-
Ermiyaas 31:35-37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Yihowaan inni
Guyyaa ifa akka kennituuf aduu tolche,
Halkan ifa akka kennaniifis seerawwan* addeessaa fi urjiilee qopheesse,
Inni galaana sochoosee dambaliiwwan isaa warraaqsu,
Inni maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe akkana jedha:+
36 “‘Sanyiin Israaʼel yeroo hundumaatiif na duratti saba taʼuun isaa kan hafu,
Dambiiwwan kun yoo diigaman qofa dha’ jedha Yihowaan.”+
37 Yihowaan akkana jedha: “‘Wanta isaan raawwatan hundumaatiif sanyii Israaʼel hundumaa kanan gatu, samiiwwan ol gubbaatti argaman safaruun, hundeewwan lafaa warra gaditti argaman biras gaʼuun yoo dandaʼame qofa dha’ jedha Yihowaan.”+
-