LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 12:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Iddoowwan saboonni isin biyya isaanii keessaa ariitan sun waaqolii isaanii itti tajaajilaa turan, jechuunis iddoowwan gaarota ol kaʼoo irra yookiin tabbawwan irra yookiin mukeetii lalisoo jala jiran hundumaa guutummaatti balleessaa.+ 3 Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa;+ utubaawwan waaqeffannaa* isaanii ibiddaan gubaa; fakkiiwwan waaqolii isaanii warra bocaman mummuraa;+ maqaa isaaniis guutummaatti iddoo sanaa balleessaa.+

  • Isaayyaas 57:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Isin warra mukeetii guguddaa gidduutti,

      Muka lalisaa hundumaa jalattis kajeellaadhaan gubattan,+

      Warra sulula* keessatti,

      Baqaqaa kattaa keessattis ijoollee gorraatan mitii?+

  • Ermiyaas 2:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 ‘Bara dheeraa dura waanjoo* kee nan caccabse,+

      Funcaawwan kees nan kukkute.

      Ati garuu, “Ani hin tajaajilu” jetteetta,

      Dhuguma iyyuu ati tabba ol kaʼaa hundumaa irrattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti+

      Dugda keetiin ciistee sagaagalummaa raawwatteetta.+

  • Hoseʼaa 4:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Isaan fiixee gaarotaa irratti aarsaa dhiheessu,+

      Tabbawwan irratti aarsaawwan aarsu,

      Gaaddisni isaanii gaarii waan taʼeef,

      Mukeetii qilxuu fi mukeetii libnaa,* akkasumas mukeetii guguddaa hundumaa jalatti+ akkana godhu.

      Ijoolleen durbaa keessan sagaagalummaa* kan raawwatan,

      Haadhotiin manaa ilmaan keessaniis ejja kan raawwatan kanaafi.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi