 16:9) Haala keenya kan hubatu taʼuu isaa irra iyyuu nu jaallata. Hiriyaa gaaʼelaa siif taʼu argachuu yoo barbaadde, Waaqayyo haala kee akka hubatuu fi si gargaaruuf fedhii akka qabu ni amantaa? Yeroo taʼe tokkotti kan akka godhu mirkanaaʼaa taʼi!
Balaa nama Dhugaa Baatuu hin taanee wajjin karaa sirrii hin taaneen walitti hidhachuudhaan dhufu irraa of eegi (Keeyyata 10 ilaali)
GARAAN KEESSAN AKKA OF TUULU HIN HEYYAMINAA
11, 12. (a) Hisqiyaas wanta garaa isaa keessa jiru kan mulʼise akkamitti? (b) Hisqiyaas dheekkamsa Waaqayyoo jalaa kan oole maaliifi?
11 Hisqiyaas irraa immoo garaa keenyaa wajjin haala wal qabateen barumsi argannu jira. Yeroo tokko Yihowaa inni garaa namaa qoru wanta garaa Hisqiyaas keessa jiru saaxile. (2 Seenaa 32:31 dubbisi.) Hisqiyaas yeroo baayʼee dhukkubsatu Waaqayyo gaaddidduun boodatti akka deebiʼu gochuudhaan mallattoo akka isatti fooyyaʼu argisiisu itti mulʼise. Mootiin Baabilon waaʼee dhimma kanaa beekuu barbaadee taʼuu hin oolu namoota itti erge. (2 Mot. 20:8-13; 2 Sen. 32:24) Achiis Hisqiyaas “mana qabeenya isaatii keessa kan jiru hundumaa” warra Baabilonitti argisiiseera; kun immoo yeroo Waaqayyo ‘isa irraa fagaatetti’ wanta garaa isaa keessa jiru saaxileera. Hojiin gowwummaa kun “wanta yaada Hisqiyaas keessa jiru hundumaa” ifa godheera.
12 Kitaabni Qulqulluun, Hisqiyaas akka of tuulu wanti godhe maal akka taʼe hin dubbatu. Tarii injifannoo warra Asor irratti argate ykn Waaqayyo dinqiidhaan isa fayyisuu isaatii laata? Moo “badhaadhummaa danuu fi ulfina guddaa inni qabu” dha? Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe, Hisqiyaas of tuulee waan tureef, ‘wanta gaarii isaaf godhame kanaaf Waaqayyoon hin galateeffanne.’ Baayʼee nama gaddisiisa! Hisqiyaas garaa guutuudhaan Waaqayyoon kan tajaajile taʼus, yeroo muraasaaf Yihowaa gaddisiiseera. Yeroo booda garuu, ‘Hisqiyaas waan gad of deebiseef,’ [hiika bara 1997] innis taʼe sabni isaa dheekkamsa Waaqayyoo jalaa oolaniiru.—2 Sen. 32:25-27; Far. 138:6.
13, 14. (a) Yihowaan ‘yaada keenya qoruuf kan nu irraa fagaatu’ yoom taʼuu dandaʼa? (b) Hojii tokko raawwachuu keenyaan yommuu jajamnu maal gochuu qabna?
13 Seenaa Hisqiyaas dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Hisqiyaas of tuuluu kan jalqabe, Yihowaan Senaaheriibiin erga injifatee fi dhukkuba cimaa irraa erga Hisqiyaasiin fayyisee booda akka taʼe yaadadhu. Nutis taanaan, hojii guddaa tokko yoo raawwanne, tarii Yihowaan wanti yaada keenya keessa jiru akka baʼu gochuuf ‘nu irraa fagaateeraa’ laata? Fakkeenyaaf, obboleessi tokko haasaa isaa akka gaariitti qophaaʼee dhaggeeffattoota hedduu duratti dhiheessa taʼa. Achiis namoonni hedduun wanta inni godhe kanaaf isa jajatu taʼa. Yeroo kanatti maal godha?
14 Yommuu jajamnu gorsa Yesuus kana hojii irra oolchuu qabna: “Isinis hojii isiniif kenname hunda yommuu hojjettan, ‘Nuti garboota gatii hin qabne dha. Wanti hojjenne, wanta hojjechuu qabnu dha’ jedhaa.” (Luq. 17:10) Hisqiyaas irraa wanti barachuu dandeenyu kan biraanis jira. Amala of tuulummaa waan qabuuf ‘wanta gaarii isaaf godhame kanaaf Waaqayyoon hin galateeffanne.’ Wanta gaarii Waaqayyo nuuf godhe irratti xiinxaluun keenya, amala Yihowaan jibbu irraa fagaachuuf nu gargaara. Waaʼee Yihowaa galateeffannaadhaan dubbachuu dandeenya. Yihowaan saba isaa deggeruuf Kitaaba Qulqulluu fi hafuura qulqulluu kenneera.
