Mootota Tokkoffaa
15 Yeroboʼaam+ Mootichi ilmi Nebaat mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti Abiyaam Yihudaa irratti mootii taʼe.+ 2 Inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa sadiif ni bulche. Maqaan haadha isaa Maʼaakaa+ yommuu taʼu, ishiin intala intala Abishaalom turte. 3 Inni cubbuu abbaan isaa isa dura raawwate hundumaa ni raawwate; garaan isaas akka garaa abbaa isaa Daawit Waaqa isaa Yihowaa biratti guutuu* hin turre. 4 Haa taʼu malee, Daawitiin+ kan kaʼe Waaqni isaa Yihowaan isa booda ilma isaa kaasuudhaan, akkasumas Yerusaalem jiraachuu ishii akka itti fuftu gochuudhaan Yerusaalem keessatti ibsaa* isaaf ni kenne.+ 5 Kun kan taʼe, Daawit wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe waan raawwateefi; inni Uuriyaa Heetichaa wajjin haala wal qabateen wanta raawwateen alatti, bara jireenyaa isaa guutuu wanta inni isa ajaje kam irraa iyyuu hin jalʼanne.+ 6 Bara jireenya isaa hundumaatti, Rooboʼaamii fi Yeroboʼaam gidduutti waraanni wal irraa hin cinne ni godhama ture.+
7 Seenaan Abiyaam inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii?+ Kana malees, Abiyaamii fi Yeroboʼaam gidduutti waraanni ni godhama ture.+ 8 Achiis Abiyaam abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanis Magaalaa Daawit keessatti isa awwaalan; ilmi isaa Aasaanis+ bakka isaa mootii taʼe.+
9 Yeroboʼaam mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa 20ffaa isaatti Aasaan Yihudaa irratti bulchuu jalqabe. 10 Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 41f ni bulche. Akkoon isaa Maʼaakaa+ kan jedhamtu yommuu taʼu, ishiin intala intala Abishaalom turte. 11 Aasaan akkuma abbaa isaa Daawit wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni raawwate.+ 12 Inni dhiirota mana qulqullummaa keessatti dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwatan biyyattii keessaa ni ariʼe;+ waaqolii tolfamoo balfamoo* taʼanii fi abbootiin isaa hojjetan hundas ni balleesse.+ 13 Akkoon isaa Maʼaakaan+ waaqeffannaa utubaa waaqeffannaatiif* akka taʼuuf waaqa tolfamaa isa balfamaa taʼe waan hojjetteef, aangoo mootuu taʼuudhaan qabdu irraa ishii ni buuse. Aasaan waaqa tolfamaa ishii isa balfamaa taʼe muree+ Sulula Qedroon+ keessatti gube. 14 Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan.+ Taʼus Aasaan umurii* isaa guutuu garaan isaa Yihowaa biratti guutuu* ture. 15 Wantoota innii fi abbaan isaa qulqulleessan, jechuunis meetii, warqii fi miʼawwan adda addaa gara mana Yihowaatti ni fide.+
16 Aasaa fi Baʼaashaa+ mootii Israaʼel gidduutti waraanni wal irraa hin cinne ni godhama ture. 17 Kanaafuu, Baʼaashaan mootiin Israaʼel Yihudaa waraanuuf dhufee eenyu iyyuu Aasaa mootii Yihudaa biraa akka gad hin baanee fi gara isaattis akka hin seenne* dhowwuuf Raamaa+ ijaaruu* jalqabe.+ 18 Yeroo kanatti Aasaan meetii fi warqii manneen qabeenyaa mana Yihowaa fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessatti hafe hunda fuudhee tajaajiltoota isaatti kenne. Achiis Aasaan Mootichi tajaajiltoota isaa kana gara Benhadaad ilma Taabrimoon, ilma Heziyoon isa mootii Sooriyaa+ taʼee fi Damaasqoo keessa jiraachaa turetti ni erge; akkana isaan jedhe: 19 “Anaa fi si gidduu, abbaa koo fi abbaa kee gidduus walii galteen* jira. Ani kennaa meetii fi kennaa warqii siif ergeera. Inni ana irraa akka deebiʼuuf, kottuutii walii galtee* Baʼaashaa mootii Israaʼelii wajjin goote diigi.” 20 Benhadaadis Aasaa Mooticha dhagaʼee magaalota Israaʼeliin akka waraananiif ajajjoota raayyawwan waraanaa isaa ni erge; isaanis Iyooniin,+ Daaniin,+ Abeel Beet Maʼaakaa, guutummaa Kinereetii fi guutummaa biyya Niftaalem ni rukutan. 21 Baʼaashaanis wanta kana yommuu dhagaʼu, yeruma sana Raamaa ijaaruu* dhiisee Tirzaa+ keessa jiraachuu isaa itti fufe. 22 Achiis Aasaa Mootichi nama tokko utuu hin hambisin namoota Yihudaa hunda walitti ni qabe; isaanis dhagootaa fi saanqaawwan Raamaa isa Baʼaashaan ittiin ijaaraa ture sana fudhatanii deeman; Aasaa Mootichis wantoota kanatti fayyadamee Geebaa+ ishii Biiniyaam keessa jirtuu fi Misphaa+ ni ijaare.*
23 Seenaan Aasaa inni hafe hundi, jabinni isaa hundii fi wanti inni godhe hundi, magaalonni inni ijaares* kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? Bara dulluma isaatti garuu Aasaan dhukkuba miilaatiin baayʼee rakkata ture.+ 24 Achiis Aasaan abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanii wajjinis Magaalaa abbaa isaa Daawit keessatti ni awwaalame; ilmi isaa Yoshaafaaxis+ bakka isaa mootii taʼe.
25 Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti Naadaab+ ilmi Yeroboʼaam Israaʼel irratti mootii taʼe; inni Israaʼel irratti waggaa lamaaf ni bulche. 26 Wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaas itti fufe; akkasumas daandii abbaan isaa irra deemee+ fi cubbuu abbaan isaa Israaʼelonni akka hojjetan godhe irra ni deddeebiʼe.+ 27 Baʼaashaan ilmi Ahiyaa inni mana Yisaakor keessaa taʼe isa irratti ni mariʼate; Naadaabii fi guutummaan Israaʼel Gibetoonitti+ marsanii utuu jiraniis Baʼaashaan Gibetoon ishii magaalaa Filisxeemotaa taate keessatti isa ni ajjeese. 28 Kanaafuu, Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Baʼaashaan Naadaabiin ajjeesee bakka isaa mootii taʼe. 29 Innis akkuma mootii taʼeen maatii Yeroboʼaam hundumaa ni ajjeese. Wanta kan Yeroboʼaam taʼe keessaas hafuura kan baafatu tokko illee hin hambisne; inni akkuma Yihowaan karaa tajaajilaa isaa Ahiyaa Shiiloonichaa dubbatetti akka isaan guutummaatti balleeffaman ni godhe.+ 30 Kunis kan taʼe, cubbuu Yeroboʼaam hojjetee fi Israaʼelonni akka hojjetan godheen, akkasumas inni Yihowaa Waaqa Israaʼeliin akka malee dheekkamsiisuu isaatiin kan kaʼe dha. 31 Seenaan Naadaab inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 32 Aasaa fi Baʼaashaa mootii Israaʼel gidduutti waraanni wal irraa hin cinne ni godhama ture.+
33 Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Baʼaashaan ilmi Ahiyaa Tirzaa keessa taaʼee guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 24fis ni bulche.+ 34 Haa taʼu malee, inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaa itti fufe;+ akkasumas daandii Yeroboʼaam irra deemee fi cubbuu inni Israaʼelonni akka hojjetan godhe irra ni deddeebiʼe.+