KUUSAA KEENYA KEESSAA
“Walgaʼii Itti Aanu Yoom Godhanna Laata?”
YEROON isaa dhuma jiʼa Sadaasaa bara 1932 magaalaa Meeksikootti ture. Torbee tokko dura magaalaa jiraattota miliyoona tokkoo ol taʼan qabduu fi uummanni itti baayʼatu kanatti ibsaan tiraafiikii elektiriikiidhaan hojjetu yeroo jalqabaatiif hojii irra oole. Amma garuu, wanta xiyyeeffannaa namootaa harkise kan biraatu jira. Gaazexeessitoonni magaalattii wanta torbee kanatti raawwatamu tokkoof qoqophaaʼaa jiru. Kaameeraa isaanii qopheeffatanii keessummaa addaa, jechuunis pireezidaantii Waach Taawor Soosaayitii yeroo sanaa Joseef Raazarfordiin buufata baaburaatti eegaa jiru. Dhugaa Baatonni achi jiraatanis obboleessa Raazarfordi isa walgaʼii biyyoolessaa guyyaa sadiif gaggeeffamu irratti argamuudhaaf dhufaa jiru miira hoʼaadhaan simachuuf achitti argamaniiru.
Barruun Za Gooldan Eej, carraaqqii Meeksikoo keessatti dhugaa babalʼisuuf godhamuu wajjin haala walqabateen “Walgaʼiin guddaan kun seenaa keessatti qophii iddoo guddaa qabu taʼa” jedhee gabaasee ture. Haa taʼu malee, walgaʼii namoonni 150 qofti irratti argaman kana seena qabeessa kan taasise maali dha?
Walgaʼii sana dura Meeksikoo keessatti namoonni ergaa Mootummichaa fudhatan muraasa turan. Bara 1919 irraa eegalee walgaʼiiwwan xixiqqoon gaggeeffamaa kan turan taʼus, waggoota itti aananitti lakkoofsi gumiiwwanii yeroodhaa gara yerootti gadi buʼaa dhufeera. Bara 1929tti waajjirri damee magaalaa Meeksikootti banamuun isaa garuu abdiin akka jiru argisiisa. Taʼus, wantoonni gufuu taʼan hedduun jiru turan. Fakkeenyaaf, kolportarri tokko hojii daldalaa fi hojii lallabaa wal makuu akka dhiisu yeroo isatti himamu waan aareef, kolportarii taʼee tajaajiluu isaa dhiisee garee qorannoo Kitaaba Qulqulluu mataa isaa hundeeffate. Battaluma sanatti obboleessi ilaaltuu ol aanaa waajjira damee taʼe tokko immoo, gocha Kitaabni Qulqulluun dhorku waan raawwateef bakka buufame. Kanaaf, Dhugaa Baatonni amanamoon Meeksikootti argaman jajjabinni isaan barbaachisa ture.
Obboleessi keenya Raazarfordi yeroo obboloota amanamoo taʼan kana daawwatetti, haasaawwan hojiidhaaf isaan kakaasan lama kan isaaniif dhiheesse siʼa taʼu, raadiyoodhaanis haasaawwan shan isaaniif dhiheesseera. Dhaabbileen raadiyoo Meeksikoo, yeroo jalqabaatiif misiraachicha guutummaa biyyattii keessatti tamsaasaniiru. Walgaʼicha booda, ilaaltuu ol aanaan haaraa muudame sun hojicha kan qindeesse siʼa taʼu, Dhugaa Baatonni hinaaffaa qabanis humna haaraa fi eebba Yihowaatiin gara fuulduraatti adeemuu jalqaban.
Walgaʼii guddaa bara 1941tti magaalaa Meeksikootti gaggeeffame
Waggaa itti aanutti walgaʼiiwwan guguddaan gaggeeffamaniiru; walgaʼiin inni tokko magaalaa Veeraakiruuz ishii buufata doonii taatetti kan godhame siʼa taʼu, inni kan biraan immoo magaalaa Meeksikootti gaggeeffameera. Tajaajilli dirree ciminaan hojjetamuudhaan buʼaa gaarii argamsiisuu jalqabe. Bara 1931tti babalʼistoota 82 qofatu ture. Waggaa kudhan booda garuu, dachaa kudhanii ol dabaleera. Bara 1941tti walgaʼii tiʼookraasii irratti argamuuf namoonni 1000 gara magaalaa Meeksikoo dhufanii turan.
“DAANDIIWWAN WEERARAMUU ISAANII”
Bara 1943tti Dhugaa Baatonni walgaʼii guddaa mata dureen isaa “Saba Walaba Baʼe” jedhamuu fi magaalota Meeksikoo 12 keessatti gaggeeffame beeksisuuf, dugdaa fi qoma isaanii irratti beeksisa rarraaffatanii baʼanii turan.a Waraqaan beeksisni irratti barreeffame lama gatiitti irratti kan rarraafamu yommuu taʼu, tokko fuula duraan inni kaan immoo karaa duubaatiin rarraafama. Dhugaa Baatonni bara 1936 irraa eegalee mala kanatti fayyadamaa turaniiru.
