LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 23:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Yihowaan akkana jedha: “Kunoo, guyyaan ani Daawitiif latii* qajeelaa itti kaasu ni dhufa.+ Mootiin ni bulcha;+ inni hubannaa ni argisiisa; biyyattii keessattis haqaa fi qajeelummaa ni raawwachiisa.+

  • Ermiyaas 33:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Bara sanattii fi yeroo sanatti latii* qajeelaan tokko Daawitiif akka latu nan godha;+ innis biyyattii keessatti haqaa fi qajeelummaa ni fida.+

  • Zakkaariyaas 3:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 “‘Yaa Iyyaasuu Luba Ol Aanaa, maaloo dhagaʼi, michoonni kee warri si dura taaʼanis haa dhagaʼan; sababiin isaas, namoonni kun akka mallattootti tajaajilu; kunoo, ani Latii+ isa tajaajilaa koo taʼe nan fida!+

  • Zakkaariyaas 6:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Akkana isaan jedhi:

      “‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Namichi maqaan isaa Latii jedhamu isa kana.+ Inni iddoo isaatii ni lata; mana qulqullummaa Yihowaas ni ijaara.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi