-
1 Mootota 14:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Kanaa mannaa, wanta warri si dura turan hundi raawwatan irra hammaatu ni raawwatte; na dheekkamsiisuufis waaqa kan biraa fi fakkiiwwan sibiila irraa tolfaman* ofii keetiif ni tolfatte;+ dugda kees natti garagalchite.+ 10 Sababii kanaatiif, ani mana Yeroboʼaam irratti badiisa nan fida; Israaʼel keessaa warra gargaarsa hin qabnee fi warra dadhaboo dabalatee dhiira* kan Yeroboʼaam taʼe hunda nan balleessa;* akkuma namni tokko faandoo haxaaʼee balleessuttis mana Yeroboʼaam+ haxaaʼee nan balleessa!
-