LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 49:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Hamma Shiiloon* dhufutti,+ uleen mootii Yihudaa+ keessaa, uleen ajajaas miila isaa gidduudhaa hin baʼu; saboonnis isaaf ni ajajamu.+

  • 1 Mootota 8:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Yihowaan waadaa gale raawwateera; akkuma Yihowaan waadaa galetti ani bakka abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeera. Kana malees, ani mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaareera;+

  • 1 Seenaa Baraa 17:11-14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 “‘“Barri jireenyaa kee dhumee abbootii kee wajjin taʼuuf yommuu deemtu, sanyii kee isa si booda dhufu, jechuunis ilmaan kee keessaa isa tokko nan kaasa;+ mootummaa isaas jabeessee nan dhaaba.+ 12 Mana kan naaf ijaaru isa dha;+ anis teessoo isaa bara baraaf jabeessee nan dhaaba.+ 13 Ani abbaa isaa nan taʼa, innis ilma koo ni taʼa.+ Ani akkuman jaalala koo isa amanamaa isa si dura ture sana irraa fuudhetti,+ jaalala koo isa amanamaa isa irraa hin fuudhu.+ 14 Inni mana koo fi mootummaa koo keessatti bara baraaf akka jiraatu nan godha;+ teessoon isaas bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.”’”+

  • Faarfannaa 132:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yihowaan Daawitiif kakateera;

      Inni matumaa isa akkana jedhee dubbate raawwachuu irraa duubatti hin jedhu:

      “Ani sanyii* kee keessaa isa tokko

      Teessoo kee irra nan kaaʼa.+

  • Isaayyaas 9:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Teessoo Daawitii+ fi mootummaa isaa irratti,

      Badhaadhinni bulchiinsa* isaa,

      Nagaan isaas dhuma hin qabaatu;+

      Ammaa jalqabee bara baraaf,

      Haqaa+ fi qajeelummaadhaan+

      Cimee ni dhaabbata,+ ni jiraatas.

      Hinaaffaan Yihowaa Gooftaa Raayyaa kana ni godha.

  • Isaayyaas 11:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Latiin+ gufuu Issey+ keessaa ni baʼa,

      Wanti hidda+ isaa irraa biqilus firii ni godhata.

  • Maatewos 21:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Kana malees, namoonni isa duraa fi isa duuba deeman hedduun, “Ilma Daawit+ akka oolchitu si kadhanna! Inni maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha!+ Yaa isa samii irra jirtuu, akka isa oolchitu si kadhanna!”+ jedhanii iyyu turan.

  • Maatewos 22:42
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 “Waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” Isaanis, “Ilma Daawiti”+ isaan jedhan.

  • Luqaas 1:32, 33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Inni guddaa ni taʼa;+ Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama;+ Yihowaanis* teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna;+ 33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha; Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.”+

  • Yohaannis 7:42
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 Kitaabonni Qulqulluun Kiristoos sanyii Daawit+ keessaa, akkasumas Beetaliheem+ ganda Daawitii+ akka dhufu dubbatu mitii?”

  • Hojii Ergamootaa 2:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Inni raajii waan turee fi Waaqayyo sanyii* isaa keessaa isa tokko teessoo isaa irra akka kaaʼu kakaadhaan waadaa akka isaaf gale waan beekeef,+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi