LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 8/15 ful. 8-10
  • ‘Gatii Dadhabbii Keessanii In Argattu’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Gatii Dadhabbii Keessanii In Argattu’
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • SEENAA AASAA
  • DIRREE WARAANAARRATTI
  • JAJJABINAAFI AKEEKKACHIISA
  • “ATI KANA GOWWUMMAADHAAN HOJJETTE”
  • Yeroo Nagaa Ogummaadhaan Fayyadamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Garaa Guutuudhaan Yihowaa Tajaajilaa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Yihowaan Kan Nutti Dhihaatu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Aasaan Ija Jabinaan Tarkaanfii Fudhateera—Ati Hoo?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 8/15 ful. 8-10

‘Gatii Dadhabbii Keessanii In Argattu’

AASAA MOOTICHI humna waraanaasaa dura buʼee ariitiidhaan gaara Yihudaarraa gara dachaatti gugussaa jira. Balʼeensa dachaa sanaarra yommuu gaʼu dhaabatee asiifi achi ilaale. Gajjallaasaa humni waraana diinaa hedduun buufatanii jiru. Loltoonni warra Itoophiyaa kun miliyoona tokko taʼu. Humni waraanaa Aasaa garuu walakkaa loltoota kanaarra xinnoo kan caalu ture.

Yommuu waraanni cimaan kaʼuuf jedhu kanatti Aasaan wanta akkamiitiif bakka guddaa kenna laata? Geggeessitoota waraanaasaatiif ajaja dabarsuudhaa? Loltootasaa jajjabeessuudhaa? Moo maatiisaatiif xalayaa barreessuudha? Matumaa! Kanaa mannaa, Aasaan haala isa mudate kana ilaalchisee kadhannaa dhiheesse.

Waaʼee kadhannaa sanaafi wanta yeroo kanatti raawwatame qoruu keenya dura, Aasaan nama akkamii akka ture haa ilaallu. Tarkaanfii akkasii fudhachuuf kan isa kakaase maalidha? Gargaarsa Waaqayyoo barbaaduu akka qabu ni amana turee? Seenaan waaʼee Aasaa dubbatu, Yihowaan sochii sabnisaa godhan akkamitti akka eebbisu ilaalchisee maal nuu ibsa?

SEENAA AASAA

Israaʼel bulchiinsa mootummaa lamatti erga hihhiramtee booda waggoottan 20 ittaananitti, Yihudaan waaqeffannaa waaqayyolii tolfamootiin guutummaatti mancaatee turte. Dh.K.D. bara 977 yeroo Aasaan mootii taʼetti, manni mootummaallee waaqeffannaa waaqayyolii hormaataa Kanaʼaaniin xuraaʼee ture. Taʼus Macaafni Qulqulluun bulchiinsa bara Aasaa ilaalchisee, “Wanta Waaqayyo gooftaa isaa duratti gaarii fi qajeelaa taʼe in hojjete” jechuudhaan ibsa. Aasaan “iddoo aarsaa isa kan waaqayyolii ormaa fi iddoowwan sagadaa warra ol kaʼoo in diigsise, utuboota dhagaa qulqullaaʼootti ilaalaman in caccabse, mukkeetii qiqqirixamanii waaqayyittii tolfamtuuf dhadhaabamanis in jijjigse.” (2 Sen. 14:2, 3) Aasaan “dhiirota galma keessatti ejjaaf qophaaʼanii” fi maqaa amantiitiin warra saala wal fakkaatu qabanii wajjin saalqunnamtii raawwatan bulchiinsa mootummaa Yihudaa keessaa ni balleesse. Aasaan kana malees wanta godhe qaba. Sabichi “Waaqayyo gooftaa isa kan abboota isaanii yaadaan akka barbaaddatan,” ‘seeraafi abboommii’ Waaqayyoo akka eeganis isaan gorseera.​—1 Mot. 15:12, 13; 2 Sen. 14:4.

