11 Aasaan akkuma abbaa isaa Daawit wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni raawwate.+ 12 Inni dhiirota mana qulqullummaa keessatti dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwatan biyyattii keessaa ni ariʼe;+ waaqolii tolfamoo balfamoo taʼanii fi abbootiin isaa hojjetan hundas ni balleesse.+