43 Innis daandii abbaa isaa Aasaa+ hundumaa irra deemuu isaa itti fufe. Isa irraas hin jalʼanne; wanta Yihowaa duratti sirrii taʼes ni raawwate.+ Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan; namoonnis amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+