-
1 Mootota 8:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Ammas yaa Yihowaa Waaqa Israaʼel, waadaa, ‘Akkuma ati na dura deemte, ilmaan kee na dura deemuudhaan daandii isaaniitiif xiyyeeffannaa yoo kennan, sanyii kee keessaa namni teessoo Israaʼel irra taaʼu matumaa na duraa hin dhabamu’ jettee tajaajilaa kee abbaa koo Daawitiif galte sana eegi.+
-
-
Ermiyaas 33:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 “Yihowaan akkana jedha: ‘Guyyaanii fi halkan yeroo isaaniitti akka hin dhufne dhowwuuf kakuu koo isan guyyaa ilaalchisee galee fi kakuu koo isan halkan ilaalchisee gale cabsuu yoo dandeessan,+ 21 yeroo sanatti kakuun koo inni ani tajaajilaa koo Daawitii wajjin gale cabuu dandaʼa;+ innis ilma teessoo isaa irra taaʼee mootii taʼee bulchu hin qabaatu;+ kakuun koo inni ani tajaajiltoota koo luboota warra Leewwota+ taʼanii wajjin gales cabuu dandaʼa.
-
-
Hojii Ergamootaa 13:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Erga isa aangoo irraa buusee booda immoo, Daawitiin mootii godhee isaaniif kaase;+ waaʼee isaas, ‘Ani Daawit ilma Issey+ isa nama akka garaa koo taʼe+ argadheera; inni wantan barbaadu hunda ni hojjeta’ jedhee dhugaa baʼeera. 23 Akkuma waadaa galettis Waaqayyo sanyii namicha kanaa keessaa fayyisaa tokko, jechuunis Yesuusiin+ Israaʼeliif fideera.
-