-
Keessa Deebii 12:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Iddoowwan saboonni isin biyya isaanii keessaa ariitan sun waaqolii isaanii itti tajaajilaa turan, jechuunis iddoowwan gaarota ol kaʼoo irra yookiin tabbawwan irra yookiin mukeetii lalisoo jala jiran hundumaa guutummaatti balleessaa.+ 3 Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa;+ utubaawwan waaqeffannaa* isaanii ibiddaan gubaa; fakkiiwwan waaqolii isaanii warra bocaman mummuraa;+ maqaa isaaniis guutummaatti iddoo sanaa balleessaa.+
-