Hinaaffaa Aasaan waaqeffannaa dhugaatiif argisiiseen kan kaʼe, Yihowaan waggoota hedduudhaaf nagaa akka argatu gochuudhaan isa eebbiseera. Kanaan kan kaʼes mootiin kun, “Nuyi Waaqayyoon gooftaa keenya waan barbaanneef, inni naannoo keenya hundumaatti boqonnaa nuuf kenneera” jechuu dandaʼeera. Sabichis nagaa argate kanatti fayyadamuudhaan biyya Yihudaa keessatti mandaroota dallaa dhagaa qaban ijaaruu dandaʼeera. Macaafni Qulqulluun, “Kana irratti isaan kaʼanii in ijaaran, hojiin isaaniis wal in qixxaateef” jedha.​—2 Sen. 14:1, 6, 7.

DIRREE WARAANAARRATTI

Humni waraanaa hangana baayʼatuufi Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti barreeffame yommuu isa mudatetti Aasaan kadhannaa dhiheessuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu. Waaqayyo wanta amantiidhaan hojjetamu akka eebbisu Aasaan beeka ture. Mootiin kun Yihowaan akka isa gargaaru cimsee kadhateera. Aasaan Waaqayyotti yoo amanameefi gargaarsasaa yoo argate, humni waraana diinaa baayʼachuun ykn cimaa taʼuunsaa akka isa hin yaaddessine hubatee ture. Lolli kun maqaa Yihowaa tuquu waan dandaʼuuf, Aasaan waaʼee kanaa Waaqayyoon kadhateera. Mootichi, “‘Yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa, nuyi si amanannee maqaa keetiin loltoota sonaan baayʼatan kana loluudhaaf baaneerra ati nu gargaari! Yaa Waaqayyo ati gooftaa keenya, namni tokko illee si irratti humna akka argatu hin godhin!’ jedhee Waaqayyo gooftaa isaa in waammate.” (2 Sen. 14:11) Kana jechuunsaa, ‘Yihowaa! Waraanni Itoophiyaa kan weerare siinidha. Namoonni dadhaboon, warra maqaa keetiin waamaman balleessuudhaan maqaankee kabaja akka dhabu hin heyyamin’ akka jedhetti kan ilaalamudha. Kanaaf, “Waaqayyo fuula Aasaa mootichaa fi fuula warra Yihudaa duraa warra Itoophiyaa in rukute, isaanis in baqatan.”​—2 Sen. 14:12.

Yeroo harʼaa, mormitoonni humna guddaa qaban hedduun saba Yihowaa ni mudatu. Namoota kanaa wajjin meeshaa waraanaatiin kallattiidhaan dirree waraanaarratti wal hin lollu. Haataʼu malee, Yihowaan namoonni isaaf amanamoo taʼaniifi maqaasaatiin waraana hafuuraarratti hirmaatan hundi injifannoo akka argatan gochuudhaan akka isaan eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Waraanni dhuunfaadhaan goonu, amala gadhee isa yeroo ammaa babalʼachaa jiru argisiisuurraa fagaachuu, dadhabina qabnuu wajjin qabsaaʼuu ykn wantoota maatii keenya mancaasuu dandaʼanirraa isaan eeguu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Taʼus, rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate, kadhannaa Aasaan dhiheesserraa jajjabina argachuu dandeenya. Injifannoo inni argate kan Yihowaati. Kadhannaan kun wanta namoonni Yihowaatti amanaman hundi gochuu qaban argisiisa. Humni ilmaan namootaa Yihowaa dura dhaabachuu dandaʼu tokkollee hin jiru.

JAJJABINAAFI AKEEKKACHIISA

Aasaan dirree waraanaatii ennaa deebiʼu Azaariyaa raajichaa wajjin wal arge. Innis jajjabinaafi akeekkachiisa akkas jedhu kenneef: “Yaa Aasaa, isinis yaa namoota Yihudaa, yaa namoota Beniyaamin hundumti keessan mee na dhagaʼaa! Yoo isin Waaqayyo duukaa buutanii jiraattan, innis isinii wajjin in jiraata; yoo isa barbaaddatan, inni immoo isiniif in argama; isin yoo isa dhiiftan garuu, innis isin in dhiisa. . . . Gatii dadhabbii keessanii waan argattaniif, jabaadhaa, humni isin hin buʼin!”​—2 Sen. 15:1, 2, 7.

