LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 14:2-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Aasaan wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti gaarii fi sirrii taʼe ni raawwate. 3 Iddoowwan aarsaa waaqolii biyya ormaa fi iddoowwan ol kaʼoo ni balleesse;+ siidaawwan waaqeffannaa ni caccabse;+ utubaawwan waaqeffannaas* ni mummure.+ 4 Kana malees, namoonni Yihudaa Waaqa abbootii isaanii kan taʼe Yihowaa akka barbaaddatan, akkasumas Seerichaa fi ajaja isaa akka eegan isaanitti hime. 5 Kanaafuu, iddoowwan ol kaʼoo fi iddoowwan aarsaa ixaanaa magaalota Yihudaa hundumaa keessaa ni balleesse;+ mootummichis bulchiinsa isaa jalatti tasgabbii ni argate.

  • 2 Seenaa Baraa 14:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yeroo kanatti Aasaan akkana jedhee gara Waaqa isaa Yihowaatti iyye:+ “Yaa Yihowaa, warri ati gargaartu hedduu yoo taʼan yookiin humna kan hin qabne yoo taʼan siif jijjiirama hin qabu.+ Yaa Waaqa keenya Yihowaa, nuti sitti waan amanamneef,*+ maqaa keetiinis namoota hedduu kana waraanuuf waan baaneef+ ati nu gargaari. Yaa Yihowaa, ati Waaqa keenya. Namni duʼu si hin moʼin.”+

  • 2 Seenaa Baraa 15:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon Israaʼel keessaa+ hin balleeffamne turan.+ Taʼus Aasaan guutummaa umurii* isaatti garaan isaa guutuu* ture.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi