-
2 Mootota 18:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Iddoowwan ol kaʼoo kan balleesse,+ siidaawwan waaqeffannaa kan caccabsee fi utubaa waaqeffannaa* kan mummure isa ture.+ Inni bofa sibiila diimaa isa Museen hojjete sanas ni caccabse;+ sababiin isaas, namoonni Israaʼel hamma yeroo sanaatti bofichaaf aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan; innis waaqa tolfamaa bofa sibiila diimaa* jedhama ture.
-
-
2 Seenaa Baraa 34:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Kana malees, isaan bakka inni jirutti iddoowwan aarsaa Baʼaal ni diigan; innis miʼawwan ixaana itti aarsan warra isaan irra turan ni caccabse. Utubaawwan waaqeffannaa,* fakkiiwwan bocamanii fi siidaawwan sibiilaa* sanas caccabsee bulleessuudhaan awwaala warra isaaniif aarsaa dhiheessaa turanii irratti facaase.+
-