-
1 Mootota 14:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Yihudaan wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni hojjete;+ cubbuu hojjetaniinis isa abbootiin isaanii godhan caalaa isa ni dheekkamsiisan.+ 23 Isaanis tabbawwan dhedheeroo hunda irrattii fi muka lalisaa+ hunda jalatti iddoowwan ol kaʼoo,+ siidaawwan waaqeffannaa fi utubaawwan waaqeffannaa*+ ofii isaaniitiif ni hojjetan.
-
-
2 Mootota 18:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Iddoowwan ol kaʼoo kan balleesse,+ siidaawwan waaqeffannaa kan caccabsee fi utubaa waaqeffannaa* kan mummure isa ture.+ Inni bofa sibiila diimaa isa Museen hojjete sanas ni caccabse;+ sababiin isaas, namoonni Israaʼel hamma yeroo sanaatti bofichaaf aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan; innis waaqa tolfamaa bofa sibiila diimaa* jedhama ture.
-