LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 7:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Manni kee fi mootummaan kee si duratti bara baraaf jabaatee ni jiraata; teessoon kees bara baraaf jabaatee ni dhaabbata.”’”+

      17 Naataan jechoota kana hundumaa fi guutummaa mulʼata kanaa Daawititti ni hime.+

  • Faarfannaa 72:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Maqaan isaa bara baraaf haa jiraatu,+

      Hamma aduun jirtuttis haa dagaagu.

      Namoonni karaa isaa ofii isaaniitiif eebba haa argatan;+

      Saboonni hundis inni gammadaa taʼuu isaa haa labsan.

  • Isaayyaas 11:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Latiin+ gufuu Issey+ keessaa ni baʼa,

      Wanti hidda+ isaa irraa biqilus firii ni godhata.

  • Ermiyaas 23:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, guyyaan ani Daawitiif latii* qajeelaa itti kaasu ni dhufa.+ Mootiin ni bulcha;+ inni hubannaa ni argisiisa; biyyattii keessattis haqaa fi qajeelummaa ni raawwachiisa.+

  • Yohaannis 12:34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Achiis namoonni sun deebisanii, “Nuti Kiristoos bara baraaf akka jiraatu Seericha irraa dhageenyeerra.+ Maarree ati akkamitti Ilmi namaa ol kaafamuu qaba jetta?+ Ilmi namaa kun eenyu?” isaan jedhan.

  • Mulʼata 22:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 “‘Ani Yesuus faayidaa gumiiwwaniitiif jedhee waaʼee wantoota kanaa isiniif dhugaa baʼuuf maleekaa koo ergeera. Ani hiddaa fi sanyii Daawiti;+ akkasumas bakkalcha+ ifa guddaa qabu dha.’”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi