-
Hisqiʼel 16:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 “‘Haa taʼu malee, ati bareedina keetti amanamuu jalqabde;+ beekamtuu taʼuu keetiin kan kaʼes sagaagaltuu taate.+ Nama achiin darbu hundumaa wajjin sagaagalummaa kee ni baayʼiste;+ isaanittis of kennite. 16 Uffata kee keessaa muraasa isaa fudhattee iddoowwan ol kaʼoo bakka sagaagalummaa itti raawwattu sana halluu garaa garaatiin miidhagsite;+ wantoonni akkasii raawwatamuu hin qaban; matumaas taʼuu hin qaban.
-