-
Keessa Deebii 23:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 “Ijoollee durbaa Israaʼelotaa keessaa ishiin tam iyyuu sagaagaltuu mana qulqullummaa hin taʼin;+ ijoollee dhiiraa Israaʼelotaa keessaas kam iyyuu sagaagaltuu mana qulqullummaa hin taʼin.+ 18 Gatii dubartii sagaagaltuu taateef kaffalamu yookiin gatii* dhiira sagaagaltuu* taʼeef kaffalamu wareega raawwachuuf gara mana Waaqa kee Yihowaatti hin fidin; sababiin isaas, lamaan isaanii iyyuu Waaqa kee Yihowaa duratti jibbisiisoo dha.
-
-
1 Mootota 14:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Kana malees, biyyattii keessa dhiironni mana qulqullummaa keessatti dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwatan jiru turan.+ Isaan wantoota jibbisiisoo saboonni Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan hunda ni raawwatan.
-
-
1 Mootota 22:45, 46Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
45 Seenaan Yoshaafaax inni hafe, hojiiwwan guguddaan inni hojjetee fi akkamitti waraana irratti akka bobbaʼe, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 46 Kana malees, inni dhiirota mana qulqullummaa keessatti dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwatan,+ warra bara abbaa isaa Aasaatti+ utuu hin balleeffamin hafan biyyattii keessaa ni balleesse.
-