YOMMUU MURTOO GOOTAN OF EEGGADHAA
15, 16. Yosiyaas eegumsa Yihowaa fi lubbuu isaa kan dhabe maaliifi?
15 Yosiyaas Mooticha isa nama gaarii ture irraa hoo akeekkachiisa akkamii arganna? Wanta akka inni moʼamuu fi akka inni ajjeefamu godhe ilaali. (2 Seenaa 35:20-22 dubbisi.) Yosiyaas, mootii Gibxii kan taʼe Nekoon Mootichi wanti wal isaan lolsiisu akka hin jirre dubbatus, “isatti in duule.” Kitaabni Qulqulluun wanti Nekoon dubbate kun “abboommii Waaqayyoo” akka taʼe dubbata. Yosiyaas isa loluu kan dhaqe maaliif ture? Kitaabni Qulqulluun sababii isaa hin ibsu.
16 Yosiyaas wanti Nekoon dubbate kun abboomii Yihowaa akka taʼe akkamitti beekuu dandaʼa? Ermiyaas isa raajota amanamoo keessaa tokko taʼe gaafachuu dandaʼa ture. (2 Sen. 35:23, 25) Haa taʼu malee, kana gochuu isaa wanti ibsu jiru. Akkasumas, Nekoon ‘warra isa lolu loluuf,’ jechuunis Yerusaalemiin utuu hin taʼin, Karkemiishiin loluuf deemaa ture. Kana malees, Nekoon Yihowaas taʼe saba isaa waan hin arrabsineef waraanni kun maqaa Waaqayyoo wajjin kan wal qabatu hin turre. Kanaafuu, Yosiyaas Nekoo irratti waraana banuuf murteessuun isaa sirrii hin turre. Seenaa kana irraa barumsa akkamii arganna? Yeroo rakkinni tokko nu mudatu dhimmicha ilaalchisee fedhiin Yihowaa maal akka taʼe tilmaama keessa galchuu qabna.
17. Rakkinni tokko yeroo nu mudatu dogoggora Yosiyaas hojjete raawwachuu irraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?
17 Rakkinni tokko yeroo nu mudatu, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu tilmaama keessa galchuu fi hojii irra oolchuu qabna. Dhimmoota tokko tokko irratti jaarsolii gumii mariisisuu barbaanna taʼa. Wanta kanaan dura beeknu yaadannee ykn barreeffama keenya irratti qorannoo goonee taʼuu dandaʼa. Taʼus, jaarsi tokko dhugaawwan buʼuuraa irratti yaaduu dandeenyu kan biraa nu hubachiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleettiin tokko misiraachicha lallabuu akka qabdu beekti. (HoE. 4:20) Haa taʼu malee, guyyaa tokko tajaajila baʼuuf karoorfatte haa jennu; abbaan manaa ishii Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taane garuu akka ishiin manaa hin baane barbaade. Yeroo erga waliin dabarsanii akka turanii fi lama taʼanii waa utuu hojjetanii akka barbaadu itti hime. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu kan akka Waaqayyoof abboomamuu akka qabduu fi barattoota gochuu akka qabdu ibsan yaadatti taʼa. (Mat. 28:19, 20; HoE. 5:29) Haa taʼu malee, haati manaa tokko abbaa manaa ishiitiif bitamuu fi tole kan jettu taʼuu akka qabdus yaadachuu qabdi. (Efe. 5:22-24; Filp. 4:5) Abbaan manaa ishii tajaajila baʼuu ishii mormaa jira moo guyyaadhuma sanaaf qofa tajaajila akka hin baane ishii gaafachaa jira? Fedha Waaqayyoo yeroo raawwannutti ilaalcha madaalamaa qabaachuu fi qalbii qulqulluu qabaachuuf carraaquu qabna.
GARAA GUUTUU QABAACHUUDHAAN GAMMADAA JIRAADHAA
18. Seenaa mootota arfan mata duree kana keessatti ibsamanii qoruu keetiin faayidaa akkamii argachuu dandeessa?
18 Nutis cubbamoota waan taaneef, yeroo tokko tokko dogoggora mootonni olitti ibsaman raawwatan hojjenna taʼa. Tarii (1) ogummaa namootaatti amanamuu, (2) michummaa gadhee uumuu, (3) of tuuluu ykn (4) fedhii Waaqayyoo tilmaama keessa utuu hin galchin murtoo gochuu dandeenya taʼa. Yihowaan gaarummaa isaatiin kakaʼee akkuma wanta gaarii mootota arfan keessa jiru ilaale, wanta gaarii nu keessa jirus ni ilaala! Akkasumas Yihowaan, hammam akka isa jaallannuu fi guutummaatti isa tajaajiluuf hammam akka hawwinu ni arga. Kanaafuu, dogoggora cimaa akka nuti hin raawwanneef fakkeenyota akeekkachiisa nuuf taʼan nuuf kenneera. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu kana irratti haa xiinxallu; fakkeenyota kana waan nuu kenneefis Yihowaa haa galateeffannu!