Jechoonni kun amantii keenya nuu cimsuu dandaʼu. Amanamoo taanee hamma isa tajaajilletti Yihowaan akka nuu wajjin taʼu argisiisu. Gargaarsa argachuuf yommuu isa kadhannutti akka nu dhagaʼu isatti amanamuu dandeenya. Azaariyaan, “Jabaadhaa” jedhee ture. Yeroo baayʼee wanta sirrii taʼe raawwachuun jabina guddaa kan gaafatu taʼus, gargaarsa Yihowaatiin kana gochuu ni dandeenya.

Akkoo Aasaa kan taate Maʼakaan “fakkeenya Asheeraa waaqayyittii tolfamtuu isa jibbisiisaa” waan dhaabbatteef, iddoo ulfinaashee jechuunis, “mootii” taʼuusheerraa ishee buusuun Aasaadhaaf hojii cimaa ture. Waaqayyittii tolfamtuu isheen dhaabbatte balleessuudhaan itti gaafatamummaasaa baʼeera. (1 Mot. 15:13) Aasaan ejjennoosaafi jabina argisiiseen eebbifameera. Nuyis, firoonni keenya Waaqayyoof amanamoo taʼanis taʼuu baatanis Yihowaafi seera qajeelinaa inni kennetti cichinee jiraachuuf gara kuteessa taʼuu qabna. Akkas kan goonu taanaan, Yihowaan amanamummaa argisiisneef nu eebbisa.

Eebba Aasaan argate keessaa tokko, Israaʼeloonni hedduun mootummaa bulchiinsa kaabaa isa gantuu keessaa gara Yihudaa dhufuudhaan Yihowaan Aasaa wajjin akka jiru hubachuusaanii ture. Tajaajiltoota Yihowaa wajjin jiraachuuf jecha manasaanii dhiisanii deemuudhaan waaqeffannaa dhugaatiif dinqisiifannaa qaban argisiisaniiru. Aasaafi namoonni Yihudaa hundi gammachuudhaan ‘garaafi yaadasaanii hundumaan Waaqayyo gooftaasaanii barbaaddachuuf kakuu in galan.’ Buʼaansaa maal ture? Waaqayyo “isaanitti in mulʼate, karaa hundumaas nagaa isaaniif in kenne.” (2 Sen. 15:9-15) Namoonni qajeelummaa barbaadan waaqeffannaa dhugaa yommuu fudhatan baayʼee gammanna.

Haataʼu malee, yaada Azaariyaa raajichi dubbate keessaa xiyyeeffannaa guddaan kennamuufii kan qabu jira. ‘Yoo [Waaqayyoon] dhiiftan innis isin in dhiisa’ jedhee isa akeekkachiisee ture. Buʼaansaa baayʼee gaddisiisaa taʼuu waan dandaʼuuf matumaa kun akka nurra gaʼu heyyamuu hin qabnu. (2 Phe. 2:20-22) Yihowaan akeekkachiisa kana Aasaatti maaliif akka erge Caaffanni Qulqullaaʼoon nutti himuu baatanis, mootiin kun akeekkachiisa kana utuu hin eegin hafeera.

“ATI KANA GOWWUMMAADHAAN HOJJETTE”

Aasaan mootii taʼee waggaa 36⁠ffaasaatti Baashaan Mootiin Israaʼel diina taʼee Yihudaarratti kaʼe. Baashaan namoonni bulchiinsasaa jala jiran gara Yihudaa dhaqanii Aasaafi waaqeffannaa dhugaatiif amanamummaa qaban akka hin argisiisne dhowwuuf, magaalaa Raamaa ishee daangaarratti argamtuufi kallattii kaabaatiin Yerusaalemirraa kiilomeetira 8 fagaattee jirtu jabeessee ijaare. Aasaan akka yeroo humni waraana warra Itoophiyaa isa mudate godhe Waaqayyoon gargaarsa gaafachuu mannaa, namni akka isa gargaaru gaafate. Mootummaa Israaʼel kaabaa loluuf akka isa gargaaruuf mootii Sooriyaatiif kennaa erge. Warri Sooriyaa waraana yommuu isarratti banan Baashaan Raamaa gadhiisee deeme.​—2 Sen. 16:1-5.