Cittuu barruu bara 1944, obboloonni magaalaa Meksiikootti dugdaa fi qoma isaanii irratti beeksisa rarraafatanii hiriira baʼuu isaanii argisiisu
Barruun Laa Naashiyoon jedhamu milkaaʼina Dhugaa Baatonni beeksisa dugdaa fi qoma isaanii irratti rarraafatanii hiriira baʼuu isaaniitiin argatan sana ilaalchisee akkana jedheera: “Guyyaa walgaʼii isa jalqabaa irratti, Dhugaa Baatonni namoota biroo walgaʼii irratti akka affeeran gaafatamanii turan. Guyyaa itti aanutti, bakki walgaʼii sun gaʼuu hin dandeenye. Haa taʼu malee, buʼaan hiriirri kun argamsiise, Waldaa Kaatolikii hin gammachiisne; kunis Dhugaa Baatota irratti duula mormii akka labsan isaan godhe. Mormiin jiraatus, obboloonnii fi obboleettonni ija jabeeyyiin gara daandiitti baʼuu itti fufaniiru. Laa Naashiyoon itti fufuudhaan, ‘Namoonni magaalattii hundi isaan ilaalaa turan; dhiironnis taʼan dubartoonni beeksisa sana irratti guutummaatti hirmaataniiru’ jedheera. Mata dureen kun jala isaatti “Daandiiwwan Weeraramuu Isaanii” jedhee barreessuudhaan, suuraa obboloota daandii Meeksikoo irratti baʼanii qabatee baʼeera.
‘SIREEN KUN LAFA SIMMINTOO CAALAA MIJATAA FI HOʼAA DHA’
Bara sanatti, Dhugaa Baatonni hedduun walgaʼiiwwan guguddaa Meeksikoo keessatti gaggeeffaman irratti argamuuf dhuunfaatti aarsaa guddaa kaffaluun isaan barbaachisee ture. Bakka buutonni hedduun mandaroota fagoo taʼanii fi geejjibni baaburaa, akkasumas daandiin konkolaataa itti hin argamnee kan dhufan turan. Gumiin tokko ‘Baaburri naannoo kana dhufu hin jiru’ jedhee barreesseera. Kanaaf bakka buutonni, baabura magaalaa walgaʼii guddaan itti gaggeeffamutti isaan geessu bira gahuuf, gaangeetti fayyadamuu ykn guyyoota hedduudhaaf miillaan deemuu qabu turan.
Dhugaa Baatonni hedduun harka qalleeyyii waan turaniif, kaffaltii geejjibaa gara walgaʼii dhaquuf qofa isaan dandeessisu kaffaluuf illee ni rakkatu turan. Erga achi gaʼanii booda, baayʼeen isaanii mana Dhugaa Baatota naannoo sana jiraatanii fi jaalalaan isaan simatanii boqotu. Kaan immoo, Galma Walgaʼii keessa bulu. Yeroo tokko obboloonni 90 taʼan waajjira damee keessa kan buufatan yommuu taʼu, “kaartooniiwwan kitaaba of keessatti qabatan 20 wal bira tarreessanii akka sireetti itti fayyadamanii” turan. Sireen kun lafa simmintoo caalaa mijataa fi hoʼaa waan taʼeef, obboloonni kun qophii kanaaf akka galateeffatan Kitaabni Waggaa gabaaseera.
Dhugaa Baatonni dinqisiifannaa qaban kun, walgaʼii Kiristiyaanaa gammachiisaa taʼe kanaaf aarsaa kam iyyuu kaffaluun isaanii sirrii akka taʼe amanu. Harʼas yeroo lakkoofsi babalʼistoota Meeksikoo gara miliyoona tokkootti siqaa jiru kanattis miirri galateeffannaa isaanii mulʼachaa jira.b Bara 1949tti waajjirri damee Meksiikoo waaʼee obbolootaa akkana jechuudhaan gabaaseera: “Haala rakkisaa keessatti illee hinaaffaan obboloonni dhugaadhaaf qaban hin qabbanoofne; sababiin isaas yeroo walgaʼiin tokko gaggeeffamutti erga walgaʼichi raawwatamee booda yeroo dheeraadhaaf yaada ijoo isaa irratti ni mariʼatu turan. Yeroo baayʼee immoo “Walgaʼii itti aanu yoom godhanna laata?” jedhanii gaafatu turan. Gabaasni sun akkuma yeroo sana dhugaa ture harʼas dhugaa dha.—Kuusaa keenya Giddu Galeessa Ameerikaatti argamu irraa.
a Akka Kitaabni Waggaa 1994 ibsetti, walgaʼiin kun “Dhugaa Baatonni Yihowaa Meeksikoo keessatti beekamtii akka argatan” taasiseera.
b Bara 2016tti Meeksikootti namoonni 2,262,646 Ayyaana Yaadannoo irratti argamaniiru.