-
Faarfannaa 89:33-37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Taʼus, jaalala amanamaa ani isaaf qabu matumaa hin dhiisu,+
Waadaa koos utuun hin raawwatin hin dhiisu.*
35 Siʼa tokkicha yeroo hundumaatiif, qulqullummaa kootiin kakadheera;
Daawititti soba hin dubbadhu.+
36 Sanyiin isaa bara baraaf jabaatee dhaabbata;+
Teessoon isaas akkuma aduu na duratti jabaatee dhaabbata.+
37 Akkuma addeessa ishii samii keessatti ragaa baatuu amanamtuu taate sanaatti,
Teessoon isaas bara baraaf jabaatee dhaabbata.” (Seelaa)
-
-
Ermiyaas 33:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 “Yihowaan akkana jedha: ‘Guyyaanii fi halkan yeroo isaaniitti akka hin dhufne dhowwuuf kakuu koo isan guyyaa ilaalchisee galee fi kakuu koo isan halkan ilaalchisee gale cabsuu yoo dandeessan,+ 21 yeroo sanatti kakuun koo inni ani tajaajilaa koo Daawitii wajjin gale cabuu dandaʼa;+ innis ilma teessoo isaa irra taaʼee mootii taʼee bulchu hin qabaatu;+ kakuun koo inni ani tajaajiltoota koo luboota warra Leewwota+ taʼanii wajjin gales cabuu dandaʼa.
-