Yihowaan gocha Aasaatti waan hin gammanneef, Haanaanii raajicha ergee itti hime. Aasaan, loltoota Itoophiyaa wajjin haala wal qabateen Waaqayyo akkamitti akka isa gargaare waan argeef, Yihowaan ‘guutummaa biyya lafaa akka ilaaluufi warra garaasaanii guutuu isa amanatan akka gargaaru’ beekuu qaba ture. Aasaan gorsa gadhee fudhatee ykn Baashaafi humni waraanaasaa balaa guddaa akka hin geessisne, akkasumas ofumsaatiin moʼuu akka dandaʼu yaadee taʼuu dandaʼa. Kanas taʼe sana, Aasaan yaada namaarratti hundaaʼuudhaan Yihowaatti utuu hin amanamin hafeera. Kanaaf Haanaaniin, “Ati kana gowwummaadhaan hojjette; kanaaf gara fuula duraatti lolli garaa garaa sitti kaʼuuf jira” jedheen.​—2 Sen. 16:7-9.

Aasaan haala hin taaneen deebii kenne. Aariidhaan kakaʼee Haanaanii raajicha mana hidhaatti galche. (2 Sen. 16:10) Aasaan, ‘Waggaa hedduudhaaf amanamaa taʼee ergan turee gorsi naa kennamuu qabaa?’ jechuudhaan yaadee turee laata? Umriinsaa dabalaa ennaa deemetti hamma tokko dandeettii yaaduusaa dhabeeraa laata? Gama kanaan Macaafni Qulqulluun wanta dubbatu hin qabu.

Aasaan mootii taʼee waggaa 39⁠ffaasatti dhukkuba miillaa cimaa taʼeen qabame. Macaafni Qulqulluun, “Dhukkubni isaa baayʼee hamaa taʼee utuma jiruu, Waaqayyoon ‘Na gargaari’ jechuu dhiisee, warra qoricha beekan duwwaa biraa gargaarsa in barbaade” jedha. Yeroo sanatti Aasaan hariiroo Yihowaa wajjin qabu laaffisee taʼuu hin oolu. Haala kana keessa utuu jiruufi yaadasaa utuu hin jijjiirratin mootii taʼee waggaa 41⁠ffaasaatti kan duʼe taʼuu hin oolu.​—2 Sen. 16:12-14.

Taʼus, amalawwan gaariin Aasaan qabuufi hinaaffaa inni waaqeffannaa dhugaatiif argisiise dogoggora inni raawwate waan caalu fakkaata. Yihowaa tajaajiluusaa matumaa hin dhiisne. (1 Mot. 15:14) Gama kanaan seenaa waaʼee Aasaa dubbaturraa barumsa akkamii argachuu dandeenya? Yihowaan yeroowwan darbanitti akkamitti akka nu gargaare irratti yaaduun keenya qorumsi haaraan yeroo nu mudatu gargaarsasaa argachuuf akka isa kadhannu nu kakaasa. Haataʼu malee, waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilaa waan turreef gorsi Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼe akka nu hin barbaachisne goonee yaaduu hin qabnu. Kanaan dura waan gaarii hedduu kan hojjenne taʼus, booda dogoggora yoo raawwanne Yihowaan nu sirreessa. Sirreeffamni akka goonuuf nutti himamu faayidaa waan nuuf argamsiisuuf gad of deebisnee fudhachuu qabna. Hunda caalaammoo Abbaan keenya inni samii isaa wajjin taʼuu keenya hamma argisiisnetti innis nuu wajjin taʼa. Yihowaan namoota akka isaaf amanamoo taʼan argisiisan barbaaduuf guutummaa biyya lafaa ni ilaala. Humnasaa isaanii kennuudhaan isaan eebbisa. Yihowaan Aasaadhaaf kana kan godhe siʼa taʼu, nuufis akkasuma godha.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 9⁠rra jiru]

Yihowaan namoota amanamoo karaa hafuuraa qabsoo godhan ni eebbisa

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 10⁠rra jiru]

Yihowaa duratti wanta sirrii taʼe hojjechuun ija jabina gaafata

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi