LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w17 Waxabajjii ful. 3
  • Ni Yaadattaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ni Yaadattaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ni Yaadattaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Ni Yaadattaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Ni Yaadattaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Ni Yaadattaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
w17 Waxabajjii ful. 3

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuuf yaali:

Obboloonni, kanneen akka daawwattoota ol aanaa aanaa fi jaarsoliin gumii jaarmiyaa Waaqayyoo irraa qajeelfamni yommuu isaaniif kennamu ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?

Ajajamuuf dafanii tarkaanfii fudhachuu qabu. Akkana jedhanii of gaafachuu dandaʼu: ‘Obboloonni kaan karaa hafuuraa akka ciman gumaacha gochaan jiraa? Qajeelfama kennamu fudhachuu fi deggeruuf dafee tarkaanfii nan fudhadhaa?’—w16.11, ful. 11.

Kiristiyaanonni dhugaan boojuu Baabilon jala kan galan yoom ture?

Ergamoonni Yesuus duʼanii yeroo muraasa booda dha. Yeroo sanatti, gareen qeesotaa hundeeffamuu jalqabe. Waldaa fi Mootummaan, Kiristiyaanummaan gantummaa irratti hundaaʼe akka babalʼatu godheera; sagaleen Kiristiyaanota qamadiitti fakkeeffamaniis akka liqimfamu gochuuf yaalanii turan. Taʼus, waggoota kurnan bara 1914⁠tti geessanitti dibamtoonni bilisa baʼuu jalqabanii turan.—w16.11, ful. 23-25.

Hojiin Lefeevir Detaappil iddoo guddaa qaba ture kan jennu maaliifi?

Lefeevir bara 1520mmanitti qooqa namoonni hedduun dubbataniin akka argamu gochuuf, Kitaaba Qulqulluu gara Afaan Faransaayitti hiikeera. Ibsi inni ergaa Kitaaba Qulqulluu irratti kenne, Maartiin Luutar, Wiiliyaam Tiindalii fi Joon Kalviin irratti dhiibbaa gaarii irratti geessiseera.—wp16.6, ful. 10-12.

“Yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuu” fi “yaadni ofii hafuura irratti akka xiyyeeffatu gochuun” garaa garummaa maalii qaba? (Rom. 8:6)

Namni jalqaba irratti caqasame, wanti inni jaallatu, yeroo baayʼee dubbatu, akkasumas wanti inni irratti hirmaatuu fi iddoo guddaa kennuuf wantoota foonii ti. Namni inni lammaffaa irratti caqasame immoo, jireenyi isaa wantoota Waaqayyoo fi yaada isaa wajjin wal qabatan irratti xiyyeeffata; Kiristiyaana akkasii kan toʼatu hafuura qulqulluu dha. Inni duraa gara duʼaatti geessa, inni boodaa garuu jireenyaa fi nagaa argamsiisa.—w16.12, ful. 15-17.

Karaa yaaddoo hirʼisuun itti dandaʼamu tokko tokko kamfaʼi?

Wantoota dursi kennamuufii qabu murteessuu, wanta humnaa ol taʼe of irraa eeguu dhiisuu, guyyaa hunda bakka sagaleen nama jeequ hin jirretti boqochuu, wantoota Waaqayyo uume irratti xiinxaluu, gammachuu qabaachuuf yaaluu, yeroo hunda sochii qaamaa gochuu fi hirriba gaʼaa rafuu.—w16.12, ful. 22-23.

“Heenok duʼa akka hin argineef iddoo kan biraatti fudhatame.” (Ibr. 11:5) Akkamitti?

Waaqayyo, Henok duʼuuf akka jedhu utuu hin beekin, jireenya irraa gara duʼaatti akka fudhatamu waan godhe fakkaata.—wp17.1, ful. 12-13.

Gad of deebisuun amma illee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Gad of deebisuun humnaa fi hanqina keenya beekuu dabalata. Amalli keenya warra kaan irratti jijjiirama akka fiduu fi ofii keenyaaf ilaalcha daangaa isaa darbe qabaachuu akka hin qabne beekuu qabna.—w17.01, ful. 18.

Waaqayyo Qaama Ol Aanaa yeroo ammaatti jiru akkuma geggeessaa jiru, qaama ol aanaa jaarraa jalqabaatti ture geggeessaa akka ture ragaan ibsu maali dha?

Gargaarsa hafuura qulqulluutiin, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu hubachuu dandaʼaniiru. Gargaarsa maleekotaatiin hojii lallabaa geggeessaa, akkasumas Dubbii Waaqayyoo irratti hundaaʼanii qajeelfama kennaa turaniiru. Wantoonni kun yeroo harʼaattis haaluma kanaan hojjetu.—w17.02, ful. 26-28.

Wantonni furichi gatii guddaa akka qabutti akka ilaallu nu taasisan maal faʼi?

Wantoonni afur jiru: Qaama kenne, sababii itti kenname, wanta aarsaa taʼee fi wanta inni raawwate. Wantoonni kun maalfaa akka dabalatan irratti xiinxaluu qabna.—wp17.2, ful. 4-5.

Kiristiyaanni tokko wanta tokko erga murteessee booda, yaada isaa jijjiiruu ni dandaʼaa?

Waadaa galle eeguu qabna. Taʼus, al tokko tokko murtoon godhame tokko irra deebiʼanii ilaaluu barbaada. Namoonni gocha isaaniitti erga gaabbanii booda, Waaqayyo murtoo Nanawwee irratti dabarsee ture jijjiireera. Darbee darbee, haalli ykn odeeffannoon haaraan murtoo goone irra deebinee akka ilaallu nu taasisa taʼa.—w17.03, ful. 16-17.

Hamiin balaa guddaa qaba kan jennu maaliifi?

Rakkoo toʼannaatii ala taʼe geessisuudhaan, rakkinicha itti caalchisuu dandaʼa. Sirriis taane dogoggora, hamiin matumaa rakkina sanaaf furmaata hin argamsiisu.—w17.04, ful. 21.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi