-
1 Mootota 8:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Yihowaan waadaa gale raawwateera; akkuma Yihowaan waadaa galetti ani bakka abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeera. Kana malees, ani mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaareera;+
-
-
1 Seenaa Baraa 17:11-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 “‘“Barri jireenyaa kee dhumee abbootii kee wajjin taʼuuf yommuu deemtu, sanyii kee isa si booda dhufu, jechuunis ilmaan kee keessaa isa tokko nan kaasa;+ mootummaa isaas jabeessee nan dhaaba.+ 12 Mana kan naaf ijaaru isa dha;+ anis teessoo isaa bara baraaf jabeessee nan dhaaba.+ 13 Ani abbaa isaa nan taʼa, innis ilma koo ni taʼa.+ Ani akkuman jaalala koo isa amanamaa isa si dura ture sana irraa fuudhetti,+ jaalala koo isa amanamaa isa irraa hin fuudhu.+ 14 Inni mana koo fi mootummaa koo keessatti bara baraaf akka jiraatu nan godha;+ teessoon isaas bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.”’”+
-
-
Faarfannaa 132:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yihowaan Daawitiif kakateera;
Inni matumaa isa akkana jedhee dubbate raawwachuu irraa duubatti hin jedhu:
-
-
Maatewos 22:42Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
42 “Waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” Isaanis, “Ilma Daawiti”+ isaan jedhan.
-