LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 11:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Solomoonis waaqayyittii Siidoonotaa kan taate Ashtooretii+ fi waaqa balfamaa Amoonotaa kan taʼe Milkoom+ duukaa ni buʼe.

  • 1 Mootota 11:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Solomoon waaqa balfamaa Moʼaab kan taʼe Kemooshii fi waaqa balfamaa Amoonotaa+ kan taʼe Moleekiif+ gaara Yerusaalem fuuldura jiru irratti iddoo ol kaʼaa+ kan ijaare yeroo kanatti ture.

  • Faarfannaa 106:35, 36
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 35 Kanaa mannaa, saboota sanatti makamanii+

      Daandiiwwan isaanii hordofan.*+

      36 Waaqolii tolfamoo isaanii tajaajiluu isaanii itti fufan,+

      Waaqoliin kunis kiyyoo isaanitti taʼan.+

  • Isaayyaas 57:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Ati gaara dheeraa fi ol kaʼaa taʼe irratti siree kee ni afatte,+

      Aarsaa dhiheessuufis achitti ol ni baate.+

       8 Balbalaa fi maqaanii duuba siidaa yaadannoo kee ni dhaabde.

      Na dhiiste, uffata kees of irraa baaste;

      Ol ni baate, siree kees ni balʼifatte.

      Isaanii wajjinis kakuu galte.

      Isaanii wajjin siree isaanii irra ciisuu jaallatte,+

      Qaama saalaa dhiiraas xiyyeeffannaadhaan ilaalte.*

  • Ermiyaas 2:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 ‘Bara dheeraa dura waanjoo* kee nan caccabse,+

      Funcaawwan kees nan kukkute.

      Ati garuu, “Ani hin tajaajilu” jetteetta,

      Dhuguma iyyuu ati tabba ol kaʼaa hundumaa irrattii fi muka lalisaa hundumaa jalatti+

      Dugda keetiin ciistee sagaagalummaa raawwatteetta.+

  • Yaaqoob 4:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Ejjitoota* nana, addunyaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii? Kanaafuu, namni michuu addunyaa taʼuu barbaadu kam iyyuu diina Waaqayyoo of godha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi